Taanzaaniyaa: ‘Sababa koronaavaayirasiin maatiinkoo qoqqoodameera’

miseensota waldaa Kiristaanaa wayita ho'a qaamaa ilaalaman

Madda suuraa, Getty Images

Riippoortarrii BBC Taanzaaniyaa Saamii Awaamii sababa koronaavayirasii irratti ilaalcha amantaa Pireezdaant Joon Magufuulii qaban maatiikoo keessatti waldhabdee uumeera jedha.

Erga Bitootessa keessa jalqaba koronaavaayirasiin Taanzaaniyaa keessatti mul’atee booda, bilbilaafi ergaa barreeffamaan firoonniifi hiriyyoonnikoo biyya ormaa jiraatan na dhiphisaa turani.

Gaffiin isaanis, Afrikaa keessatti biyyi qajeelfama ittisa koronaavaayirasii laafaa qabdu akkamiin dhibee addunyaa raasee jalaa miliquu dandeesse kan jedhudha.

Kun lammilee biyyichaa keessa jiraataniifis wanta gaaffi ta’edha.

Pireezidaant Maguufilii hoggantoota muuraasaa uggura gosa kamiiyyu kaa’uu didan keessaa tokkoo yoo ta’an, weerara kanaaf na’uun hin baarbaachisu jechuu isaaniifis qeeqamaniiru.

Namoota hedduun qeeqamus – nu keessaas yaaddoon jiraatus – sodaa qabiinsaa itti gaafatamummaa hin qabnedha jedhanis, biyyaattiin lakkoofsa namoota du’anii sodaatamee ture hin agarre.

Wanta hunda caalaa kan gaaffii uumee ammoo, akkamiin kun akka ta’e namni beeku hin jiru.

‘Kadhannaan fayyina isa dhugaadha’

Rakkoon jiru tokko lakkoofsi namoota hubamanii ifa miti. Pirezidaant Magufuuliin gabaasa guyyuu uummatatti ifa gochuu dide.

Xinxalaan Eeyidan Eyakuzee akka jedhutti: “Biyyittiin dukkana odeeffannoo keessa akka sochootu godhe.''

Ogeessoti fayyaa ani hasoofsise sadi akka natti himanitti, isa durii caalaa hospitaalotatti dhukkabsattonni hin baayyane.

Namootni tokko tokko yoo dhugaa jiru dubbatan rakkoo irra ga’u waan sodaataniif wanta mootummaan jedhe wajjiin walii galuu filatu.

Vendors clean tomatoes on Mabibo Street without without wearing masks despite the confirmed COVID-19 coronavirus cases in Dar es Salaam, Tanzania, on April 16, 2020

Madda suuraa, Getty Images

Pireezdaantiin Waldaa Meedikaalaa Taanzaaniyaa Dr Eliishaa Osaatii wanti dhoksamee beeku hin jiru jedha, ta'us garuu amma paartii Chama Cha Mapinduzi bakka bu’ee filannoo paarlaamaaf dorgomuu barbaada.

Haala mootummaan lakkoofsa miidhamtoota hin kennineefi gaazexxessitoonni ofiin qorachuuf buufataalee fayyaa seenu hin dandeenye keessatti, filannoon jiru waan ogeessoti fayyaa jedhaniifi kan isaan qeeqanidha.

Ogeessoti fayyaa mootummaa tokko tokko, vaayirasiin kun rakkoo waan qabuuf namootni qulqullina isaanii akka eeganiif yeroo akeekkachisanitti, pireezidaantichi garuu uummati jireenya isaa itti fufuun eegumsaa Waaqaa akka kadhatuuf jajjabeessu.

Akka hordofaa amantaa Kaatoolikiitti amantootaan ‘fayyinni dhugaan’ kan argamu kadhannaani jechuun dhiibeen kun ‘Waaqa haa galatu balleeffameera,” jedhaniiru.

Ejjennoon pirezdaantichaa anaafi maatiikoo akkasummas firoottankoo gidduutti garaagarummaa yaadaa uume.

Firoottankoo hedduun deeggartoota pireezidaantichaafi amantoota cichanii Kiristaanummaa hordofanidha.

‘Waraana WhatsApp gubbaa’

Yeroo weerarri kun jalqabeerra eegalee, yemmuu lakkoofsi namoota miidhamanii guyya guyyaan dabaluu eegaletti fayyummaa maatiikoof yadda’uunkoo dabalaa deeme.

Ta’us garuu biyyitti keessatti koronaavaayirasiin siyaasessuun maatiinkoo of eeggannoo gochuu akka qaban amansiisuu cimaa taasise.

Gareen WhatsApp maatiikoo dirree waraanaa ta’e.

Gareen kun gaabaasalee pireezdaanticha deeggaraniifi odeeffanoo saayinsii sobaa namootni of eeggannoo goochuu dhiisanii abdiin akka turan gorsuun guute.

Dabalataanis yaaddoon isaanii sababa sochiin dhorkamuun galii dhabuu danda’an ture.

Fakkeenyaaf wasiillankoo sadan hojiin idilee isaanii paastarummaadha.

Isaaniif manni amantii bakka hawaasuummaafi amantaa isaanii itti gaggeessan qofa osoo hin taane, madda galii isaaniidha.

'Firoottankoo maanguddoo ta’an barsiisuu yaaleera'

Abbaafi harmeenkoo magaalaa gudditti Dodomaa keessatti suuqiin banatan madda galii isaaniifi, bakka oollaafi hiriyoota isaani waliin guyya guyyaan wal arganidha.

Haadhaa fi abbaa Sammy Awami's suuqiisaaniitti

Madda suuraa, Sammy Awami

Maanguddoota waan ta’aniif sochiin isaanii vaayirasichaaf waan saaxiluunii danda’uuf waa’ee vaayirasichaa isaan barsiisuufi akka isaan manaa hin baane amansiisuuf jecha, WhatsApp gubbaarratti miseensota maatiikoo umuriin isaanii deemeef eergaan qixeesse.

Ana dhaga’anii mana turuun madda galii isaani dhabumoo? Gorsa pireezdaantichaa dhaga’uun daldalaafi kadhannaa itti fufu?

‘Diina haaraa uumuu’

Vaayirasichi hamaa ta’uusaa ni amanu. Garuummoo kadhaannaattis ni amanu - keessumaa maddii galii isaanii rakkoo keessa yeroo jirutti.

Dabalataan pireezidaantichi weerara kana ittisuu irratti diinaa haaraa uumeera - biyyoota Lixaa.

Yeroo waa’ee biyyootii Lixaa haasa’uu ‘mabeberu’ jechuun isaan waama, ‘mabeberu’ jechuun ‘re’ee kormaa’ jechuudha.

Jechi kun yeroo warraaqsa walabummaatti jarreen koloneessitoota ibsuuf kan uumameedha. Kunimmoo dhalootaa hangafaa kan akka abbaafi harmeekoofi waasillankoof hiika guddaa qaba.

Pireezdaant Magufuuliin jarri ‘mabeberu’ fi waayilootni isaani vaayirasichaa fayyadamuun biyyachi galma dinaadgee isaarra akka hin geenyeef jeequu barbaadu jechuun dubbateera.

Darbeeyyu haasaa isaa tokko irratti warri Lixaa lammilee Taanzaaniyaa miidhuuf vaayirasicha meeshaalee alaa galan keessa kaa’uu danda’u jechuun dubbateera.

Yeroo kanatti mootummaan qajeelfama ‘yoo namni karaarratti callisee du’aa hin jiru ta’e, jireenyi itti fufuu qaba’ kan jedhu fakkaata.

Mala soodachiisaa ta’us, namootni hedduun garuu simatanii mootummaan sirriidha kan jedhu abdatu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa