Koronaavaayiras: Covid-19 Afriikaa keessatti saffisa akkamiin tatamsa'aa jira?

Dubartii maaskii kaawwattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Haala ardittii keessa jiruufi biyyoonni kam yaaddoo keessa akka jiran ilaallee jirra.

Lakkoofsa waliigalaa addunyaa yoo ilaallu kan Afriikaan gumaachite hedduu xiqqaadha. Ta'us haalli ittiin tamsa'aa jiru yoo ilaalamu yaaddoo uumuun isaa dirqama.

Afriikaatti namoonni qabaman 100,000 ga'uuf guyyoota 100 ta'u kan fudhate yoo ta'u, dachaa sanaa 200,000 ga'uuf garuu guyyoota 18 qofa itti fudhate. Dachaa sanaan 400,000 ga'uuf ammoo guyyoota 20 qofa.

Biyyoonni Afriikaa hedduun tatamsa'uu hawaasummaan hubamaa akka jiran kan himu WHO'n, haalli dhibeen kun itti ol ka'aa jiru kan biyyoota addunyaa haalaan miidhaman waliin wal-fakkeenya mul'isaa jiraachuu tarreessa.

Kunis ammoo yeroo namni tokko nama alaa dhufe yookaan nama biraa dhukkibichaan qabamuun beekamu irraa dhibee kana yoo hin arganneefi akkasumaan hawaasa keessaa yoo itti dhufe jechuudha. Kunis anga'oonni dhibeen kun eessaa akka dhufe hordofuuf isaan rakkisa.

Afriikaatti dhibeen kun kan tamsa'e naannoo kamitti?

Biyyoonni Afriikaa lama namoonni hedduun duraa qabaman Afriikaa Kibbaafi Masriidha. Gabaasa lakkoofsaa Waxabajjii dhumarra dhiyaate keessaa %60 kan ta'u lammiilee isaaniiti.

Afriikaan Kibbaa lakkoofsa namoota qabamaniin yoo dursitu, Masriin ammoo namoonni heduun du'uun dursituu dha.

Addunyaarratti uggura ciccimoo kaa'uudhaan kan beekamte Afriikaan Kibbaa, ugguroota keesse jalqaba Caamsaa darbe laaffisuu yoo eegaltu lakkoofsi namoota qabamanii dabaluu eegale.

Naayijeeriyaatti haalli jirus yaaddessaa akka WHO'n yoo himu, Afriikaa Lixaa kan jirtu Mooritaaniyaanis akkasuma. Walumaagalatti biyyoonni 10 lakkoofsa waliigalaa namoota qabamanii keessaa %80 haguugu.

Afriikaatti namoota meeqatu du'aa jira?

Ammeentaan du'aatii Afriikaa keessaa kan idil-addunyaan wal-bira yoo qabamu gadi aanaadha. Kunis tajaajilli fayyaa dadhabaa ardittii keessa jiru akkuma jirutti dha.

WHO'n kanaaf sababa kan jedhe ardittiin dargaggeeyyiin waan guutamteefidha jedha. Ummanni Afriikaa %60 ganna 25 gadidha, haala amma jiruun ammoo dargaggoonni vaayirasii kanaan hin du'ani.

Haata'u malee biyyoonni ammeentaa du'aa idil-addunyaan wal qixxaatu galmeessisan jiru, sana jechuun warreen qabaman keessa %5 kan ta'n lubbuu dhabuu jechuu dha.

Kunis lakkoofsi namoota qabamanii kan galmaa'anii ol ta'uufi namoonni qorataman xiqqaachuu irraa ta'uu akka malu dhaabbata 'Amref Health Africa' jedhamutti dura ta'aa kan ta'an Gitiinjii Gitaayi ni dubbatu.

Namoota meeqatu qoratame?

Biyyoonni 10, Afriikaa Kibbaa, Morokoo, Gaanaa, Masrii, Itoophiyaa, Yugaandaa, Mooriishiyas, Keeniyaa, Naayijeeriyaa fi Ruwaandaan %80 lakkoofsa namoota qoratamanii qabatu.

Afriikaa Kibbaa qorannoo guddaa geggeessiteefi Naayijeeriyaa ishee xiqqoo geggeessite gidduu garaagarummaa guddaatu jira, dhaabbata UK 'Our World in Data' odeeffannoo Covid-19 sassaaburraa akka odeeffannetti

Adoolessa 4 irra, Afriikaan Kibbaa namoota 1000 keessaa 30 irratti qorannoo taasisaa turte, kan UK 72 fi kan US 105 waliin wal-bira yoo qabamu.

Naayijeeriyaan 0.7 nama 1,000 keessaa, Gaanaan ammoo 10 akkasumas Keeniyaan 3.

Biyyoota Afriikaa muraasa keessatti ammoo sababa odeeffannoon dhabamuufi hir'uu ta'uurraa ka'ee, maal ta'aa akka jiru baruufillee rakkisaadha.

Pirezidantiin Taanzaaniyaa Maagufuuliin, qorannoo vaayirasii irratti taasifamu irratti shakkii akka qaban ibsanii turani, lakkoofsa namoota qabamanii muraasa qofa ummataaf ifa akka godhan ibsuun.

Ikuwaatooriyaal Giiniin ammoo erga bakka bu'aan WHO lakkoofsa namoota qabamanii guddisaa jiru jetteen booda, dhaabbata kana waliin wal-dhabdee turte, odeeffannoos kennuu dhaabdee yeroo dhihoo as itti deebite.

Kaaba Naayijeeriiyaa Kaanootti namoonni 1000 yeroo wal-fakkaatutti du'anus, mootummaan namni meeqa Covid-19'n akka du'e omaa hin jenne.