Siidaan MM jalqabaa Kaanaadaa 'duguuggaa sanyiin' himatamanii diigame

Siidaan gidduu magaalaa Montiriyaal argamu bara 1992'tti mormi irraa kutamee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaan gidduu magaalaa Montiriyaal argamu bara 1992'tti mormi irraa kutamee ture

Rogeeyyiin biyya Kaanaadaa magaalaa Moontiriyaal siidaa Ministira Muummee jalqabaa biyyattii Sar Joon A MaakDoonaaldi diigan.

Bulchaan duraanii biyyattii kuni tarsiimoowwan hamaa dhuma jaarraa 19ffaa keessa namoota duraan naannoo sana turan fixe waliin maqaansaanii wal-qabata.

Ministirri Muummee kuni ummanni jalqabaa biyyattiitti qubachaa ture hanga tole jechuun daangaa isaanii gadhiisanitti beelaafi dhibeen akka dhuman taasisaniiru jedhamuun ni himatamu.

Mataan siidaa kanaa daandii achitti argamurra yoo kufu viidiyoon mul’isu kan ba’e yoo ta’u, hogganaan bulchiinsa Kiiwubeek ‘‘kuni fudhatama hin qabu’’ jechuun balaaleffataniiru.

"Qaama seenaa keenyaa barbadeessuun furmaata miti,’’ jedhani Firaankoo Leegoo.

Akka miidiyaan Kaanaadaa CBC’n gabaasetti, amma yoonaatti namni to’atame hin jiru.

MaakDoonaaldi 1860-1890 gidduu waggoota 19’f Ministira Muummee Kaanaadaa kan turan yoo ta’u, biyya ijaaruudhaan yaadatamu. Tarsiimoo ‘residential schools system’ jedhamu kan uumanis isaani.

Jaarraa tokkoo oliif tarsiimoon kun ummata duraan achi jiraachaa turan keessaa yoo xiqqaate daa’imman 150,000 ta’an manneen barnootaa turtii mootummaan ijaaretti humnaan geeffamuun akka baratan taasiseera.

Daa’imman hedduun dhaanamuun gariin isaanii kan du’an yoo ta’u, afaan isaaniitiin akka hin dubbanneefi aadaa isaanii akka hin calaqqifneef dhorkamanii turani.

Gabaasni mootummaa 2015’tti ba’e tokko gochaan kun ‘‘duguuggaa aadaati’’ jedhee ture.

Muummichi Kiiwubeek Firaankoo Leegoo Tiwiitara gubbaa akkas jechuun barreessani, ‘‘namni kamiyyuu waa’ee MaakDoonaaldi waan fedhe yaaduu mala, garuu siidaa akkasitti diiguun fudhatama hin qabu.

Sanyummaa falmachuu qabna, qaamaa seenaa keenyaa mancaasuun garuu furmaata miti. Hokkorri dimokraasii keenya keessatti iddoo hin qabu, siidaan kunis bakkatti deebi’uu qaba.’’

Akka CBC'n gabaasetti barreeffamni mormii Sanbata har’aa taasifame irratti raabsame MaakDoonaaldiin akkas jechuun himata:

‘‘Nama adii jibba sanyummaa qabuufi maqaa manneen barnootaa turtiitiin duguuggaa ummattoota naannoo sana jiraatanii kan qindeessedha.’’

Kantiibaan magaalattii Vaalarii Pilaanteef siidaan kun akka kaafamuuf iyyanni mallattoo namootaa qabu dhiyaatuufis tarkaanfii fudhachuu waan hafaniif, rogeeyyiin ofiisaaniitiin kana gochuuf murteessani jedhame.

Ji’oota muraasa darbanitti siidaawwan jibba sanyummaa barsiisu jedhamanii yaadaman hedduun guutuu addunyaatti diigamaa turaniiru.