Viidiyoo hoteelli Dubaay jiru dirooniin yeroo rukutamu mul'isu. Viidiyoon kuni kan waraabame barandaa mana jireenyaa faallaa gamoo kanarraa jirurraati.

Iraan akkamiin diroonii gatii gad aanaan Giddugala Bahaatti yaaddoo uumte

Donaald Tiraamp gaafa jalqabaa Ameerikaan haleellaa qilleensaa Iraan irratti raawwatte misaa'elonni Iraaniifi indastiriin misaa'elii biyyattii ''guutummaan guututti'' barbadaa'a jedhanii turan - garuu waa'ee diroonota Iraan maqaa hin dhoofne.

Waraanichi eegalee guyyoota jahatti qofa ittisa qilleensaa mudduufi naannawa Giddugala Bahaa yaaddoorra buusuuf Iraan diroonota gatii gad aanaa 2,000 ta'an dhukaasteetti.

Dirooniiwwan kuni dhootuu of keessaa kan qaban yoo ta'u qiyyaafannoo isaanii rukutanii dhohu, miidhaa guddaas dhaqqabsiisu. Hanga yoonaa waraana Ameerikaa irratti miidhaa guddaa kan dhaqqabsiise diroonii buufata waraanaa US Kuweet keessa jiru rukuteeni. Loltoota jahas ajjeseera.

Kaartaa biyyoota Giddugala Bahaa mul'isu.
Kaartaa biyyoota Giddugala Bahaa mul'isu.

Haleellaawwan baay'ee kan mudatan michuuwwan US Galoo Galaanaa keessa argaman irratti yoo ta'u, hunduu hamma tokko waraana Ameerikaafi meshaalee waraanaa keessummeessanidha.

Dabalataan, embasiiwwan, bu'uraalee misoomaa ijoo, buufatawwan xiyyaaraa daldalaa, fi hoteelota qananii irratti qiyyaafataniiru.

Kaartaa biyyoota Giddugala Bahaa mul'isan

Haleellaawwan tokko tokko magaalota ummanni baay'ee keessa jiru keessa kan dhaqqaban yoo ta'u, kunis daandiileefi mootummoota Galoo Galaanaarratti yaaddoo uumeera. Ogeeyyiin tokko tokko akka dubbatanitti, kuni ''shororkaa uumuu'' fi walitti bu'iinsi dafee akka dhaabatu Ameerikaa irratti dhiibbaa uumuuf tarsiimoo Iraan baaftedha.

Viidiyoo BBC'n mirkaneesse tokko dirooniin Iraan didichaa raadaarii buufata waraanaa Ameerikaa magaalaa guddoo Baahireen Maanaamaa keessatti argamu yeroo rukutuufi qilleensarratti yeroo faca'u mul'isa.

Viidiyoon biraa immoo hoteela odola nam tolchee Yunaayitid Arab Emireet keessa jiru waliin yeroo walitti bu'u magaalattii keessa dho'insa guddaa, naasuufi ibidda yeroo uumamu mul'ata.

Suuraa buufata waraanaa Ameerikaa magaalaa guddoo Baahireen, Maanaamaa jirurratti miidhaa gahe mul'isu.
Suuraa buufata waraanaa Ameerikaa magaalaa guddoo Baahireen, Maanaamaa jirurratti miidhaa gahe mul'isu. Waan raadaarii fakkaatu haleellaa dirooniin erga rukutame booda ibiddiifi caccabaan qilleensarrattii yeroo faca'an mul'ata.
Suuraa haleellaa diroonii hoteela Dubaay jiruurratti raawwate mul'isu. Diroonichi kutaa gadii hoteelichaa rukuchuu isaa dura saffisaan gadi yeroo didichuufi ibiddi guddaa yeroo uumamu mul'isa.

Haleellaan diroonii keessumaa damee oomisha boba'aa naannichaarratti dhiibbaan dhaqqabsiise guddaadha. Warshaan Sa'udi Arabiyaa guddichi qarqara Galoo Galaanaa Galf naannawa Raas Taanuraa argamuurratti caccabaan diroonii ibidda waan qabsiiseef oomisha dhaabeera.

Tarminaalli addunyaa guddichi boba'aa calalee alatti erguufi Kataaritti argamu qiyyaafannoo diroonii Iraan waan ta'ef cufameera.

Diroononni Iraan dizaayiniifi gatiin isaan oomishuuf bahu rakasa ta'us naannicha irratti miidhaa guddaa dhaqqabsiisaa jiru. Dirooniin Iraan Shaahid 136 jedhamu fageenya dheeraa imalee qiyyaafannoo kan rukutu yoo ta'u gatiin isaa dolaara 20,000 - 50,000 tilmaamama.

Giraafikii diroonii Shaahid 136 mul'isu. Karaa bitaa suuraan nama 1.75m dheeratuufi diroonii xiqqoo bashannanaaf ooltu qabate mul'ata. Karaa mirgaa suuraa diroonii Shaahid mul'isuufi dheerina 3.5m qabuufi koochoo 2.5m bal'atu qabaachuu mul'isa. Barreeffamni barraa'e: namoonni yeroo waa'ee diroonii yaadan yeroo baay'ee isa suuraa kaasuuf hojiirra oolan sammuu isaanitti dhufa. Dirooniin 136 garuu kanarra guddata, 3.5m dheerata koochoon isaammoo 2.5m bal'ata.
Giraafikii teknikaa funyaan diroonii Shaahid mul'isu. Barreeffamni gara funyaan akeeku akkana jedha: funyaan isaa keessa dhootuun fanjii 50kg ulfaatu keessa jira. Misaa'elota baalistikii tokko tokko dhootuu 500kg ta'u qabanirraa baay'ee kan xiqqaate ta'us, miidhaa guddaa dhaqqabsiisuuf garuu gahaadha.
Giraafikii qabiyyee teknikaa koochoo diroonii Shaahid mul'isu. Barreeffamichi akkana jedha: anteenaa ofirraa qabuun saatalaayitii fayyadamuun imala.
Giraafikii qabiyyee teknikaa motoraafi eegee diroonii Shaahid mul'isu. Barreeffamni akkana jedha: motora naanna'u kan ofirraa qabu yoo ta'u kunis sagalee guddaa dhageessisa.

Erga waraanni eegale sagaleen diroonii Shaahid adda ta'e viidiyoo bilbilaan waraabaman irratti dhagahameera. Sagaleen adda ta'e kuni viidiyoo asiin gadiirratti sirriitti dhagahama. Kunis dirooniin tokko magaalaa guddoo Baahireen Maanaamaa keessatti gamoo guddaa yeroo rukutu mul'isa.

https://ichef.bbc.co.uk/images/ic/raw/p0n4rdcz.png

Diroonota biroon faallaatti, dirooniin Shaahid qilleensarratti fagoodhaa kan to'atamu miti. Inumaa dursee odeeffannoo qiyyaafannoo dhaqee rukutu itti guutameeti dhukaafama, imalaafis saatalaayitii fayyadama. Diroonichi hanga fageenya 2,500km imaluu danda'a. Kana jechuun Tehiraanii ka'ee hanga Giriik, Ateens balali'uu danda'a.

Keessumaa misaa'elota baalistikii waliin yeroo wal bira qabamu saffisa olaanaa hin qabu. Ta'us, hammi isaa xiqqaa ta'uufi gad jedhee balali'uun isaa raadaarii jalaa miliquu isa dandeessisa.

Giraafikii dirooniin Shaahid 136 akkamiin akka dalagu mul'isu. Samiirra balali'aa achiis gamootti siqee haleellaa yeroo raawwatu mul'isa. Barreeffamni akkana jedha: Diroonichi gargaarsa rokkeetii furguggisuun lafaa ka'ee ol ka'insa xiqqaarratti hanga fageenya 2,500km imaluu danda'a. Yeroo baay'ee ittisa diinaa jalaa bahuuf dirooniin baay'ee erga takkaa bobba'u. Achii qiyyaafannoo isaatti saffisa guddaan didichee itti bu'ee dho'a.

Raashiyaan diroonii Shaahid waraana Yukireen keessatti magaalota namoonni baay'ee keessatti jiraataniifi buufatawwan anniisaa maddisiisan irratti miidhaa olaanaa dhaqqabsiisuuf itti fayyadamti. Iraan diroonii Shaahiid michuu ishee Raashiyaaf kan gurgurte yoo ta'u Raashiyaan dizaayinii Iraanirratti hundooftee dirooniishee oomishaa jirti.

Miseensi humna galaanaa duraanii US, qondaala waraanaa CIA fi Giddugala Bahaatti Gargaaraa Barreessaa Ittisaa kan ta'an Miik Mulrooy, diroononni kuni kana dura walitti bu'iinsa mudatan keessatti ''sadarkaa olaanaan galma kan gahan'' ta'u mirkaneessuun, Ameerikaanis diroonii Iraan fakkaatu hojjechuushee BBC'tti dubbataniiru.

Dirooniii Lukaas jedhamuufi haleellaa raawwatu akkasumas baasii gad aanaan kan hojjetame Ameerikaan yeroo jalqabaaf guyyoota darban itti dhimma baateetti. Giddugala Bahaatti ajajaan humnoota Ameerikaa Admiraal Biraad Kuppar dizaayinii Iraan fudhachuun ''fooyyessuun deebi'anii Iraan irratti hojiirra oolaniiru'' jedhaniiru.

Suuraa torban muraasa dura doonii waraanaa Ameerikaa USS Santaa Barbaaraa jedhamtuufi Galoo Galaanaatti bobbaaterraa teknishaanonni Ameerikaa yaalii diroonii dhukaasuu yeroo taasisan.
Waraanni Ameerikaa garee diroonii Lukaas Giddugala Bahaa keessatti hundesseera

Ameerikaan diroonota hammam akka bobbaaste ibsuus baattu, Iraan hammam akka furguggiste odeeffannoowwan bahaa jiru. UAE'n hanga yoonaa diroononni Iraan 1,000 ol itti dhukaafamuu dubbatte. Isaan keessaa 71 qofa daangaa ittisaashee cabsee seenuu himte. Tokkoon tokko fashalsuuf gatii guddaa gaafata.

Dirooniin Shaahid karaa baay'een lafaan dhahuun danda'ama - kanneen keessaa meeshaa GPS ukkaamsuun, akkasumas meeshaa waraanaa carallaa qaban fayyadamuun ni eerama. Haa ta'u malee, yeroo ammaa baay'een isaanii jeettii waraanaan yookiin misaa'ela lafarraa dhukaafamaniin rukutamaa jiru.

Iraan bara 2024 diroonii dhibbaan lakkaa'amaniin Israa'el yeroo haleeltu humni qilleensaa UK misaa'elota tokkoon tokko isaanii paawundii 200,000 baasan dhukaasuun lafaan dhahaa ture. Viidiyoon asiin gadi tarkaanfii wal fakkaataa humni qilleensaa UK waraana tibbanaan daangaa qilleensaa Yordaanos keessatti yeroo raawwatu mul'isa.

Suuraa jeettiin waraanaa humna qilleensaa UK daangaa qilleensaa Yordaanos keessatti gara diroonii Iraan misaa'ela yeroo dhukaasu mul'isu.

Inistitiyutii Ameerikaan Intapiraayiz jedhamu keessatti qorataa dhimma Iraan kan ta'an Nikoolaas Kaarl, Iraan dirooniifi misaa'ela dhukaasuun ishee tarsiimoo biyyattiin Ameerikaafi michuuwwan ishee kuusaa meeshaa waraanaa qaban akka fayyadaman isaan dirquuf yaadamedha jedhu.

Dabalataanis, mootummaan Iraan Ameerikaafi michuuwwan isheerratti ''shororkaafi dhiibbaa xiinsammuu uumuuf'' yaaluun Pirezidant Tiraamp waliigaltee dhukaasa dhaaburra akka gahan dirquuf yaadameeti jedhu ekispartiin kun.

Iraan yeroo hangamiif dhiibbaa kana itti fufsiisuuf akka yaadde ifa miti. Iraan waraana dura diroonii Shaahid jedhaman kuma kurnaan lakkaa'aman oomishteetti jedhamee amanama. Haa ta'u malee, haleellaa US fi Israa'el booda kuufama keessaa meeqa akka ishee hafe hin beekamu.

Viidiyoon Humna Eegumsa Warraaqsa Islaamummaa Iraan waliin hariiroo kan qabu miidiyaan Faars gadhiise akka mul'isutti dirooniin Shaahid lafa jala tuulameera. Viidiyoon kuni garuu yoom akka waraabame hin beekamu.

Suuraa dahoo lafa jalaa Iraan diroonota ol kaa'uf itti fayyadamtudha jedhame mul'isu. Dirooniiwwan baay'ee toora galanii mul'atu.

Torban dura Admiraal Kuuppar lakkoofsi diroonota Iraaniin dhukaafaman erga waraanni eegalee 83%'n kan xiqqaate yoo ta'u, misaa'elonni baalistikii dhukaastemmoo 90% xiqqaateera jedhaniiru.

Kaarl immoo ''haleellaa misaa'elaafi dirooniishee itti fufsiisuuf yaalaa kan jirtu yoo ta'u, guyyoota itti aanan dhiibbaan waraanaa US fi Israa'el cimaa yeroo deemu caalaatti itti cimuu mala,'' jedhu.

Suuraafi viidiyoo

Ministeera Ittisaa US, Ministeera Ittisaa UK, Tajaajila Oduu Faars