KALLATTIIN, Imbaasiin US Baagidaad jiru misaa'eliin haleelame

Rooyitars maddeen eeruun osoo miidhaa qaqqabe bal'inaan hin ibsiin haleellaa misaa'eliitiin gamoon Imbaasii US rukkutamee aarri ol ba'aa jiraachuu gabaaseera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waraanni Iraan sadarkaa 'murteessaarra' gaheera- Ministara Ittisaa Israa'el

    Israa'el Kaatz

    Madda suuraa, Reuters

    Ministarri Ittisaa Israa'el waraanni Iraan ''sadarkaa murteessaarra gaheera'' jedhe yaada har'aa ganama gamaaggama haalaa irratti kenneen.

    Israa'el Kaatz eda galgala odola boba'aa Iraan ijoo haleeluusaaf ergaa baga gammaddee dabarseera.

    Jalqaba torbee kanaa Ameerikaan dooniiwwan ulaa Hormuuz turan sagal haleeluu himteetti. Iraan ulaa kanarra meeshaa dhuka'u keesseetti himannaa jedhu ni waakkatti.

    Kaatz yaada har'a ganama kenneen Humni Qilleensaa Israa'el ''Teehraaniifi guutummaa Iraan keessatti haleellaa jabaa taasisaa jira,'' jechuu booda lammiilee Iraan qofatu mootummaa kana buqqisuu danda'a jedhan.

  2. Hamaas Iraan biyyoota ollaa irratti qiyyaafachuu akka dhiistu waamicha dhiyeesse

    Hamaas Iraan biyyoota ollaashee irratti qiyyaafachuu akka dhaabduufi hawaasni idil-addunyaa waraana kana dhaabuuf akka hojjetu waamicha dhiyeesse.

    Gareen hidhataa Filisxeem waraana baha gidduugalaa keessatti adeemaa jiru ''yaaddoo jabaan'' hordofaa jira jedhe. ''Nagaafi tasagabbii naannichaafis yaaddoo dhas'' jedheera.

    Ibsa Telegiraamii irratti kenneen waraanni Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti geggeessaa jiran seera idil-addunyaa cabsaa jedhe. Weerara kana dhaabuudhaaf biyyooti hundi tokkummaan hojjechuu qabu jedhe.

    Hamaas Ameerikaa fi UK dabalatee shororkeessummaan labsameera.

  3. Magaali guddoo Iraan eda 'akkaan haleelamaa bulte' - Jiraattota

    Jiraattonni kaaba, bahaafi lixa Iraan jiran magaalaan guddoo biyyattii eda ''akkaan haleelamaa bulte,'' jedhu.

    ''Wayiin tokko dhihoo kanatti dhohee mana raase. Kanaan dura waan akkasii mudatee hin beeku. Garaan na raafamaa ture,'' jette dubartiin ganna 20 Teehraan jiraattu.

    ''Isan rafuuf jedhu dhohinsa gaafan dhagahu nan ka'e,'' jedha nam ni biraa tokko.

    ''Takka gadi hin baane, guyyaa nama sodaachisu ture,'' jedhe namni biraan ganna 30 keessa jiru.

    Haleellaan jabaan kuni raawwachuun dura ''tasgabbaa'ee ture,'' jetti.

  4. Libaanositti erga waraanni jalqabee namoonni 770 ol ajjeefamaniiru

    Gamoo diigame

    Madda suuraa, EPA

    Yeroo ammaa kana haleellaa Israa'el Kibba Libaanositti raawwatteen aarri gamoo keessaa bahu mul'achaa jira.

    Naannoo Haareet Saayidaa jedhamutti gamoo haleellaa Israa'eliin manca'etu mul'ata.

    Haleellaa miilanaan namni hangam akka miidhame waan beekame hin jiru.

    Erga waraanni kuni jalqabee namoonni 770 ol tahan akka ajjeefaman ministarri fayyaa beeksiseera.

  5. Jiraattonni Qaataar, Dohaa wiirtuu magaalattii keessaa akka bahan godhamaa jiru

    Magaalaa Dohaa

    Madda suuraa, EPA

    Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa Qaataar bakkeewwan baayyeetti of eeggannoof jecha jiraattota baasaa jiraachuu beeksise.

    Odeeffannoo hanga ammaa jiruun, sadarkaafi gosti yaaddoo jiruu beekamuu baatus, Qaataar halkan eedaafi har'a barii haleellaawwan misaa'elii lama keessummeessiteetti.

    Iraan jalqaba torban kanaa biyyoonni fedhii dinagdee Ameerikaa keessumeessan akka irratti xiyyeeffatamu erga dubbattee booda tarkaanfii Qaataar fudhatte kun sana ilaallata fakkaata.

    Jiraattonni handhuura Dohaa naannoo Musheyiir hatattamaan gadhiisanii akka bahan ergaan bilbilaa isaan qaqqabeera.

    Naannoon sun waajiraaleen Google fi American Express bakka itti argamanidha. Qaamoleen nageenyaas naannoo waajira muummee Microsoft Qaataaritti akka bobbaafamanis himameera.

    Burqaan oduu Rooyitars akka jedhetti, aanga'oonni biyyattii jiraattonni naannawaa mooraawwan yunivarsiitii Ameerikaa ja'a jiraatan bakka sanarraa akka fagaatan gochuu isaanii gabaaseera.

    Gama kaaniin imbaasiiwwan Ameerikaa Baha Giddugaleessaa keessa jiran ammallee yaaddoo keessa jiru.

    Odeeffannoo kana waliin walqabatan biroof:

  6. Iraan haleellaa 48ffaa Israa'el irratti banuu beeksifte

    Eegduun Warraaqsa Rippaabliika Islaamaa Iraan Israa'el irratti haleellaa 48ffaa geggeessuu miidiyaan biyyatti gabaaseera.

    Haleellaan kuni Libaanosirraa Heezboollaa waliin akka geggeefame maddi oduu mootummaa biyyattiitti hidhata qabu himeera.

  7. Xiyyaaronni Ameerikaa shan Sa'udii keessatti misaa'elaan haleelaman

    Xiyyaarota Ameerikaa warra miidhaan irra gahe waliin warra walfakkaatan

    Madda suuraa, EPA

    Xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa qilleensarratti boba'aa guutan shan Sa'ud Arabiyaa keessatti Iraan misaa'eliin haleeltee miidhaan irra gahuu Wool Istriit Joornaal gabaaseera.

    Xiyyaaronni kunneen osoo Humna Qilleesnaa Ilma Mootii Sa'udii Sulxaan keessa jiranii guyyoota muraasa dura haleellaa misaa'elaa Iraan gaggeessiteen rukkutamuu isaanii aanga'oota Ameerikaa eeruun gabaaseera.

    Xiyyaaronni waraanaa boba'aa fe'an kunneen haleelaa irratti raawwatemeen miidhaan irra gahus garuu guutummaan guutuutti akka hin manca'iin aanga'aan kun dubbatanii, "yeroo ammaa kana suphamaa" jiraachuufi haleellaa kanaan namarra midhaan akka hin qaqqabiin Wool Istiriit Joornaal ibseera.

    Xiyyaarota waraanaa Ameerikaa shanan kanarratti haleellaan raawwatamuu gabaasni ibsu kun kan bahe xiyyaarri humna qilleensaa boba'aa guutu KC -135 Kamisa darbe Iraaq Lixaa keessatti kufee caccabuun isaa erga himameeti.

    Baha Giddugaleessaatti ergama waraanaa Ameerikaa kan to'atu Humni waraanaa Yunaayitid Isteet Ajaja Giddugaleesssaa (Seentikoom) akka mirkaneessetti, bala amudate kanaan namoonna ja'a xiyyaaricha keessa turan du'aniiru.

    Odeeffannoo kanana walqabataniif:

  8. Iraan dhaabbileen boba'aa US waliin hojjetan 'daaraatti dabalamu' jechuun dhaadatte

    Odola Kaargii, Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Humna Waraanaa Iraan bu'uuraaleen misoomaa zayita boba'aafi inarjii kan dhaabbilee daldalaa US waliin hojjetanii "battalatti akka barbadaa'aniifi daaraatti dabalaman" akeekkachiisuu miidiyaa biyya keessaa gabaaseera.

    Oduun saba-himaalee Iraan Fars fi Tasnim irratti gabaafame kun "deebii ibsa' Doonaald Tiraampiin kennameeti.

    Miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti baaseen, Tiraamp humnoonni US bu'uuraaleen waraanaa Iraan Odola Kaargii kan Ulaa Hormuz keessatti argamuu "guutummaatti barbadeessaniiru" jedhe.

    Bakki kun ammoo karaa galaanaa dooniin boba'aa addunyaaf dabarsanidha waan ta'eef akkaan murteessaadha.

    US'tti michuu BBC kan ta'e CBS dooniiwwan US galaana jala hojjetaniifi kan waraanaa dabalataan gara Baha Giddugaleessatti bobbaafamuuf jiru jedhee gabaaseera.

    Odeeffannoo kanaan walqabatan biroof:

  9. Imbaasiin US Baagidaad jiru misaa'eliin haleelame

    Aarri haleellaa diroonii Imbaasii US Baagdaad jiru irratti raawwatameen booda mul'atu

    Madda suuraa, Getty Images

    Imbaasiin US kan magaalaa guddoo Iraaq, Baagidaad jiru haleelamuu isaa gabaasni bahe mul'iseera.

    Rooyitars maddeen eeruun osoo miidhaa qaqqabe bal'inaan hin ibsiin haleellaa misaa'eliitiin gamoon Imbaasii US rukkutamee aarri ol ba'aa jiraachuu gabaaseera.

    Assoosheetid Pirees akka gabaasetti misaa'eliin Imbaasii US keessatti bakka qubata helikooptaraa rukkutuu gabaase.

    AFP'n ammoo maddeen eeruun imbaasicha dirooniitu rukkute jechuun gabaaseera.

    Haleellaan kun kan raawwate loltoonni Iraaniin deeggaraman lama haleellaa gaggeeffameen ajjjeefamanii osoo baayyee hin turiinidha.

    Odeeffannoo dabalataaf:

  10. Iraan akkamiin diroonii gatii gad aanaan Giddugala Bahaatti yaaddoo uumte

    Diroonii Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Donaald Tiraamp gaafa jalqabaa Ameerikaan haleellaa qilleensaa Iraan irratti raawwatte misaa'elonni Iraaniifi indastiriin misaa'elii biyyattii ''guutummaan guututti'' barbadaa'a jedhanii turan - garuu waa'ee diroonota Iraan maqaa hin dhoofne.

    Waraanichi eegalee guyyoota jahatti qofa ittisa qilleensaa mudduufi naannawa Giddugala Bahaa yaaddoorra buusuuf Iraan diroonota gatii gad aanaa 2,000 ta'an dhukaasteetti.

    Dirooniiwwan kuni dhootuu of keessaa kan qaban yoo ta'u qiyyaafannoo isaanii rukutanii dhohu, miidhaa guddaas dhaqqabsiisu. Hanga yoonaa waraana Ameerikaa irratti miidhaa guddaa kan dhaqqabsiise diroonii buufata waraanaa US Kuweet keessa jiru rukuteeni. Loltoota jahas ajjeseera.

  11. Odolli Iraan Ameerikaan qabachuuf yaadaa jirtu maali?

    Odola Iraan Kaargii

    Madda suuraa, Getty Images

    Akkuma waraanni Baha Giddu Galeessaa cimee itti fufaa jiruun, xiyyeeffannaan Ameerikaa gara odola xiqqaa Galoo Galaana Pershiyaa keessatti argamtu kan wiirtuu dinagdee boba'aa Iraan Odola Kaargi ta'eera jedha gabaasni.

    Odolli xiqqaan kun qarqara galaanaa Iraan irraa gara kiiloo meetira 30 fagaattee galoo galaanaa kaabaa keessatti kan argamtu yoo ta'u, wirtuu ijoo indaastirii boba'aa biyyattiitti.

    Odolli kun bakka tarsimoo Iraan qabdu ijoo taatus bakka kana haleellaa irraa ittisuun rakkisaa fi salphaatti irratti xiyyeeffatamuu kan danda'udha. Haa ta'u malee wayita waraanaa kanatti haleellaan kallattiin hanga ammaatti irratti hin raawwatamne.

    Akka xiinxaltootni jedhanitti hireen odola kanaa kaardii xumuraa Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp Tehran harka micciiruun gara waligaltettii dhiibuuf qabachuuy yaadan ta'uu akka danda'u eeru.

  12. US odola Iraan akkan murteessituu taate Kaargii haleelte

    Pirezidantii US Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidant Tiraamp US odola Iraan akkaan murteessituu taate haleeluu hime. Kana malees, Tiraamp Iraan meeshaa waraanaa lafa keessee "waan [waraana] kanarraa hafe, isayyu yoo hafeera ta'e, akka baraarrattuuf" gaafate.

    US "xiyyeeffannaa waraanaa Odola Kaargii Iraan irra jiru kamiyyu barbadeessuu ishee hime Doonaald Tiraamp.