Koronaavaayirasii: 'Namni ilma kiyya ajjeesse mana hidhaatti koronaavayirasiin du'uu hin qabu'

Aleejoo Hunaawu bara 2004 manasaa keessatti ajjeefame

Madda suuraa, Alejo Hunau

Ibsa waa'ee suuraa, Aleejoo Hunaawu bara 2004 manasaa keessatti ajjeefame

Arjantiinaa keessatti dubartiin tokko nama dhukkuba Asmii qabuu fi ilmashee jalaa ajjeesse sodaa Covid-19'f akka hiikamuuf qondaaltotaaf xalayaa barreessite.

Silviyaa Ontiveeroo ji'a Guraandhalaa darbe namni ilmashee ajjeese kun akka hin hiikamne iyyattee turte.

Amma garuu haalli jiru 'akkan irra deebi'ee yaadu na taasiseera' jetti.

"Jibba qaba ture. Dallansuu qaba ture. Ta'us garuu du'a hawweefii hin beeku," jechuun xalayaarratti barreessite.

Kibxataa darbe pireezidantiin biyyattii Albeertoo Farnaandeez hanga danda'ametti hidhamtoota hidhaa manaa keessaa (house arrest) tursiisuun koronaavaayirasiirraa eeguuf karoora qabaachuu ibsanii turan.

Yeroo dhihoo asitti manneen hidhaa biyyaattii keessatti sababa namoonni baay'innaan argamanii fi hanqina qulqullinaan sodaa koronaavaayirasiin qabamna jedhuun waldhabdeen uumamee ture.

Murteen pireezidantichaa mormii kaaseera, namoonni muraasni sababa kanaan olaantummaan seera hin kabajamu jedhu, muraasni immoo hidhamtoonni hedduun hiikkamuu qabu jedhu.

Ilmi Siilviyaa Ontiveeroo, Aleejoo Hunaawu magaalaa Meendoozaa keessatti bara 2004 ajjeefame.

Kan ajjeese Diyeegoo Arduuwinoo hidhaan waggaa 16 itti murtaa'ee ture.

Ibsa Abbaan Seeraa Maariyaanaa Gardeeyi har'a kennaniin Diyeegoon sababa dhibee asmii qabuuf hidhamtoota 400 balaarra bu'uu danda'u jedhaman keessaa isa tokko ture.

Xalayaan Adde Siilviyaa barreessan miidiyaalee biyya keessaatiin ifa kan godhame yoo ta'u, "erga heddu itti yaade booda yaada hidhaa mana keessaa deeggare" jedhan.

Hidhamaa Arjeentinaa

Madda suuraa, Getty Images

"Amma waa'ee waan adda ta'e tokkoo haasa'aa jirra. Innis weerara dhukkubaati. Manneen hidhaa keessatti hidhamtoonni heddummaatanii waan jiraniif sodaa akkamii keessa akka jiran ni hubadha," jedhu.

Nama ilmashee ajjeese kana hidhaa keessatti dhiisuun akka murtee du'aa itti murteessuuti kan jettu Aadde Siilviyaan, sun ammoo waan yeroo dheeraaf mormaa turte ta'uu himti.

Adde Siilviyaan yeroo biyyattiin abbaa irreetiin bulaa turtetti waggoota torbaaf hidhamtuu siyaasaa turan. Kunis bara 1976 - 1983 kan turedha.

"Hidhaan dabarse akkan of jijjiiruuf yeroo naa kennee ture kanarraa kan ka'e Diyeegoonis waan wal fakkaataa raawwachuufi nama gaarii ta'uuf yeroo gahaa qabaachuu mirkaneessuf ture duraan akka hiikamu hin barbaanneef" jetti.

Ilmi ishee gaazexeessaa fi hojii beeksisaarratti hojjataa ture, manasaa keessatti qaruuraan waraanamee kan du'e.

Gaafa Wixataa Liimaa keessatti waldhabdee uumameen namoonni sagal du'aniiru. Kunis eega hidhamtoonni lama COVID-19n qabaman booda akka ta'e qondaaltonni mana hidhaa ibsaniiru.

Komishiinarri Mirga Namummaa UN Miisheel Baasheleet, pireezidantiin Chiilii duranii, haala manneen hidhaa Laatin Ameeerikaa keessa jiru "fudhatama kan hin qabnee" fi hidhamtoonni heddu akka gadi dhiifamaniif waamicha dhiheessaniiru.

Chiilii fi Kolombiyaa sababa weerara kanaa hidhamtoonni heddu gad dhiisaniiru.

Torbee darbe Seeneetiin Meeksikoo murtee wal fakkaataa dabarseera.

El Saalvaador kashalabboonni weerara kanatti fayyadamaa jiru jechuun murtee jabeessitee jirti.