Joorji Filooyid: Sirna awwaalchaarratti jibba sanyummaa dhaabsisuuf waamichi dhiyaate

Madda suuraa, Getty Images
Sirna awwaalcha Joorji Filooyid kan harka poolisii adiirratti lubbuunsaa darbeerratti jibba sanyummaa akka dhaabbachuu qabuufi yakkawwan kanaan walqabataniif murteen haqaa akka kennamuuf waamichi taasifame.
Namoonni sirna gaggeessaa Joorji Filooyid kan Waldaa Kiristaanaa Teekaas, Huustan keessaatti gaggeefamerratti haasaa taasisan ''yakka inni gurraacha ta'ee dhalachuuf'' raawwatame yaadataniiru.
Joorji Filooyid baatii darbee keessa ture erga qondaalli poolisii daqiiqaawwan sagaliif murmasaarra jilbaan ukkaamseen booda Miiniyaapoolis keessatti kan du'e. Kunisviidiyoon isaa mobaayilaan waraabamee ture.
Qondaaltoonni poolisii gocha kana keessatti hirmaatan biroon afuris hojiirraa har'atamuun himatamaniiru.
Reeffi Joorjis Waldaa keessaa baafamee gara lsfs swwalaa haadhasaa cinaa itti-awwaalamu 'Houston Memorial Gardens ' geeffameera.

Madda suuraa, Getty Images
Intalli obboleessa Joorji tokkoos , Biruukee Wiliiyaams seerri biyyattii warraa gurraachaa miidha jettee akka geedaramuuf waamicha taasifte jirti.
''Sirni kun maaliif akkas kan malaammaltummaan guuteefi dadhabaa ta'e?'' jechuun gaafattee, ''Seeronni warra gurraachaaf miidhaa uumaa jiran kaafamuu qabaatu. Jijiramuus qabu. Yakki jibbaa kana booda hinjiraatiin. Maaloo namoonni 'Ameerikaa guddittii haa taasifnu,'' jennu, garuu yoom Ameerikaa ishee caaltu taasisuu kan dandeenyu?''
Dorgomaa cimaan pirezidaanti Donaald Tiraamp kan ta'an Joo Baadeen karaa ergaa viidiyootiin sirnicharratti haasaa taasisanii ture. ''Joorji Filooyidiif yoo haqni jiraate, dhuguma Ameerikaa keessatti kallattii dhugaa haqa jibba sanyummaa ni qabaanna,'' jedhan.
Baadeen haasaa Tiraamp Joorji ilaalchisuun Sanbattanirra taasisanii ture garmalee qeeqaniiru.
Sirna awwaalchaarratti maaltu jedhame?
Sirna gaggeessaa waldaa 'Foundation Praise' jedhamutti gaggeefameerratti namoota bebbeekamoofi aangaa'oota siyaasaa dabalatee namoonni gara 500 hirmaataniiru.
''Joorji Filooyid kan dagatamu miti, kanaaf asitti argamne,'' jedhee miseensi Kongrasii naannichaa Al Giriin. ''Yakki isaas gurraacha ta'ee dhalachusaati,'' jedhan.
Bulchaan Miniyaapoolis Tiim Waalz gama isaaniin, ummannii daqiiqaa saddeetiifi sakandii 46f calisuun sirna awwalchaaaf kabaja akka kennu gaafataniiru. Kunis daqiiqaawwan Joorji itti ukkaamfamee ajjeefameedha.

Madda suuraa, EPA
Miseensoonni hawaasaa haala nagaa qabeessa ta'een kabaja isaanii sirna gaggeessaarratti akka raawwataniif, akka walitti hin dhiyaanneef waniti dhorku jidduu kaa'amee ture.
Filooyid bakka awwaalchaa qofaatti awwaalama.

Madda suuraa, EPA
Guyyaa Wiixata darbee reeffii Joorji Filooyid waldicha keessatti sa'aatii jahaaf ifatti kaa'amee ture.

Madda suuraa, CBS
Akkasumas sirri yaadannoo Joorji Miniyaapolisiiifi bakka inni itti dhalate Norzi Kaarolinaa keessatti gaggeefamee ture.
Joo Baadeen maatii Filooyidiin maal jedhan?
Warra Dimokiraatootaa bakka bu'uun pirezedaantummaaf dorgumaa kan jiran Joo Baadeen erga guyyaa Wiixataa maatii Joorji Filooyid daawwataniin booda, ''Intallii isaa xiqqoon kunoo asitti argamti, ishenis ''abbaan kiyya addunyaa geedaruuf deemaa' jette'' jechuun CBS'tti himan.

Madda suuraa, @jmilleresq
Wanti asitti ta'aa jiru dhugumatti seenaa Ameerikaa keessatti qabxii olaanaadha, kunis kallattii bilisummaa ummattootaa, mirgoota siviiliifi haala namoota kabajaan keessummeesuutiin,'' jedhaniiru.
Dubbi himaan maatii Joorji Filooyid Beenjaamiin Kiruump kan suuraa walgahiichaa tiwiitara isaa irratti maxxansees, firoonni Joorji Filooyid yaada Joo Baadeen simataniiru jedheera.
''Gara laaffuumaan sun maatii gaddarratti argamu kanaaf waan guddaadha,'' jedheera.













