Koronaavaayirasii: Doktora 'nama 350 ol Covid-19 irraa fayyiseera' jettu Tiraampiin leellifamte

Dr Istellaa Imaanu'eel paastariifi Haawustan keessatti hundeessituu waldaatis

Madda suuraa, @stella_immanuel

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Istellaa Imaanu'eel paastariifi Haawustan keessatti hundeessituu waldaatis

Dhalattuun Kaameruun Ameerikaa jiraattu Dr Istellaa Imaanu'el qorichi busaa Covid-19 ni fayyisa jechuu isheetiin qalbii pirezidantii Ameerikaa Donaald Tiraamp haawwatteetti.

Haa ta'u malee, qorannoon hanga yoonaa taasifame yaada ogeettii kanaa hin mirkaneessu.

Dubbiin isheen waa'ee qorichichaa dubbatteefi Fesbuukiifi tiwiitara irratti mul'ate dhaabbileen miidiyaa hawaasummaa ummata dogoggorsa jechuun balleessaniiru.

Osoo hin bu'in dura garuu Donaald Tiraampiifi ilmi isaanii tiwiitara irratti qoodanii turan.

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Dr Imaanu'el kan Kaameeruunitti dhalattee amma magaalaa Teeksaas Hiwustan keessa jiraataa jirtuu nama 'ajaa'ibaati' jechuun dinqisiifataniiru.

''Isheen dhukkubsattoota dhibbaan lakkaa'aman irratti qorichicha yaaltee akka milkoofte dubbatti. Garuu waa'ee ishee ani wanti beeku homaa hinjiru," jechuun gaafa Kibxataa dubbatan.

Gaafa Wiixataa doktarri kuni Mana Murtii Olaanaa US magaalaa Waashingitan fuuldura argamutti garee 'Ameerikaan Firoontilaayin Doktars' waliin ta'un Ameerikaanoonni qoricha Covid-19 fayyisuu dhorkamaniiru jette.

Dr Isteellaa Mana Murtii Olaanaa US fuuldura

Madda suuraa, Dr Stella Immanuel/Twitter

''Eenyumtuu dhukkubsachu hinqabu. Vaayirasiin kun qoricha qaba. Innisi haayidirokilorokiin jedhama. Dhukkubsattoota 350 ol ittiin wallaaneera. Tokkoolleen hindunee,'' jechuu ishii viidiyoon jalqaba marsariitii 'Breitbart' irratti qoodame agarsiisa.

Jalqabarratti qorichi kun tarii koronaavaayirasii fayyisuu danda'aa laataa jedhamee abdatamee ture.

Yaaliiwwan gurguddaan taasifaman garuu dhukkubsataa koronaavaayirasii wallaanuuf bu'aa qabeessa ta'u hin mirkaneessine.

line

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)'n hamma dhukkubsattoonni koronaavaarisiin du'an xiqqeessuu hin dandeenye jechuun yaaliin qorichichaa akka dhaabbatu taasiseera.

Baatii darbee ammoo, Bulchiinsi Qoricha US (FDA)'n erga gabaasni 'rakkoolee fayyaa onneefi kanneen biroo' qaqqabeen booda qorichichi dhukkubsattoota koronaavaayirasitiif akka hinkennamne akeekkachiseera.

Akkasumas ogeessi beekamaa dhukkuboota daddabarsaniifi gorsaan Donaald Tiraamp Dr Antooni Faawuchi , yaaduma kana irra deebiin calaqqisiisaniiru.

Haa ta'u malee Dr Imaanu'eel, sababii qorichi kun biyya isheen irra dhufte Kaameeruun bakka weerarri busaa bal'inaan jiruutti waan fudhatamuuf, fudhachuun miidhaa hinqabuu jetti.

Doktarri kuni maaliin beekamti?

Dr Imaanu'eel bara 1965'tti kan dhalattee yoo ta'u, biyya ollaa kan taatee Naayijeeriyaa, Yunivarsitii Kaalaabar irraa ogummaa wallaansa fayyaatiin digirii jalqabaatiin eebbifamte.

Akka Boordii Wallaansa Teeksaasiitti heeyyama doktarummaa argattee jirti.

Qorichi haayidirokilorokiin kun busaa wallaanuuf yeroo dheeraaf hojiirra oolaa ture

Madda suuraa, Getty Images

Akkasumas Dr Imaanu'el Waldaa amantoota Hiwustanitti paastarii ta'uun tajaajilti. Achittis waa'ee qoricha kanaarratti duula gaggeessaa jirti jedhameera.

Waggaa shaniin duras, namoonni akka amantaa hinqabaannee taasisuuf qorattoonni qoricha qopheessaa jiru jechuun komattee turte.

Kana malee Dr Imaanu'eel gaa'iila warra saalaan wal fakkaatanii baay'ee balaalleefachuun beekamti.

'Iyyasuus Fesbuukii ni cufa'

Viidiyoo guyyaa Kibxataa tiiwiitara irratti maxxansite tokkoonis, dhukkubsattoonni isheen dhukkuba Covid-19 irraa fayyifte akka gara fuulduraatti dhufaniif waamicha taasifte jirti.

''Isin kan hindubbannee yoo ta'e nuti ni tuffatamna,'' jechuun akka ergaa viidiyoon maxxansan jajjabeesite.

Ergaan isheen kunis yeroo kuma 27 ol deebiifamee qoodame.

Erga dhaabbannii Fesbuukii ergaa garee ogeessota fayyaa 'Ameerikaan Firoontilaayin Doktars' ofiin jedhan balleessee booda, yoo dhaabbatichi ergaawwan viidiyoo ishee deebisanii maxxansanii alatti Iyyasuus sarvarii dhaabbatichaa ni balleessa jechuun dubbatte.

Dhaabbanni Fesbuukii garuu hanga ammaatti rakkiinni tajaajila isaa mudate jiraachu wanti gabaase hinjiru.

Garee qorannoo Covid-19 mormu

Miseensonni garee 'Ameerikaan Firoontilaayin Doktars' ofin jedhan qorannoo saayinsawaa dhimma weerara Covid-19 irratti taasifaman ni balaaleeffatu.

Taateen kunis sirumaa garee 'Tea Party' kan Pirezidantii Tiraampi akka irra deebiin filatamu gaafataniin kan deeggaramedha.

Hakimoonni kunneenis facaatii koronaavaayirasii ittisuuf maaskii keewwachuu ykn uggura hin deeggaran.

Hundeessaan garee kanaa Simoon Gold Tiraampi akka uggura kaasuuf Caamsaa keessa xalayaa barreessee ture.

Rippablikaanii bakka bu'uun miseensa paarlaamaa kan ta'e Raalf Normaan wayita hakiimoonni kunneen ibsa kennaniitti isaan waliin ture.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa