'Evertan Arsenaalitti cimuunsaa hin oolu': Tilmaama taphoota Piriimer Liigii

Morkii Arsenaaliifi Evertan

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Tootenhaam barana qormaata cimaa keessaa galee jira. Kilabni Piriimer Liigii Ingilaand keessatti maqaa guddaa qabu amma Liigicha keessa turuu caalaa keessaa bu'uutti dhihaatee jira.

Kilabni kaaba Landan kun dorgommii Chaampiyoonsi Liigii keessa jiraatus carraa argate hin fayyadamne.

Dorgommii marsaa 16 tapha jalqabaan garaagarummaa bal'aan [goolii 5 fi 2] Atileetikoo Maadiriidiin injifatameera.

Piriimer Liigii keessattis kilaboota bu'uuf karaa qabatan irraa qabxii tokkoon qofa fagaatee jira.

Liiverpuul ga'umsa gaariirra jiraachuu baatus taphi Dilbata Tootenhaam waliin taphatu carraa ta'uufii danda'a.

Leenjisaa haaraa jalatti daddaaqamaa kan jiru Tootenhaam cichee falmatee Liigicha keessa turuuf abdii horatamoo, mo'amee carraa bu'uuf qabu bal'isa?

Xiixalaan kubbaan miillaa BBC Kiriis Suutan tapha kanaa fi taphoota Piriimer Liigii Ingilaand Sambataa hanga Wiixataatti taphataman kurnan tilmaameera.

Sambata

Barnilee v Bornimaawoz

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barnileen Liigicha keessa turuudhaaf waan hojjechuun irraa eegamu ibsaa turullee, amma garuu waan milkaa'u hin fakkaatu.

Barnileen salphaatti kan harka kennu ta'uu baatus tapha kanaan qabxii hin argatu.

Amajji gara dhumaarraa kaasee kan hin mo'amiin jiru Bornimaawoz, taphoota sadii walitti aansee walqixa ba'uun booda gara carraa mo'achuutti waan deebiyu fakkaata.

Tilmaama: 0 - 2

Sanderlaand V Biraaiten

Sanderlaand Liigicha keessa akka turu kan mirkaneeffate fakkaatus, bu'aa gaariin bara dorgommichaa xumuruuf dirreesaarratti mo'achuutu irraa eegama.

Gatantaraa kan jiru fakkaatu Biraayitenis Bireentifoordii fi Nooigihaam Forest mo'atee Arsenaaliin garuu qabxii dhiphaan mo'ameera.

Biraayiyen tapha kanaan yoo mo'ate sadarkatiin Sanderlaand caalee bakka qabata.

Tilmaama: 1 -1

Arsenal v Everten

Arsenaal tapha Shaampiyoons Liigii Baayer Liivarkusan waliin taaiserratti ga'umsa gadi aanaa ture kan agarsiise. Goolii peenaaliitii dhumarratti argataniin ture Kaay Aveertiz lakkoofsiseef wal qixaan kan xumuran.

Gareen kun taphni itti baayyachuu isaatiin dadhabbiin irraa mul'atullee, hundeen kilabichaa ammallee amansiisaadha.

Marsaa duraan gareen lamaan morkii cimaa taasisanii Arsenaal mo'achuun isaa ni yaadatama.

Ani ammas seenaadhuma wal fakkaatuti dabalama jedheen yaada. Ta'us Everten tapha kana ulfaataa taasisuun isaa hin oolu.

Tilmaama: 2 - 0

Asxaa Chelsii fi Niiwukasil

Chelsii v Niiwkasil

Chelsiin dirree isaarratti taphoota 12 taasise keessaa 11mo'achuu danda'eera.

Tapha bara kanaa marsaa duraatiin gareen lamaan 2 wal qixa ba'uun isaanii ni yadatama.

Antoonii Goordan fayyaa guutuu argatee akka deebiyu Niiwkasil abdachaa jira.

Goordan taphates taphachuu baatus garuu qabxiin sadan kanuma Chelsiiti.

Tilmaama: 2 - 1

West Haam v Manchester Siitii

Maanchester Siitiin erga bara 2015 as West Haamiin mo'amuu baatus, morkii cimaatu isa eeggata.

Siitiin torbanoota muraasa itti aanan xumura Waancaa Karabaa'oo Kaappiin Arsenaal waliin, FA CUP irratti ammoo tapha nuusa xumuraan Liiverpuul waliin taphoota murteessoo taasisa.

West Haam torban darbe Fuulhaam mo'achuu danda'ullee dirree isaarratti garuu garee amansiisaa hin taane.

Taphni kun Siitiif cimaa ta'us ni mo'ata.

Tilmaama: 1 - 2

Dilbata

Kiristaal Palaas v Liids Yunaayitid

Marsaa duraan Liids 4 fi 1 mo'atellee Palaas taphoota lama mo'atee ga'umsa gaariirratti argama. kanaaf, morkii gaariitu jiraata.

Liids Liigicha keessaa kufuuf yaaddoo keessa waan jiruuf waa buufachuu barbaada.

Gareen kun ejjennoo gaarii qabaachuu agarsiisullee, sadarkaa gabatee Liigichaarra jiruun garuu kufaatiirraa qbxii sadiin qofa fagaatee argama.

Tapha kanaan goolii akka lakkaa'amu tilmaamullee taphni kun walqixaan xumurama.

Tilmaama: 2 - 2

Asxaa Aston Viilaa fi Maanchester Yunaayitid

Maanchester Yunaayitid v Aston Viilaa

Tapha kilaboota sadarkaa sadaffaafi afraffaa irra jiran gidduutti taasifamudha.

Maayikel Kaariik gareen isaa caba Niiwkasiliin mo'amuu isaarraa deebiyuu itti agarsiisu ta'a.

Aston Viilaan bara dorgommii kana dadhabinaan jalqabee, dadhabinaan xumuruuf waan deemaa jiru fakkaata.

Marsaa duraan Aston Viiilaan 2 fi 1n mo'atullee, amma Maanchester Yunaayitid qabxii wal fakkaatuun waan mo'atu fakkaata.

Tilmaama: 2 - 1

Nootingihaam Forest v Fuulhaam

Kun Foresiif tapha murteessaadha.

gareen kun Maanchester Siitii waliin walqixa ba'ullee , Forest tapha kanaan taphoota 11 darbanitti waan hin argatiin milkeessuuf yaaluu malu. Haata'u malee, mo'atanii qabxii sadii argatu jedhee hin yaadu.

Fuulhaam bu'aa akkamii akka galmeessisu baruuf rakkisaa ta'us, gareen kun bilisaan akka taphatu nan tilmaama.

Tilmaama፡ 1 - 1

Liiverpuul v Tootenhaam

Leenjisaa Igoor Tudoor haala baayyee rakkisaa ta'e keessatti Tootenhaam leenjisuutti dhufee caalaa akka wal xaxu godheera.

Gareen kun rakkoo wal xaxaa keessa yoo ta'u, Tudoor saffisaan kan dhufe bu'aa argachuuf ta'ullee milkaa'aa hin jiru.

Liiverpuulis taanaan kilaba amansiisaa ta'uu hin dandeenye.

Tapha kanaan garuu hin mo'aman.

Tilmaama: 2 - 0

Wiixata

Bireentifoord v Woolvis

Woolvis kaka'umsa gaariirra kan jiru ta'us, garee tokkica dirree isaatiin ala mo'achuu hin dandeenyedha.

Bireentifoord ammoo leenjisaa Keetii Andiriiwu jalatti Liigicha keessatti haala gaariin deemaa jira.

Tilmaama: 2 - 1