MM Abiy sababa waraana US-Israa'el Iraan waliin gaggeessaa jiraniin muudama keessa kan jirtu UAE daawwachaa jiru

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, WAM

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad daawwannaa hojiif Yunaayitid Arab Eemireets (UAE) deemuu Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa beeksise.

Ministeerri Dhimma Alaa kun MM Abiy Kamisa ganama UAE gahuufi daawwannaa hojiif garas imaluu malee odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Imalli MM Abiy kun wayita waraana US-Israa'eliifi Iraan gaggeessaa jiran hin caamiin jirutti kan taasifaedha.

UAE'n biyyoota michuu US fi Israa'el sababa waraana amma Baha Giddugaleessaatti deemaa jiruunn Iraan irraa haleellaan dirooniifi misaayeloota baalistikii hedduun itti dhukaafamaa jiran keessaati.

Erga waraanni eegalee dirooniiwwan 1,500 ta'aniifi misaayelotni baalistikii dhibbaan lakkaa'aman itti dhukaafamaniiru.

Sababa kanaattis lubbuun namootaa darbeera.

Itoophiyaan erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangoo qabatanii as UAE waliin michummaa cimaa ijaarteetti.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaafi kanneen biroo hedduu sababa waraana kanaa imala gara Baha Gidduugaleessaatti godhamu wayita haqanii jiranitti MM Abiy garas imalan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

MM Abiy yeroo Buufata Xiyyaaraa Abu Daabii ga'anitti Ministirri Haqaa Yunaayitid Arab Emireetis Abdullaahii Sulxaan Biin Hawaad Al Nuhiimasa simannaa akka taasisaniif burqaan oduu Emireetis gabaaseera.

MM Abiy Abu Daabii kan galan xiyyaarra Daandii Qilleensaa Itoophiyaatiin balali'uun akka ta'e suurri waajirri isaanii baase ni agarsiisa.

Abiy Kamisa ganama Abu Daabii osoo hin qaqqabiin dura Roobii jila isaanii qabatanii gara Jibutiitti imalanii turan.

Turtii isaanii Jibutii kanaanis pirezidantii Jibutii Omaar Gilee, pirezidantii Somaaliyaa Hasan Mohaammad Sheek waliin mariyataniiru.

Mariin hoggantoota biyyoota sadanii "dhimmoota naannichaa irratti" kan xiyyeeffate akka tures waajirri ministeera muummee beeksiseera.

Aanga'oota olaanoo Ministira Muumme Abiy waliin deeman keessatti Daarektara Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa Ambaasaaddar Rediwaan Huseen, Ministira Maallaqaa Ahimad Shidee, Ministira Nagaa Mohaammad Idiriis, akkasumas Pirezidantii Itti-aanaa Paartii Badhaadhinaa Adamn Faaraah ni argamu.

Dabalataan, MM Abiy gaafa Roobii, Bitootessa 11, 2026 ministira dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin bilbilaan mariyataniiru.

Itoophiyaafi Yunaayitid Isteet karaatti Gaanfa Afrikaatti ''nageenya waaraa'' buusuuf bu'uura kaa'uun danda'amurratti ture mariin isaanii kun.

Mariin aangawoota kanaa ji'oota sadii keessatti yeroo lammataaf taasifame.

Aangawoonni lamaan Ameerikaafi Israa'el waliin ta'uun Iraan waliin yeroo waraana hamaa keessa jiraniifi daafiin waraana kanaa biyyoota Baha Giddugaleessaa yaaddessaa jiruttidha.

''Ministirri Dhimma Alaafi Ministirri Muummeee nageenya naannichaaf cichoomina qaban, wal ta'insa farraa shororkeessummaa, badhaadhina dinagdeefi Gaanfa Afrikaatti nageenya waaraaf bu'uura tolchuuf mari'atan,'' jedheera ibsi bahe.