Hogganaan 'CrossFit' ajjeechaa Joorji Filooyiditti qoose hojii gadhiise

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaa Olaanaa 'CrossFit' waa'ee ajjeechaa Joorji Filooyidifi mormii ajjeechaan sun dhale irratti erga qooseen duuba mufannaa uumameen hojii gadi dhiise.
Gireeg Gilaasman hojii kan gadi dhiise atileetonni, manneen ispoortii fi warshaaleen wayyaa ispoortii omishan itti mufatanii hariiroo dhaabbata isaa waliin qaban erga adda kutaniin duuba.
Obbo Gilaasmaan jechoonni isaa maatii 'CrossFit' jidduutti qoodamiinsa uumuu amane.
Kan inni hojii gadi dhiisees guyyaa sirni awwaalchaa Filooyid Teeksaas keessatti raawwatedha. Joorji Filooyid, namni gurraachi lammii Ameerikaa ta'e baati darbe poolisiin adiin mormarra ejjetee ajjeese.
Aanga'oonni Fayyaa Hawaasaa loogin sanyummaa dhimma fayyaa hawaasaati jechuu isaanii hordofuun Gilaasmaan FLOYID-19 jedhee tiwiitarii irratti barreesse.
Itti dabaluunis akkas jedhe: "moodeeliin keessan kufee adda of baasuu nutti fide, amma ammoo jibba sanyummaaf furmaata ykn moodeelii haaraa fiduufi? Ajjeecha gara jabinaa Joorji Filooyid guutuu biyyaatti okkora kaase."
Nama maaliif dhaabbati isaa ajjeechaa Joorji Filooyid irratti akka cal jedhe isa gaafate tokkoonis 'waan yaaduu fi dubbatu kan hin beekne' ittiin jedhe.
Akka 'Buzzfeed' jedhutti ammoo sana dura abbootii qabeenyaa mana ispoortii waliin wayita haasa'u "Nuyi Joorji Filooyidiif gadda hin teenyu, anis ta'e hojjettoonni kamiyyuu waan kana goonu natti hin fakkaatu" jechuun dubbatee ture.
Maaf hojii gadi dhiise?
Ibsa Kibxata kenneen Obbo Gilaasmaan hogganummaa olaanaa 'CrossFit' irraa bu'ee soorama akka bahu hime.
"Sambata darbe wantin jedhe maatii 'CrossFit' jidduutti qoodamuu uumee, nama hedduus miidheera" jedhe.
FLOYID-19 jedhee COVID-19 waliin wal qabsiisee qoosuun isaan namoota hedduu mufachiise. Kanneen waliin hojjetanis hariiroo dhaabbata kana waliin qaban adda kutan.
Namni bakka isaa bu'e 'CrossFit' maatii heddumminaan beekamudha. Wanti inni dubbate maatii keenya miidheeraa jedhe.














