Keetii Maak: 'Dhumni addunyaa akkam akka ta'e baruun haara galfiidha'

The beginning of a supernova

Madda suuraa, NASA Goddard

Xumurri ykn dhumni addunyaa kanaa maal fakkaachuu akka malu saayintiistonni yaad-rimeewwan ykn tiwooriiwwan adda addaa lafa kaa'u.

Akka itti addunyaan uumamtee fi akka itti baddu kan qorattu Kosmoolojiist Keetii Maak 'dhumni addunyaa akkam akka ta'e baruun haara galfii qaba' jetti.

"Wanti hundi dhaabbataa akka hin taane, yeroon itti xumura argatu akka jiru beekuun, miira bilisummaa namaaf kennu tokko qaba" jechuun BBC'tti himte.

Garuu xumurri addunyaa Keetiifillee akka dubbatamu salphaa miti.

Shororka qooddachuu

Keetiin guyyaa yeroo jalqabaaf addunyaan battala wayii baduu akka dandeessu dhageesse ni yaadatti - daree keessatti warra waliin barattuu fi barsiisaa ishee waliin turte.

"Mana jireenyaa pirofeesar Fiinii keessa barattoota kaan waliin sagantaa irbaata torbeetti gaaf tokko godhanuuf wal geenyee turre," jechuun kitaaba ishee 'The End of Everything' jedhu keessatti barreessite.

Saayintiistonni kutaaleen gara garaa addunyaa ykn walaabuu (universe) yeroo kamittuu gar gar diddiigamuu akka danda'an quba akka hin qabne baratte.

Artist's impression of a black hole

Madda suuraa, JPL Caltech/NASA

Ibsa waa'ee suuraa, Black hole ykn bool'awwan gurraachi qalbii Keetii hawwataniiru

"Addunyaan adeemsa keessa darbaa jirtutu jira. Wanti addunyaan keessa jirtu, ani addunyaa keessan waan jiruuf yeroo kamiyyuu anarratti raawwachuu danda'a."

"Kanaaf kitaaba koo kanaan wantin gochuuf yaade sodaa ykn shororkaa kanaa namaaf qooduun, namoonni waan ta'aa jiran akka quba qabaatan gochuudha" jetti.

Koosmooloojiistii Keetii Maak

Madda suuraa, Penguin

Ibsa waa'ee suuraa, Koosmooloojiistii Keetii Maak

'Heat death' ykn duuti ho'a ykn gubaan uumamu akka addunyaan itti baduu dandeessu keessaa kan salphaatti hubatamuu maluu fi ta'uufis hiree bal'aa qabudha jetti.

Kuni yoo addunyaan ykn 'universe' bal'atee, bal'atee deebi'ee qabbanaa'uun wanti hundi akka bosbosee badutti dhabamudha jetti.

'Vacum decay' akkaataa biraa addunyaan ittiin dhabamuu dandeessu akka ta'e himti.

Akka wayita afuuffee humnaa ol afuufamee addunyaan ykn 'universe' baldhattee baldhattee akkuma afuuffee dhootee baddi jetti.

Dhohiinsa

Madda suuraa, MSFC

Ibsa waa'ee suuraa, 'Heat death' kana fakkaachuu dhiisuu mala'

Waggoota tiriiliyoona, tiriiliyoona, tiriiliyoona itti aanan keessattuu waan mudatu ta'uu dhiisuu danda'a, garuu ammoo yeroo kamiyyuu mudachuus danda'a jetti Keetiin.

Yaadotni akkasii maaltu ta'aa jira waan jedhu akka hubannuuf nu gargaaru jetti Keetiin.

"Jireenya ammayyaa keessatti yaadonni hedduun, nagaa akka taane, homtuu akka nurra hin geenye, wanti hundi to'annoo keenya jala akka jiru nu amansiisuuf kan tolfamanidha. Sun garuu dhugaa miti."

Afaan koosmoolojiin yoo dubbannu, addunyaa keessa wanti adeemaa jiru jira, waan ta'uuf deemu simachuu malee wanti gochuu dandeenyu hin jiru jetti.