Joorji Filooyid: Seenaa siidaawwan jibbamaafi diigamaa jiran duuba maaltu jiraa?

Mormitoonni Biristool keessatti siidaa nama daldala garbaan beekamu Edward Colston yeroo diigan

Madda suuraa, Jack Grey

Caamsaa 25, 2020 poolisii adiin nama gurraacha Ameerikaa Joorji Filooyid jedhamu haala suukanneessaan erga ajjeesee booda hiriirri mormii dhoyee kutaalee US walga’e, darbees addunyaarratti babal’ateera.

Yakki nama gurraacha tokkorratti raawwate akka jibbiinsa sanyiitti fudhatamuun hiriirri jibbiinsa sanyii mormu hanga yoonaa itti fufeera.

Wayita hiriira mormii kana siidaawwan seenaa bara ‘Daldala garbaan’ walqabatan qaban hedduun haleelamaniiru, kaan qiyyaafannoo keessa galaniiru.

Siidaawwan hanga ammaa haleelaman kam fa’i? Seenaa akkamii qabu?

Siidaa Edward Colston

Ingilaanditti hiriirtonni gocha haleellaa sanyiirratti xiyyeeffate mormuuf ba’an siidaa nama jaarraa 17ffaa keessa ‘Daldala garbaan’ beekamuu diiganii bishaanitti gatan.

Edward Colston lammiilee 80,000 ta’an Afriikaarraa gara Ameerikaatti daldaleera jedhama.

Garuu sababa qabeenyasaatiif jecha seenaansaa akka gootaatti faarfamaa yoona ga’eera.

Dilbata darbe wayita mormitoonni siidaa nama kanaa diigan mootummaan balaaleffateera, hiriirtonni garuu kun agarsiistuu jijjiiramaati jedhan.

‘’Siidaa wayita jennu namni siidaan dhaabbateef kun waan boonsaa hojjeteera jechuudha. Kun garuu sirrii miti. Nama daldala garbaa keessa turee fi yakka suukanneessaa raawwachaa tureedha.’’ Jedha hayyuun seenaa David Olusoga.

Siidaa Henry Dundas

Siidaa Henry Dundas

Madda suuraa, PA Media

Biyya Iskootlaand magaalaa Edinburgh keessatti kan argamu siidaan Henry Dundas, dhaadannoo hiriira kanaa kan ta’e mata dureewwan akka ‘’Joorji Filooyid’’ fi ‘’BLM’’(Balck Lives Matters) hiriirtotaan irratti barreeffameera.

Siidaan kun bara 1823 nama kanaaf kan dhaabbate yoo ta’u, hiriirtonni garuu namni kun ‘Daldala garbaa’ dhaabsisuu keessatti harkifatee turuusaa seenaarraa waan hubataniif jijjiiruu akka barbaadan dubbatan.

Jaarraawwan 18 fi 19 keessa nama siyaasaa jabaa kan ture Henry Dundas, hojii “Daldala garbaa’ silaa bara 1792 keessa dhaabbachuuf ture, seerri haaraan fooyya’ee akka ba’u gochuun waggaa 15 dabalataan itti fufee hojjeteera.

Namoonni kumaatamaan lakkaa’aman siidaan kun akka diigamuuf mallattoo walitti qabaniiru.

Hoogganaan Mana Maree magaalaa Edinburgh Adam McVey garuu gaariis ta’u gadhee, seenaan turuu waan qabuuf osoo diigamuu baatee jechuun hiriirtotatti himan.

Seenaa ‘Daldala garbaa’ biyyattiin qabdu waan agarsiisu waan ta’eef haqamuu hin qabu jedhan.

Mootii Leopold II

Mootii Leopold II

Madda suuraa, EPA

Lammiileen Beeljiyam siidaan mootii Leopold II akka diigamuuf gaafachaa jiru.

Kanneen hiriira mormii ba’an ammoo kallattiidhaan tarkaanfii irratti fudhataniiru.

Siidaa nama bara kolonii beekamu kanaaf magaalaa Ghent keessatti dhaabame kana uffataan xaxanii, mataarratti dhaadannoo ‘I can’t breathe’ jedhu barreessaniiru.

Jechi kun kan Joorji Filooyid wayita ajjeefame hafuura ishee dhumaatiin dubbateedha.

Naannawa Antwerp keessattis siidaan nama kanaa wayita diigamu mootummaa fuudhee godambaa galuu qaba jechuun kaa’e.

Magaalaa guddittii Beeljiyam. Biraasalsi keessatti ammoo siidaa nama kanaarratti ‘lubbu-baastota yookiin ajjeestota(assassin) jechuun barreessaniiru.

Bara 1865 hanga 1909tti Beeljiyam kan bulche Mootii Leopold II, duudhaan inni Rippaablika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti qusatee darbe haalaan suukanneessaadha.

Bara 1885 hanga 1908 gidduutti DRC akka kolonii dhuunfaasaatiitti labsate.

Kanneen ‘Daldala garbaa’ morman waraanasaa ramadee ajjeesisaa ture.

Leopold lammiilee Koongoo miiliyoona 10 ta’an ajjeesiseera jedhamee komatama, lammiilee hedduu ammoo akka bineensotaatti paarkii keessatti walitti qabee tursiisaa akka turetu himama.

Hiriirtota siidaan nama kanaa akka diigamu gaafatan keessaa tokko diinagdeen Beeljiyam bara ‘Daldala garbaa’ Mootii Leopopld kan bu’uura qabateedha jedhe.

Robert E Lee

Roobert Lee

Madda suuraa, AFP

Ameerikaa kutaa biyyaa Varjiiniyaa keessatti kan argamu siidaan Jeneraal Rober E Lee kan wayita hiriira mormii diigamu amma akka kaafamu jiraattonni gaafataa jiru.

Siidaa ulfaatina toonii 12 qabu kan bara 1890 ijaarame kana kaasuuf wayita labsan aanga’aan mootummaa biyyattii Ralph Northam akkas jedhan: “Kanaan booda seenaa sobaa lallabaa hin jiraannu.

Siidaan kun yeroo dheeraaf tureera. Garuu yeroo sanas dhaabbachuunsaa dogoggora, ammas dhaabbataa jiraachuunsaa dogoggora. Kanaafuu buqqisaa jirra.’’ Jedhan.

Jeneraal Roobert E Lee Garee Qindaa’ee ‘Daldala garbaa’ irratti hojjechaa ture ajajaa turan. Kunis bara waraanaa waliinii US (1861 hanga 1865) ture.

Wayita sana namoota humnaan qabee gurguraa turuu fi kanneen miliquuf yaadan ammoo ajjeesaa turuutu himama.

Maatii tokko sabab daldalaatiin gargar baasaa akka turefaatu himama.

Winston Churchill

Siidaa MM UK Winistan CHarchil

Madda suuraa, PA Media

Magaalaa Landan keessa kan jiru siidaan Ministira Muummee durii Biriiteen Winston Churchill hiriirtotaan burkutaa’eera, mormitoonni nama jibbiinsa sanyii raawwataa tureedha ittiin jedhan.

Churchill bara Waraana Addunyaa Lammaffaa Biriiteen akka irra aantu hojjetaniiru jedhamuun jajama.

Bara 2002 nama yoomiyyuu jabaa fi kabajamaa jedhamuun filatameera.

Garuu namoonni hedduun Churchill nama jibbiinsa sanyummaa gaggeessaa tureedha jechuun qeeqaatuma tuan.

Hayyuun seenaa biyyattii Richard Toye jedhamu Churchill sanyiidhaan akka nama qoodaa turee fi olaantummaa warra adii leellisaa ture jedha.

Namoota adii warra Indiyaarra, Indiyaa ammoo warra Afrikaarra jechuun gubbaa hanga gadiitti dhala namaa irraa jalaan nama keessummeessaa tureedha jedha hayyuun seenaa kun.