Koronaavaayiras: Taanzaaniyaan wiirtuuwwan dhukkubsattoota Covid-19 keessa tursuuf banaman hedduu cufte

Fakkii nama maaskii kaawwatee

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Fayyaa Taanzaaniyaa Ummii Muwaaliimuu Jimaata darbe akka jedhanitti, kan dhuunfaa dabalatee giddu-gala 11 qofatu banaadha.

Kunneenis giddu-galoota 85 duratti banaman keessaayyu.

Ministirri Fayyaa akkas jedhan:

Erga kana jedhanii boodas, naqa lammaffaaf vaayirasichi ka'uu waan maluuf garuu namoonni of-eeggannoo akka hin dhiifnes akeekkachiisaniiru.

Jiraattonnis wiirtuuwwan kunneen adda baasuuf waan hin oolleef qorannoo waliigalaaf deemuu akka danda'an ministirri kun dubbataniiru.

Mootummaan lakkoofsa namoota qabaman, du'aniifi ammeentaa tamsa'ina vaayirasichaa waan hin ibsineef, haala amma irra jiru beekuun rakkisaa dha.

Ibsi yeroo dhumaaf kan kenname Waxabajjii darbe yoo ta'u, yeroo sanatti namoonni vaayirasichaan qabamanii jiran 66 qofa akka turan MM Qaasim Maajaaliwaa paarlaamaatti dubbatanii turan.