Koronaavaayiras: Haadha mucaa deessee osoo ijaan hinargiin Covid-19 duute

Madda suuraa, GoF undMe
Biyyoota weerarri koronaavaayirasii lubbuu namoota hedduu keessatti galaafate keessaa Ameerikaan sadarkaa tokkooffaaratti argamti.
Akkuma lammiile biyyatti kan biraas lammiilee Itoophiyaafi kanneen dhalootaan Itoophiyaa ta'an 100 ol ta'an dhibeedhuma kanaan biyyatti keessatti lubunsaanii darbuu Ameerikaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta'an Fitsum Araggaa dhiheenya kana dubbatanii turan.
Haadha osoo dhukkubsattuu ilma argattee garuu osoo ijaan wal hin argiin dute isaan keessaa tokkodha.
Haatii kun wayita koronaavaayirasiin qabamteetti ilmashee sadaffaa da'uuf guyyoota lakkaahaa turte.
Maqaanshee Weganee Dabalee jedhama. Jiraattuu biyya Ameerikaa Meeriilaandi turte. Waganeen torbaan sadiin dura ilmashee sadaffaa deessee.
Haa ta'u malee akka haadhoolii kaanii ilmashee hammattee dhungachuuf hincaroomne.
Sababii isheen koronaavaayirasiin qabamte jirtuuf jecha battaluma ofkalteetti mucaan ishee biraa fudhamee gara kutaa biraatti dabarfame. Waganeen torban kana boqachuun dhagahame.
Duutii haadha kanaa ''waan nama naasisuudha'' jedhu Kantiibaan Taakomaa Paarki Kaatee Steraart.
''Maatiin kunis maatii hawaasni keenya hundi beekuudha.'' Mucaan dhalate amma abbaafi obboolaa isaa waliin mana jira. Garuu haatii lubbuun bahuu hindandeenyee jechuun haala gaddisiisaa hawaasa isaanii keessatti mudate ibsan.
Hirriyyoon Waganees maatii kana deeggaruuf duula waamicha galiin walitti qabuu egalaniiru.
''Waganeen nama baayyee gara laafeettii, gammadduufi namoota ishee beekan humdaaf madda cimiinaa turte. Maaloo maatii ishee kadhannaa keessaniin yaadadhaa,'' jedhaniiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














