Waraana Iraan irraa biyyootni waa buufatan eenyu? Kanneen miidhaman hoo?

Waraana Iraan irratti adeemsifamaa jiru Kanaan biyyootni waa buufatan eenyu? Kanneen miidhamanhoo?
Waraana keessatti yeroo hedduu qaamni ifatti moo'atu jiraachuu dhiisu mala. Namootni sivilii garuu gatii guddaa kanfalu.
Dhiheessii anniisaa Idil addunyaatiin walqabatee Sababa waraana kanaatiin biyyootni akka malee miidhaman jiru. Biyyootni kaana ammoo tarsiimoo caaseffatanii lola kana keessa waa buufachuuf dhama'uutti jiru.
Waraanni US fi Israa'eel Iraan irratti banan qaxanaa baha giddu galeessaas ta'e addunyaa irratti bu'aawwan hin eegamne hordofsiisurratti argama. Biyyoota galoo galaanaa tasgabbii dhabsiisuun lammiileen kuma dhibbaan lakkaa'aman qe'eerraa godaananiiru.
Qaxanaa lolli itti adeemaa jiru Kanaan alatti ammoo Sababa ulaa Hormuuz cufamee fi sochii dooniwwanii daanga'eef gatiin boba'aa dabalee fayyadamtootaa fi daldala irratti dhiibbaa uumeera.
Garuu balaa deemaa jiru kana keessatti biyyootni fayyadamoo fi miidhamoon kam ta'u?
Raashiyaa

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Iraan Raashiyadhaaf gama meeshaalee waraanaatiin michuu lubbuuti. Ajjeefamuun hoggana olaanaa Iraan Ayatolaa Alii kamenii, erga Bashar Alasad hogganaan siiriyaa aangoorraa ariyamee fi US pirezedaantii Venzuweelaa too'attee naasuu dippilomaasii guddaa Raashiyaa mudatedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu Waraanni baha Giddugalessaa keessatti deemaa jiru kuni Raashiyaadhaaf carraa gaarii uuma. Waraana Yukireen waliin gaggeessaa jirtu keessatti US meeshaalee Waraanaa Yukireen deeggartu gara baha giddugaleessaa kanatti akka fuulleffattu waan ta'uufi.
"Misaa'eloonnii fi rokeetonni misaa'ela qolatan gabaarraa xiqqaachuun Raashiyaaf carraa gaariidha. Yukireen gabaarraa akka barbaadde akka hin bitanne waan ta'uuf. " jedhu inistituutii qorannoo siyaasaa Paarisitti gargaaraa piroofeesaraa kan ta'an Nikoli Girajewski.
Raashiyaan gara jalqabaa Yukireen waliin waraana jalqabdetti hariiroo waraanaa Iraan waliin qabdu haalan fayyadamaa turte. Keessumaa Diroonota shahed jedhaman Iraan fayyadamaa turte.
Raashiyaan amma waraana yukireen waliin adeemsisaa jirtuuf gulantaa Iraan irraa deeggarsa barbaaddu irra hin jirtu. Raashiyaan Amma diroonota shahed jedhaman kana ofumaan imishaa jirti.
Haa ta'u malee Iraan ulaa Hormuuz cufuunshee geejjiba boba'aa danqee gatii boba'aa olkaasaa waan jiruuf kuni Raashiyaaf aara galfii uuma. Iraan Sababa waraana Yukireen waliinii Kanaan dhiphina keessa turterraa hafuura akka galfattu gargaara.
Bajatni federaalaa Raashiyaa alergii boba'aa irratti hundaa'e boba'a barmeela tokko doolaara 59tti gurguraa ture amma gatiin gara doolaara 120tti dhuka'eera.
yeroo biyootni galoo galaanaa alergii boba'aa isaanii danqame kanatti Raashiyaan boba'a gara biyyoota Chaayinaa fi Indiyaatti erguuf carraa gaarii uumaaf.
"Indiyaan bittaa boba'aa Raashiyaa irraa akka hir'istu gaafatamaa turte. Garuu amma yoo xiqqaate ji'a itti aanu kanaaf Raashiyaarraa boba'a akka bitatan US heeyyamtee jirti" jedhan ogeessi Dinagdee Deeviid Fayif.
Kana malees haala rakkisaa amma boba'a irratti addunyaa mudate kanaaf jecha qoqqobbiiwwan boba'a Raashiyaa irra kaa'amanii ture kaafamuus malu.
Chaayinaa
Akka wiirtuun immaammata anniisaa idil addunyaa jedhutti chaayinaan boba'a hin calalamne gara biyyasheetti galchitu keessaa Iraan irraa kan fudhattu harka 12 qofa.
Kana malees Chaayinaan kuusaa boba'aashee keessa boba'a ji'oota hedduuf ishee gahu kan qabdu yoo ta'u yeroo barbaaddetti gara gabaa Raashiyaa irraa galfachuutti seenuu dandeessi.
Akka Faayif jedhutti, Sababa waraana Iraan Kanaan garuu imaammanni alergii irratti bu'uureffame kan Chaayinaan hordoftu miidhamuu mala.
Dinagdee waliigalaa biyyattii keessaa alergiin gahee harka 20 qaba. ulaan Hormuuz cufamuun Chaayinaadhaaf hagas mara waan yaaddoo uumu miti.
Garuu meeshaaleen Chaayinaan gara lixaatti ergitu Atilaantik gahuun waan hin oolle. Gama kaaniin karaa Arabiyaan Peninsulaa, ulaa babel Mandeb, kan ardiiwwan eeshiyaa, Awurooppaa fi Afrikaa walqunnamsiisu hidhattootni hawutii yemenii fi hidhattoonni Iraanin deeggaraman haleellaa raawwatu.
"carraan traafikni galaanarraa kan galaana diimaa akka hama miidhamuu bal'aadha. Kaargoowwan eeshiyaa irraa gara Arilaantik imalan karaa kibba Afrikaa 'Cape of Good Hope' akka naanna'an ta'u" jedha Fayif.
Kuni ammoo baasii guddaa kan gaafatudha jedha xinxaalaan baha giddu galeessaa Neyil Kuliim.
"Imala irratti guyyaa 10 hanga 14 dabala. Meeshaa geejjibsiifamu irratti hundaa'ees baasii dabalataa giddugaleessaan doolaara miliyoona lama gaafata" jedha.
Waraanni Iraan kuni Chaayinaadhaaf carraawan dipilomaasii gaarii uumuufii mala. Pirezedaantiin Chaayinaa Shii Jimping gaggeessaa ejjennoo fi tasgabbii qabu ta'ee mul'achuuf hiree waan kennuuf fakkaata.
Gama kaaniin waraanni Iraan kuni dhibdeewwan Chaayinaan Taayiwaan waliin qabdu irratti Tiraamp xiyyeeffanaan isaanii gara isaanii akka hin deebine gochuun carraa gaarii uumuufii mala.
Biyyoota guddachaa jiran
Biyyootni kibba Baha Eeshiyaa kan boba'aa fi Gaazii baha giddugaleessaa irratti akka malee hirkatan waraana Kanaan akka malee miidhamoodha.
Biyyootni muraasni balaa dhufe kana jalaa karaa ittiin nubaasa jedhan mala dhahachuu eegalaniiru.
Erga waraanni kuni eegalee Veetinaam keessatti gatiin boba'aa harka 60'n olka'eera. Kanaaf jechas mootummaan biyyatti lammiileen mana taa'anii akka hojjetaniif gaafachaa jira.
Filiippiinsi, kan boba'a hin calalamne harka 95 baha giddugaleessaa irraa galchituutti hojjettoota tajaajila balaatiin alatti hojjettoonni kaan torbee keessaa guyyaa afur qofa akka hojjetan ta'eera.
Paakistaan keessattis Hojjettoota Baankiitiin ala tarkaafiin walfakkaatu fudhatameera. Hojjettoonni hanga danda'ameen manaa akka hojjetanii fi barattoonni Yunvarsiitiis barnoota karaa oonlaayinii akka baratan ajajameera.
Ministirri muummee Paakistaan Shehibaan Shariif ibsa karaa TV kennaniin, kuusaa boba'aa biyyattii qusachuu fi sirnaan fayyadamuun murteessaadha jedhan.
Baangilaadesh keessattis boba'a argachuuf hiriira dhedheeraa eeguun dirqama. Isumaanuu konkolaattotaaf guyyaatti litira kudhan, doqdoqqeef ammoo guyyaatti litira lama qofti akka kennamu ta'e.
Garuu balaan waraana Iraan keessaa kuni hanqina dhiheessii boba'aa qofarratti dhaabbachuu dhiisuu mala.
Qonnaan bultoonni omisha isaanii guddisuuf xaa'oo biyyoota adda addaa irraa geejjibsiifamuun dirqama. Geejjibi galaanarraa yoo danqame ammoo xaa'oo geejjibsiisuun rakkisaa ta'ee hanqina midhaan nyaataa hordofsiisuus mala.
"Xaa'oon Yuuriyaa harka 30 ta'u karaa ulaa Hormuuz geejjibsiifama. Kanaaf xaa'oo Yuuriyaa harka 30 gabaa addunyaa irraa yoo danqame wabii midhaan nyaataa addunyaa irratti balaa fiduu mala" jedha Kuliim.
Haleellaa bu'uuraalee isaarratti raawwatameen booda omishaa fi ala ergaan xaa'oo Yuuriyaa guddichi Addunyaa, 'QatarEnergy', yeroodhaaf omishaa fi rabsaa dhaabuuf dirqamaa jiraachuutu himama.
"Gama wabii nyaataatiin balaa dhufaa jiru, gama qaala'iinsa jireenyaatiin ji'oota ja'a, sagal booda maaltu akka ta'uuf deemu tilmaamuun ni danda'ama" jedha Kuliim.








