Koroonaavaayiras: Dargaggoo Harargee imala seeraan alaa booda Covid-19n qabame

Madda suuraa, Getty Images
"Dhibeen kun akkatti na qabe hin beeku. Ani amallee wanti na dhukkubu waan hin jirreefu qabame jedhee wantin ofitti fudhadhe hin jiru," jedha dargaggoon dhiheenya kana Harargee Lixaa Gubbaa Qorichaatti COVID-19'n qabamunsaa himame.
Godina kanatti namni biraa dhibee kanaan qabamuun hin dhagahamne ture.
Ministeerri Fayyaas dargaggoon kun seenaa imalaa akka hin qabneefi, nama vaayirasichaan qabame waliin qunnamtii qabaachuun qoratamaa jira jedhe.
Dargaggoon kun attamiin vaayirasii kanaaf saaxilamu akka danda'e adda baafachuuf BBC'n dargaggoo kana bilbilaan dubbiseera.
Wayita amma hosipilaata Hirnaa keessatti adda baafamee kan jiru dargaggoon haala keessa jiru ibsuun eegale.
"Namni tokkoyyuu hin jiru. Kophaa kiyyan jira. Ogeeyyiin fayyaa amma amma dhufanii 'hin sodaatin, waan si dhukkubus himadhu' naan jechaa jiru" jedha dargaggoo Kaliif Jaabiir (maqaasaa loogii irra gahuu malu hambisuuf kan geeddarame).
Dargaggoon godina Harargee Lixaa jiraataa aanaa Gubbaa Qorichaa ta'e kun guyyaa Roobii ture dhibee Covid-19'n qabamuunsaa Ministeera Fayyaatiin kan himame.
"Dhibeen kun akkatti na qabe hin beeku. Amallee qabame jedhee wantin ofitti fudhadhe hin jiru," jedha.
Ibsa Ministeerri Fayyaa guyyaa Roobii baaseen namni aanaa Gubbaa Qorichaatti dhibeen Covid-19 irratti argame seenaa imala biyya alaa hin qabu jedhullee dargaggoo Kaliif Jaabiir gara Saawudi Arabiyaa imalaa osoo jiruu Jabuutitti qabamuusaa fi sana booda gara Itoophiyaa deebi'uusaa hima.
"Biyya Jabuutii iddoo Dihiil jedhamu guyyaa 11 turre. Achii poolisiin dhufee nu qabe. Sana booda warra Itoophiyaatti nu kennan" jedha.
Gara Itoophiyaa erga deebi'anii booda Yunivarsiitii Dirree Dhawaa keessa guyyoota 14'f tursiifamuu isaa BBC'tti hime.
Ministeerri Fayyaa dargaggoon nama umuriin isaa ganna 23'ti jedhu dargaggoo Kaliif garuu "reefu 19'tti deemaa jira" jedha.
Attamiin qoratame?
Yeroo ammaa hospitaala Hirnaatti tajaajila yaalaa argachaa kan jiru dargaggoon kun Yunivarsiitii Dirree Dhawaatti guyyoota 14f erga turee booda gara magaala Cirootti imale.
Ciroodhaa gara maatiisaa aanaa Gubbaa Qorichaatti argaman deemun guyyoota 12'f turuusaa hima.
"Dirre Dhawaatti nama harka hin fuudhinaa, guyyaa 14'f meeshaalee nyaataas qofaa keessan fayyadamaa jedhanii nu gorsaa turan. Nutillen maatitti hin makamne, harkallee hin fuune. Nagaa qabdanii? Fayyaadhaa? jennee dubbifne" jedha dargaggoon kun.
Yeroo ammaa maatii fi firootni isaas adda baafamanii hordofamaa akka jiran hima.
Akkamiin akka qoratame kan gaafanne dargaggoon kun, erga Gubbaa Qorichaa gahee booda hiriyaan isaa waliin turan waan dhukkubsateef cirootti waamamuu hima.
Cirootti erga deebi'een booda qoratamee poozatiivii ta'uun isaa akka itti himame dubbata.
Hojii gaggeessaan hospitaala Hirnaa Dr Aliyyii Adam immoo namootni dargaggoo kana walin qunnamtii qaban 75 adda baafamuu isaanii BBC'tti himan.
Dargaggoo Kaliif Jaabiir yeroo ammaatti miirri dhukkubbii itti dhagahamu akka hin jirre dubbata.
Iddoo hospitaala Hirnaatti itti yaalamaa jirutti qofaasaa akka jiru kan himu dargaggoon kun "Namni tokkoyyuu hin jiru. Kophaa kiyyan jira" jedha.
Haa ta'u malee "Ogeeyyin fayyaa amma amma dhufanii 'hin sodaatin, waan si dhukkubus himadhu' naan jechaa jiru" jedha.
"Dhukkubsatichi kaleessa halkan sa'aa jaha irratti gara hospitaala keenyaa dhufe. Haala gaarirra jira," medikaal direektarri hospitaala Hirnaa Dr Ayyuub Xinashuu.
"Mallattoo hoomaayyu hin qabu. Darbee darbee qufaa qaba" jedhu Dr Ayyuub.
Hospitaala Hirnaa…
Hospitaalli Hirnaa godina Harargee Lixaaf giddugala yaala dhibee Covid19 ta'uun tajaajilaa jira.
Qophiin waliigalaa hospitaalichi yaalaa dhibee Koovid19f taasisaa jiru dhibbeentaa 90 gahuusaa hoji gaggeessaan hospitaalichaa Dr Aliyyii Ayyub BBC'tti himaniiru.
Hospitaalichi tajaajila yaalaa dhibee Covid19'f ogeeyyii fayyaa 67 fi ogeeyyii deeggarsaa 43 waliigala ogeeyyii 110'f leenjii kennuusaas dubbataniiru.
Ammatti sireewwan namoota 60 keessummeessan qophaa'uu isaanii fi dandeettin simannaa hospitaalichaa namoota 100 akka ta'es himaniiru.
Gama meeshaatin meeshaa deeggarsa hargansuu /mechanical ventilator/ lama akka qaban fi gama meeshaa qorannoon garuu hanqinni akka jirus Dr Aliyyiin dubbatan.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















