Feesbuukiifi Tiwiitariin Tiraamp adaban

Gabaasa Fox News irratti dhiyaachaa jiru

Madda suuraa, Fox News

Feesbuukiin viidiyoo gabaabduu af-gaaffii Tiraamp Fox News waliin taasisan irraa kutamee maxxane haqeera. ‘’Odeeffannoo dhimma Covid miidhaa qaqqabsiisuu danda’udha,’’ jedheera dhaabbanni kun sababii haqeef yeroo dubbatu.

Viidiyaa kana irratti Tiraamp ''ijoolleen Covid19n hin qabaman'' kan jedhu ture.

Tiwiitariinis hanga gareen duulaa Tiraamp viidiyoo sana haqutti akkaawuntii isaanii akka hin fayyadamne taasiseera jedhe.

Dhaabbatni Fayyaa Hawaasaa Ameerikaa ijoolleen Covid19n akka qabamuu danda’an ibsaafi gorsaa ture.

Feesbuukiifi Tiwiitariin maal jedhan?

Dubbii himaan Feesbuukii ibsa Roobii kaleessaa kennaniin: ‘’Viidiyoon kun odeeffannoo sobaa gareen namootaa muraasni Covid-19 akka hin qabamne hima. Kunimmoo imaammata nuti koronaavaayirasiidhaaf baasne ni faallessa,’’ jedhan.

Dhaabbatichi odeeffannoo pireezidaantiin biyyaa koroonaavaayirasii irratti kenne yoo haqu kun kan jalqabaati.

Haatahu malee, Tiraamp qabiyyee maxxansan irratti hundaa’un yoo adabu kun yeroo duraaf miti.

Gaafa Roobii boodarra, Tiwiitariinis akkaawuntii Tiraamp @TeamTrump jedhu sababii wal fakkaataaf akka isaan hin fayyadamne taasisuu isaa hime.

Dubbii himaan Tiwiitar,’’Seera Tiwiitar dhimma odeeffannoo Covid19n wal qabatee baase ni cabsaa,’’ jedheera.

‘’Qaamni akkaawuntii Tiwiitarii sana fayyadamu irra deebiin fayyadamuuf viidiyoo sana haquu qaba.’’ Jedha. Booda qabiyyeen sun haqamuutu barame.

Ji’a darbe keessa ilmi Tiraamp Donaald Jr, odeeffannoo sirrii hin taane dhimma koroonaavaayirasii fi haaydirookiloorokiin irratti maxxansinaan yeroof jalaa cufamee ture.

Haa tahu malee dureessi Ameerikaa Eloon Maask jedhamu ijoolleen koroonaavaayirasiin ‘haala bu’uura taheen hin qabamani,’ jedhee ture garuu maxxansi isaa hin haqamne ture.

Tiraamp af gaaffii TV irratti kenneen maal jedhan?

Sagantaa ganamaa Roobii ‘Fox and Friend’ jedhuun manni barumsaa guutummaa biyyatti banamuu akka qabu dubbatan.

‘’Ijoollee yoo argite haala guutummaan guutuutti jedhamuun koroonaavaayirasiin hin qabamani,’’ jedhan.

‘’Kan nama dhibu sirna qaamaa dhukkuba ittisu kan keenya caalu qabu, rakkoo waan jedhamu hin qabani,’’ jedhan.

Tiraamp filannnoo bara kanaa baatii Sadaasaa keessa marroo lammataaf dorgomuuf jedhu ‘’koroonaavaayirasiin akkuma wantoonni kaan deeman deemuun isaa hin hafu,’’ jedhan.

Ijoolleen koroonaavaayirasiin qabamuu fi dabarsuu ni danda’u haa tahu malee carraan isaanii vaayirasichaan dhukkubsachuu baayyee xiqqoodha.

Ga’essonni garuu keessumaa manguddoonni, dhukkubichaan qabamuufi ittiin du’uu illee ni danda’u.

Qorannoo hanga yoonaa hospitaalota 55,000 akka addunyaatti taasifameen ijoolleen waggaa 19 gadii kan qabaman %0.8 qofadha.