Koronaavaayiras: 'eessuma kiyya sababa Covid-19 dhabeera amma immoo ofiin qabame'

Madda suuraa, HANA
Haannaa Jooy G/Sillaasee jedhamti. Haannaan gaazexeessituu turte, rippoortara TV tahuun hojjetaa turte wagga tokko dura.
Amma garuu daandii jiruu ishee geeddaruu filattee, hojii tajaajila hawaasaa dalaguu jalqabde.
Haannaan maatii ishee lammii Itoophiyaafi Ertiraa irraa Kibba Kaalifoorniyaatti kan dhalattee yoo ta'u, wayita ganna afur jirtu maatii ishee waliin Atilaantaatti godaanan.
Yeroo dhihoon asitti immoo dhiittaa mirga namoomaa gurraachotarra qaqqabu mormuun waltajjii falmattoota mirgaatti makamtee jirti.
Hojiiwwan ishee karaa Feesbuukii fi Yuutiyuubiin ni beeksifti. Haannaan miseensi maatiishee sababii Covid-19'n lubbuudhaan akka dhabde yoo himtu, dhihoo kana immoo ofii ishee vaayirasichaan qabamuu fuula Tiwiitarii irratti barreesuun namni umurii isheen jiru qabamu akka danda'uufi of eeggachuu akka hin dhaabne gorsiteetti.
Haannaa attamiin Covid-19 qabamuu dandeesse?
Mallattoo dhukkubichaa kanan ofirratti arge ji'a tokko dura gaafa Waxabajii 30'ti. Isa dura hiriirawwan mormii garaagraa irratti hirmaachaan ture.
Yeroos garuu mallattoo dhukkubichaa tokkoyyuu ofirratti hin argine afaan fi funyaan kiyya maaskiin haguugee, saanitaayizariis fayyadamaan socho'a ture.
Jalqaba mallattoonsaa badaa hin turre. Ergasii garuu natti jabaachaa dhufe. Dura mataa bowwaa jabaan na qabee ture. Ergasii ol na guuruu jalqabe, ilkaan yoon rigachuuf jedhus tahe yoon nyaata nyaachuuf jedhu ol na guura.
Mallattoo kana hunda kanan ofirratti arge halkan tokkotti ture. Guyyoota itti aananitti miiraa fi mallattoo garaagaraa keessummeessera.
Baayyee ijaan dadhabuuf, nan fajajaa, fedhiin nyaataaf qabu hir'isee ture, boodammoo mi'aan nyaataa na jalaa bade.
Mallattoowwan kunneen keessaa garuu inni hamaan isa halkan na jalqabedha. Akka tasaa hafuura baafachuuf rakkachuun jalqabe, yeroos baayyeen nahe. Achii mana yaalaa deemeen of qorachiise.
Isa dura hiriira mormii garaagaraa irratti hirmaachaa waanan tureef mallattoo qabaachuu baadhus qoratameen ture. Isa ammaatti garuu of adda baaseen taa'e.
'Bu'aa qorannoo eeguu'
Ergan qoratamee booda yeroon ture baayyee nama dhiphisa. Dhukkubichi akka na qabachuu danda'u amanulleen. ''Yoo na qabate maalan godhaa, eenyurraati na qabate laata? Namattimmoo dabarseera tahaa? '' kan jedhu sammuu kiyyatti deddeebi'aa ture.
Yeroon marsaa jalqabaa qoratame bu'aan qorannoo baayyee hin turre, isa ammaatti garuu naannoo Jorjiyaatti namoonni vaayirasichaan qabaman dabalaa waan dhufaniif bu'aa qorannoo ifa taasisuufis yeroo fudhata ture.
Qorannoon koo inni dhumaa guyyaa sagal booda dhufe. Naa bilbilanii of adda baasii bu'aan qorannoo keetii poozatiiviidha naan jedhan.
Ani isa dura of adda baaseen ture. Vaayirasichi na qabachuu akka danda'u nan yaada ture sababiinsaa immoo manaa baanaan akka si qabatu beekamaa waan taheefi.
Weerarichi tibba gale torbee sadiif manaa hin sochoone ture. Dabalataan baatii Ebla keessa eessumni keenyi Chiikaagoo jiraatu dhukkubuma kanaan lubbuunsaa dabarte.

Madda suuraa, HANA
Dhukkubichi hamaa akka tahee fi firaaf michuu ajjeesuu akka danda'uu waanin hubadheef baayyeen of eega tureeyyu.
Bu'aan qorannoo kiyya poozatiivii taanaan garuu akka malee nahuu kiyya nan yaadadha.
Inni kaan ''dhugumaan koronaatu si qabee?'' naan jedha. Kaanimmoo otoo firri jalaa du'uu dhukkubichi akka nama ajjeesu amanuu hin fedhu.
Dargaggoota akka qabachuu danda'uu fi mallattoos akka agarsiisuu ani ragaadha. Dhugaadha ani hiriira garaagaraa irratti hirmachaan ture of eeggachuuf yaaluus mudaa hin qabu ofiin jechuu hin danda'u.
Dargaggoonni umrii kiyyatti jiran qabamanii mallattoo agarsiisuu dhiisuu danda'u garuu namoota birootti ni dabarsu. Anillee soodaan kiyya inni guddaan haadha kiyyatti akka hin dabarsine ture.
Kanaaf dargaggoonni namoota dhukkuba jabaataa qabanitti akka hin dabarsine of eeggachuu qabu.
Afaanii fi funyaan haguuguu, harka wal fuudhuu dhiisuu kan yeroo hunda godhamuu qabudha.
'Jireenya haaraa'
Weerarri kun haala jireenya namootaa haalan jijjiireera. Akka nama Covid-19 qabame tokkottis jireenyi kiyya haalaan jijjiirameera jedhee amana. Maatii kiyya yaadus arguunii hin danda'u.
Yeroo gara kutaa ciisichaatti deemuu baay'ee sodaadha. Yeroo tokko tokko yoo ka'uu dide hoo jedhee sodaadha. Sababni isaas yeroo tokko tokko hargansuu dadhabee halkanoonni tasa hirribaa ka'u jiru waan ta'eefi.
Yeroo hundaa yeroo ciisichaaf deemu guyyaa itti aanuu hirribaa akka ka'uuf kadhannaa taasisee rafa.
Sodaan kiyya inni biraa: Abbaan kiyya yoo qabame hoo? Haati tiyya yoo qabamte hoo? Yookiin immoo miseensonni maatii kiyya biroo qabaman hoo? Kan jedhudha. Maatii kiyya amantiisanaiirratti jajjaboodha. Haati tiyya yeroo hunda tsabala akka dhugu na gooti.
Vaayirasichi yeroo ulfaataa akka qabaadhu na godhus kophaa jiraatuu dhabuun kiyya garuu gammachuu naa kenna. Inni biraa ammo namoonni miiliyoonotaan laaka'aman qabamanii vaayirasicharraa bayyanataniiru. Yeroon kunis akka darbu ni amana.
Nyaataa fi Sochii qaamaa
Ammatti baayyee fooyyee qaba. Mallattooleen giddu galeessa jedhaman gartokkeedhaan badaniiru. Mallattoolee akka qufaa fi kaan qorichoota adda addaatiin bayyanachuu danda'eera.
Dhukkubichaan qabamuu keessatti wanti baayyee ulfaatu rakkoo hargansuuti.
Gosti juusii (cuunfaa) hin dhugne hin jiru jechuun ni danda'ama. Keessumaayyuu cuunfaa burtukaanaa. Vaayitaaminoota heddus fudheera. Waan dhangalaa'aa fudhachuu, keessumaayyuu bishaan dhuguu akkasumas boqonnaa dheeraa fudhachuun ni gorfama; ana baayyee na fayyadeera.
Ogummaan harmee kiyyaas waan dagatamu miti. Qimamii biyyarraa dhufan walitti makuudhaan waan ho'aa naa hojjatti. Innis baay'ee na fayyadeera. Gama biraatiin duuba mana keenyatti bahee sochii qaamaa godha.
Qorannoo taasisee bu'aasaa eegaa jira. Gama kanaan soda tokkollee hin qabu. Bu'aan isaa negetiivii yoo ta'e hara galfadhee irra deebiin akka na hin qabneef of eeguu barbaada.
Namoonni irra deebiin qabaman akka jiran beeka. Yoo irra deebiin qabamte dhukkubiinsaa hamaa akka ta'e dhagaheera.
Kanaaf kan namoota biyya keessa jiraniif baay'ee of eeggadhaa jechuunii barbaadu. Dhiheessiin gahaa ta'e jiraachuu dhabuu danda'a ta'us garuu waan jiruun of eeggachuun gaariidha.
As Ameerikatti jalqabarratti nama tokko kan qabame. Achi booda nama kana hunda dhabneerra. Wanti hundi salphaa akka hin taane beeka ta'us garuu of eeggannoon hundi gatii qabdi.
Bu'aa qorannoo
Haannaa Jooy Gabrasillaasee BBC waliin Af-gaaffii kana eega taasifte booda bu'aan qorannoo Covid-19 ishee vaayirasichaan akka hin qabmne nutti himteetti. Baga gammadde!

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















