Giifti Dureen Duraanii Ameerikaa Misheel Obaamaa 'mukaa'ina' keessa akka jirtu dubbatte

Madda suuraa, Getty Images
Giifti-dureen duraanii US Misheel Obaamaa sababa weerara koronaavayirasiin, loogii sanyummaa fi gocha 'ofittummaa' bulchiinsi Tiraamp irraa kan ka'een hanga tokko mukaa'uu ykn miirri isaanii jeeqamu himte.
Rakkoo miirri ol ka’uu fi bu’uun rakkachaa kan jirtu Misheel Obaamaa, hirriba rafuufi ispoortii hojjechuufillee akka hin dandeenye dubbatti.
“Wa’ee waan tokko waanan yadda’uuf ykn wanti natti ulfaatu waan jiruuf halkan hirriba keessan ka’a.”
Kana kan dubbatte sagantaa ishee gaffii fi deebii gazeexessaa US Misheel Nooris waliin taasisaa turte irratti.
“Yeroon kun yeroo hafuurakee gabbisu miti,” jetti Misheel Obaamaan. “Akkan haga tokko dhibee mukaa'uu ykn (Depression) hubamee jiru beeka.”
“Sababa qofaatti adda of baasee jiru qofaaf miti, garuu sababa rakkoo jibba sanyummaafi guyyaa guyyatti gocha 'ofitummaa' bulchiinsa Tiraamp arguun hamilee nama cabsa.”
Akkasumas “ganama oduu namni gurraachi tokko ajjeefamuu ykn miidhamuu ykn mirgi namoommaa isaa mulqamuu ykn ammoo sobaan himatamuu isaatti yeroo hirribaa kaatu nama dadhabsa,” jechuun dubbatteetti.
“Jireenya kootti yeroo dheeraaf ulfaatinni akkanaa natti dhaga’amee hin beeku.”
Ta’us garuu, miira kana to’achuuf ‘karoorri barbaachisaadha’ jetti. Akkasumas, yeroo weerara kanaatti sagantaan socho’uun caalaatti barbaachisaa isheef ta’uu himti.
Sagantaa ishee gaaffii fi deebii jalqabaa irratti abbaa warraa ishee Baraak Obaamaa waliin gaffii fi deebii taasifte.















