Koronaavaayiras: Keeniyaan dhaabbileefi daandiiwwan cufamanii turan muraasa bante

Pirezedaant Uhuruu Keeniyaataa

Madda suuraa, AFP Contributor

Mootummaan Keeniyaa seektaroota muraasa cufamanii turan marii garagaraa taasiseen deebisee banuuf murteessuu beeksise.

Pirezidanti Uhuuruu Keeniyaataa ibsa har'a kennaniin, lammiileen biyyattii hundi tarkaanfii kana akka deeggaran waamicha dhiyeessaniiru.

''Diinagdee suuta jennee dandamachiisuu dandeenyurra lubbuu namootaa bakka bu'uu hin dandeenye filanne.''

Dhaabbilee amantaa, barnootaafi kanneen biroo banuu irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii garagaraa taasisaa turrerra.

Haala amma jiruun biyyattiitti %100 saaxilamummaa irraa bilisa hin taane. Haata'u malee, guutummaa biyyattiitti humna ittisaa horanneerra.

Haaluma kanaan suuta suuta wantoota cufamanii turan banaa deemna.

Har'a galgalaa kaasee yookaan barii ganamaa kaasee imalli naannoo Naayiroobii, Mobaasaafi Maandeeraa cufamamnii turan akka banaman nan ajaja.

Sa'aatii darbaan guutuu biyyaatti kaa'amee ture guyyoota 30'f akka itti fufun ajaja.

Wanti hubachuu qabnu garuu, banamuun naannolee kanaa saaxilamummaa keenya daran dabala, kanaaf yoomuu caalaa of-eeguu qabna.

Yoo akkas hin goonu ta'e dhibeen kun ammas babal'ata taanaan, kanneen suuta banne deebisnee cufuuf dirqamna.

Kanaafuu, lammiileen Keeniyaa hunduu tarkaanfii amma fudhatame haalaan kabajuun of-eeggannoo caalaatti taasisaa biyyattiin guutummaatti akka banamtuuf qooda akka taphatan waamichan taasisa jedhan.

Kun dhimma nama tokkoo miti, kun itti gaafatamummaa lammiilee keenya hundaati. Kanaafuu, walitti dhufeenyaafi tuttuqqaa hin barbaachifne akka hambisaniifi imala biyya keessaa hin barbaachifne akka tursan waamicha koo Keeniyaanota hundaaf nan dhiyeessa jedhan Uhuuruun.

Meeshaalee ittisaa seeraan fayyadamuufi namoota caalaatti saaxilamoo ta'aniif of-eeggannoo cimaa taasisuun akka barbaachisu hubachiisuun barbaada jechuun waamicha dhiyeessan.

Gorsa mana maree amantaafi qorannoo taasifameen manneen kadhannaatti namoonni yeroo deeman dambiiwwan of-eeggannoo taasisuu kan qaban yoo ta'u, namoonni 100 ol argamuu hin danda'amu. Turtii sa'aatii tokkoo oliifis mana kadhannaa keessa turuun dhorkaadha.

Manneen barnootaa Dilbataafi madrasaawwan garuu ammas akkuma cufamanitti kan turan ta'a.

Adoolessa 15, 200 irraa kaasee ammoo, balalliin biyya keessaa kan itti fufu ta'a, Hagayya 1, 2020 irraa kaasee ammoo, of-eeggannoo cimaa waliin balalliin idil-addunyaa kan itti fufu ta'a.

Dhorkaan lakkoofsa namoota wal-ga'iirratti hirmaatan, akkasumas manneen dhugaatii ajaja manatti erguu qofa itti keessummeessan guyyoota 30 dabalataaf kan itti fufan ta'a.

Bor irraa kaasee yeroo banachaa deemnutti diina hin mul'anne kana falmachaa biyya abbootiin keenya zeeroo irraa kaasanii nuuf kennan kana akka itti fufsiifnu waamicha isiniif dhiyeessa jedhani Uhuuruun.