Siidaan simbirroo karra masaraa mootummaa maaliif falmii kaaste?

Madda suuraa, Addis Fortune
Siidaan simbirroo Piikook karra masaraa mootummaa irratti ijaaramte dubbii ijoo marsaalee hawaasaa ta'uu bira darbee hanga akka diigamuuf mallattoon walitti qabamuutti gaheera.
Itoophiyaan fakkii leencaa baroota hedduuf akka mallattoo biyyoolessaatti, naannoo masaraa motummaa akkasumas alaabaa irrattis fayyadamaa turte.
Namoonni siidaa simbirroo Piikook karra masaraa mootummaa irratti ijaaramte morman, mootummaan leenca mallattoo biyyoolessaa ture simbirroo Piikook kanaan bakka buusaa jira, kuni sirrii miti jechuun falmu.
Mootummaan akka mallattoo biyyoolessaatti kan ilaalamu leenca piikookiin bakka buusuuf yaada qabaachuus ta'e, maaliif siidaa simbirroo kanaa karra masaraa irratti ijaaruu akka barbaade hin ibsine.
Haa ta'u malee gorsaa ministira muummee kan ta'an Daani'eel Kibrat simbirroon piikook kun akka 'mallattoo haaromsaatti' ilaalamti jechuun barreessanii turan.
Leenci maal ibsa?
Ka'umsi leenca akka mallattoo biyyoolessaatti fayyadamuu qarooma Kuush warra Meero'ee irraa kan dhufedha jedhu barreessaafi qorataan seenaa Obbo Birruu Tsaggaayee.
"Qaroomina Naappaataa Meero'ee kan Sudaan keessatti qorannoo arkiyooloojiitiin bakki 'The Lion gate' jedhamu kan argame ni jira" jedhan.
"Siidaa leencotaa bitaafi mirgaan tarree gale keessa dabartee masaraa seenta. Ka'umsi Leenca naannoo masaraa mootummaatti fayyadamuu kunii achirraa taha," jedhu.
Itoophiyaa keessatti leenci naannoo masaraatti mootoliin darban itti dhimma bahan yeroo hedduu 'Leenca Yihuudaa' jedhama kan jedhan obbo Birruun Itoophiyaan Yihuudaa waliin hariiroo hin qabdu 'seenaa dogoggoraa irraa madde' jedhu.
Yihuudaan qomoo warra Israa'el 12 keessaa isa tokkodha.
"Mootoliin Itoophiyaa abbummaa aangoo biyyattii ittin mirkaneeffachuuf dhimma itti bahaa turani" jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Yunvarsiitii Finfinneetti qorataa seenaa kan ta'an piroofesar Tasammaa Ta'aa leenca akka mallattoo biyyoolessaatti fayyadamuun ergaa aangoon sanyiin darba jedhu qaba jedhu.
Kana yoo ibsan "yeroo hunda sanyii bineensaa keessaa mootiin leencuma, mo'uun leencaa kun sanyii duukaa deema" jedhu.
"Namni leenca sana mallattoo godhatee ka'u, aangoon isaa sanyiidhan darbee mo'aa deemuu agarsiisufi" kan jedhan pirofeesar Tasammaan, "namni akkasii kunimmoo yeroo hundumaa abbaa irreeti," jedhu.
Gama biraan leenci mootii bineensotaa waan ta'eef ni sodaatama, wanti mootonni durii bobboca leencaatti dhimma bahaa turaniifis sodaatamoo ta'uu isaanii ittiin mul'isuufi jedhu.
Itoophiyaa keessattis sirna bulchiinsa 'Atseewwanii' kan biyyattii bulchaa turan, kan aangoo sanyiidhaan dabarsaa turaniif leenci akka mallattootti tajaajilaa ture jedhu jedhu Piroofesar Tasammaan.
Warri morman maal jedhu?
Paartiin Baldaraas Iskindir Naggaan durfamu siidaan simbirroo piikookii karra masaraa irratti ijaarame akka jigu mallattoo walitti qabaa jira.
Leenci mallattoo biyyoolessaa baroota dheeraaf turedha kan jedhu Iskindir Naggaa, leenci ammallee mallattoo biyyaa ta'ee itti fufuu qaba jedheen amana" jedha.
Siidaan Piikook kun dhaabachuun mallattoo biyyoolessaa garasanatti jijjiiruu yaada jedhu kan agarsiisudha, kun ammoo marii fi fedhii uummataa malee waan raawwate waan ta'eef sirrii miti jedha.
"Leenci goofaree gurraacha qabu bara dheeraaf mallattoo biyyoolessaa ta'ee tajajileera. Leenci uummatuma addunyaa birattuu ilaalcha gaarii qaba."
"Ani yeroo jalqabaatiif leenci bineensa gaarii miti jedhu kanin arge kitaaba Dr. Abiy 'Irkaabinnaa Menber' jedhurratti," jedha Iskindir.
Leenci mallattoo biyyaalessaa ta'uun itti fufuu akka qabuufi ilaalcha ministirri muummee kitaaba isaanii irratti barreessan kana hojiitti akka hin hiikneef kan morman ta'uus hima.
"Paarkii tokkummaa keessatti bobboca Piikook guddaa tokko jalatti bobbocnii leencaa baay'ee xixiqqoo ta'an hojjetamuunis sirrii miti" jedha Iskindir.
Leenci mallattoo biyyoolessaa ta'uun ibsama ciminaa, obsaafi jabina xiinsamuu uumuu danda'a jedha.
Leencaa fi Dimookirasii
Yaada kana kan morman pirofeesar Tasammaa Ta'aa, leenci mallattoo abbaa irrummaa waan ta'eef yeroo dimokiraasi kanatti mallattoo biyyoolessaa ta'uu hin danda'u jedhu.
Sirni dhaala aangoo bara dheeraadhaaf biyya kana bulchaa waan tureef jaalalliifi fedhiin sirna sanaa sammuu namaa keessaa baduu waan dideefi namoonni amma kan, 'leenca leenca' jedhaniif jedhu.
"Waa'een leenca mallattoo godhachuu sirna dimokiraasii wajjin waldhiita. Warri mallattoon leencaa kun baduu hin qabu jedhan waan dimokiraasii kana quba hin qaban, waliinis hin deeman," jechuun qeequ.
"Leenci Yihuudaa kun xiinsamuu biyyi kan keenya, aangoon keenya jedhuun wagga 150'f itti dhimma bahamaa ture," jedhu Obbo Birruu Tsaggaayee.
Leenca Yihuudaa kana akka mallattoo biyyoolessaatti fayyadamuuf waliif hin gallu, garuu Leenca Kuushotaa yoo jedhame waliigaluun ni danda'ama ilaalcha jedhu qabu.
Piikook akka mallattoo biyyoolessaatti...

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan piikook mallattoo biyyoolessaa gochuuf akeeka qabaachuu himuu baatus warri morman saniif adeema jedhanii mormu.
Namoonni gariin ammoo bareedina isheetiif ta'uu akka hin oolle tilmaamu.
Gorsaan ministira muummee diyaaqon Dani'eel ammoo simbirroon kun barreeffama Itoophiyaa durii keessatti hedduu eeramuu afoola keessattillee dhahamaa turte jedhu.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook
"Namoonni durii simbirri kun foon ishee hin tortoru, hin badus jedhanii waan amananiif akka mallattoo bara baraan jiraachuu, du'aa ka'uufi mallattoo haaromsaatti ilaalamti" jechuun barreessan.
Obbo Birruu Tsaggaayee garuu "simbirroon kun nu waliin hidhata seenaa hin qabdu, allaattii biyya kanaas miti" jedhu.
Simbirroo kana caalaa bineensotni akka niyaalaafi sardiida diimtuu caalaatti biyya kana ibsuu danda'u jedhu.
'Itoophiyaa keessa hin jirtu'
Obbo Cammaraa Zawudee, Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaatti Daarektara Misoomaafi Itti - fayyadama Bineensa Bosonaati.
Simbirri Piikook haadhuma isaa Itoophiyaa keessa hin jirtu, maqaas hin qabdu jedhu.
''Itoophiyaa keessa hin jirtu. Oromoon waan beekuuf maqaa baasa. Ani dhaladheef maqaa naa baasan malee utuu hin dhalannee maaqaa naaf hin baasani.
Kanaafuu Itoophiyaa keessa maqaan akkasii waan jiru natti hin fakkaatu,'' jedhu.
Maqaa Afaan Amaaraan 'Xaawos' jedhamti jedhus miidiyaalee hawaasummaa irraa akka dhagahan dubbatu.
''Utuu biyyaa keessa jiraatee maqaa ni moggaafta. Kun miidhagina bakkichaa dabale malee waan biraa waan fide natti hin fakkaatu,'' jedhu Aabba Cammaraan.
Gosa sinbirroota Itoophiyaa keessatti beekaman 870 ta'an keessatti galmooftee akka hin jirres dubbatu.















