Raashiyaan talaallii Covid-19 ji'a lamaa booda lammiileef kennuu eegaluufi

Madda suuraa, Getty Images
Ministeerri Fayyaa Raashiyaa duulaa talaallii Covid-19 ji'a lama booda adeemsisuuf qophii xumuruu miidiyaalee biyya keessaa waabeffachuun Rooyitarsi gabaase.
Talaalliin kun yaalii hunda xumuree galmaahuuf hojiileen beekamtii kennuu hojjetamaa akka jiran Ministirri Fayyaa biyyattii Mikhail Murashko dubbataniiru jechuun madda oduu Raashiyaa Interfax gabaaseera.
Talaallii Covid-19 kana gidduugala qorannoo Raashiyaa magaala Mooskootti argamu Gamaleya jedhamutu qopheesse.
Addunyaarratti hanga ammaattii talaalliiwwan Covid-19 hedduun sadarkaa yaaliirra jiru malee yaaliin isaanii xumuramee namootaaf kennamuu hin eegalle.
Murashkoon akka jedhanitti qaamoleen hawaasaa jalqaba talaallii kana argatan Hakiimotaafi barsiisota.
''Duula talaallii guddaa Onkoloolessatti karoorsine'' jechuuniis dubbataniiru.
Rooyitarsi maddeen isaa Raashiyaa waabeffacahuun akka qabaasetti Raashiyaan talaallii Covid-19'f hayyama barbaachisu ji'a Hagayyaa keessa xumuruun saffisaan ogeeyyii fayyaaf kennuu eegalti.
Inistiitiyuutiin Gamaleya ji'oota darbaniif gosoota vaayirasii 'adenovirus' jedhaman irratti hundaa'uun talaallii argachuuf hojjechaa ture.
Miidiyaaleen biyyoota lixaa garuu saffisa Raashiyaan talaallii itti argatteefii hojiirra oolchuuf itti jirtu kanarratti gaaffii kaasaa jiru.
Tarii biyyattiin oolaantummaa ishee agarsiisuuf jecha saayinsiifi nageenyummaa talaallichaa booddeetti qabdee laata shakkii jedhu kaasaa jiru.
Daayireektarri Fandii Inveestimeentii kallattii Raashiyaa Kirill Dmitriev argannoo talaallii Covid-19 biyya isaanii kana bara 1957'tti Tokkummaan Sooviyeet yeroo sanii saatalaayitii Sputnik 1 yeroo duraaf samiitti furguggisuun milkaahuu ishee waliin wali bira qabanii ibsaniiru.
Biyyoota biroo waliin yeroo wal-bira qabamu Raashiyaan lakkoofsa namoota Covid-19'n qabaman guddaa qabaattus, duuti gadi aanaadha.
Hanga Sanbata har'aatti namootaa haaraa qabaman 5,462 dabalatee waliigalli namoota qabamanii 845,443 yoo ta'u, ka hanga ammaatti lubbuu dhabanii 14,058.
Addunyaarratti Covid-19 to'achuuf talaalliiwwan adda addaa 100 ol yaalamaa kan jiran yoo ta'u, akka Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa jedhutti talaalliiwwan afur sadarkaa yaalii isa xumurraarra gahaniiru.
Talaalliiwwan kana keessaa sadii Chaayinaatti tokko ammoo UK keessatti gaggeefamaa jiru.













