Madda suuraa, AFP via Getty Images
Jimaata ganama Iraan misaa'elaan gandoota kaaba Israa'el haleeluun namoota hedduu miidhuu Tajaajilli Yeroo Balaa Israa'el ibse.
Tajaajilli kun Magen David Adom (MDA) kan jedhamu yoo ta'u haleellaa kanaan namoota miidhaman 60tti siqaniif tajaajila wal'aansa yeroo erga kennee booda gara hospitaala Zarzir, handaara magaalaa Naazereet jiruutti geessuu ibse.
Namoota haleellaa misaa'elaa Iraaniin miidhaman kunneen keessaa 57 kan ta'anirra miidhaa salphaatu ga'e.
Gama kaaniin halkan keessa sababuma waraana kanaan Masjiida al-Aqsaatti Salaatni adda citeera.
Ministeerri dhimma alaa Israa'el akka ibsetti sababi Salaati adda citeef Iraan misaa'elaan iddoowwan qulqulluu Jerusaalem keessa jiran haleeluuf waan akeekkachiifteefi.
Ibsi ministeerichaa akkas jedha: ''haleellaawwan Iraan raawwachuuf doorsisaa turte keessaa tokko iddoowwan qulqulluutti meetira muraasa dhihaatee kufeera.''
Sababa kanatti kadhannaan iddoowwan qulqulluu keessatti gaggeeffamu yeroof adda citeera jedhe.
Kunis lubbuu dhala namaa balaa jalaa baraaruu fi nageenyummaa amantootaaf jecha kan raawwatamedha akka ministeerichaatti.
Iddoowwan qulqulluu amantiiwwan Islaamaa, Yihuudaa fi Kiristaana biratti iddoo guddaa qaban magaalaa Jerusaalem keessatti argamu.
Haleellaa misaa'elaa Iraan Israa'el irratti raawwatteen miidhaa qaqqabe viidiyoodhaan:
Ibsa waa'ee viidiyoo, Hojjettoonni tajaajila yeroo balaa bakka haleellaan itti mudatetti argamuun yeroo namoota gargaaran