Itoophiyaatti namoota Covid-19 qabaman 7,560 keessaa 4,306 bayyaannatan
Itoophiyaatti namoota koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa'ee 7560 keessaa wallakkaan ol kan ta'an yoo fayyan, kanneen lubbunsaanii dhaban ammoo 127 gaheera.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Kallattiin - ragaa addunyaarratti namoota Covid-19'n qabamaniifi du'an mul'isu
Tamsaasi keenya harraa kanuma!
Hordoftootaa tamsaasa kallattii keenya kan har'aa asumarratti xumurree jira.
Boru gabaasee biraatiin hanga wal agarruutti nagaan turaa!
Hangasiittuu fuula facebook keenyaafi marsariitii keenya millachuun hindagatiinaa.
Barreessaaan 'Fox News' ergaa jibba sanyummaa barreesseen hojii gadi dhiise
Itoophiyaatti namoonni dabalataa 206 Covid-19 qabaman
Itoophiyaatti qorannoo sa'aatii 24 darban keessa saamuuda 3922 irratti gaggeefameen namoonni 206 haaraan Covid-19n qabamuun mirkanaa'e.
Haaluma qanaanis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabaman kan waliigalaa 7766 gaheera.
Gama biraatiin ammoo namoonni 250 haaraa dhukkubicha irraa bayyanataniiru. Hanga ammaattis namoonni Covid-19n qabamanii irraa bayyanatan 4550 gaheera.
Akkasumas saa'aatii 24 darbe keessatti lubbuun namota tokkoo kan darbe yoo ta'u, waliigalattis namoonni koronaan da'an Itoophiyaatti 128 gahe.
Hanga harrattis saamuda 289,550 irratti qorannoon taasifameera, akka ibsa guyyaa Ministirri Fayyaa biyyattii ibseetti.

Taphattootni kilaba tokkoo 14 Covid-19'n qabamuun dorgommiin haqame
Biraazilitti taphattootni kilaba tokkoo 14 Covid-19’n qabamuun dorgommichi haqame.
Miseensoonni garee kubbaa miilaa Biraazil beekamaa tokkoo 14 erga Cvid-19 qabamunsaanii barameen booda bakka eegaluuf qophiirra jiruutti sagantaansaa haqame.
Kilabni Chapekoyensee dorgommii nuusa xumuraa shaampiyoonshiippii naannoo Saantaa Katarinaan tapha deebii kilaba Avaayi jedhamu waliin taphachuuf qophiirra ture.
Taphattoota kilaba kamiitu akka vaayirasichaan qabame ibsamuu baatus kilabni Avaayi taphattootni koo hundi bilisa jedheera.
Shaampiyoonshiippiin Saantaa Katarinaa sababa koroonaavaayirasiin addaan cite turuun Adoolessa 8 bara 2020, torban dabe keessa akka itti fufuun taphatamuu eegalee ture.
Klabootni baay’een weerara akkasii keessa ta’anii tapha gaggeessuuf yaaddoo qaban ibsaa turan.
Biraazilitti namootni miliyoona 1.8 tahan koroonaavaayirasiin qabamaniiru. Namootni 71.000 tahan ammo lubbuu dhabaniiru.
Dorgommiin kubba miilaa liigota gurguddoo adunyaa kan akka Piriimer Liigii Ingiliz, Seri A Xaaliyaani, Laaligaa Ispeenii fi Bundis Liigaan Jarman itti fufuun gaggeeffamaa jiru.
Balaliisaan xiyyaaraa Iskotiish Covid-19'n akka malee hubamee ture amma biyyasaatti deebi'uuf

Madda suuraa, AFP
Balabiisaan xiyyaara daandii Qilleensa Iskootish, kan Vetinaam keessaatti Covid-19 qabamuun baatii lamaaf haala sodaachisaa keessa ture amma biyyattii deebii’a jira.
Balallisa Isitiifan Kaameeroon, kan hospitaala Ho Chii Minii keessatti baatii lamaaf maashinii harganuuf gargaaru jala turees amma gara manasaatti deebii’aa jira.
Gaheessa wagga 42 kan ta’e kun Veetinaamiitti hospitaala kan galee baatii Bitootteessaa keessa akkuma Daandii Qiileensa Veetinaamiin balaliinsa isaa kan jalqabaa xumureen booda ture.
Hakiimonnis carraa jiraachuu %10 qofa akka qabu itti himanii turan.
Biyya Veetinaam kan namoota vaayirasichaan qabaman muraasni keessa jiruufi kan du’ee homtu hin galmaa’iniitti, haalli bayyanachuu isaa pireessi biyyattiin gabaafamaa ture.
Mr Kaameeronis kunuunsa taasifameefiin baayyee gamaduu himee, yoo gutummaatti fayyes batalaan kan gara Veetinaamiitti deebii’u ta’us waadaa galee jira.
Afriikaa Kibbaatti haleellaa waldaa keessatti raawwatameen shan ajjeefaman

Madda suuraa, SAPS
Afriikaa Kibaatti waldhabdee hoggansa waldaa jidduu ture hordofee haleellaa banameen namoonni shan ajjeefaman.
Poolisiin biyyattii kaleessa waldaa qarqara Johaanisbargi kana keessatti dhiiroota, dubartootaa fi daa’imman ‘uggura jala’ turan baraaruu himan.
Akkasumas namoota 40 ta’an to’annoo jala oolchuun meeshaa waraanaa hedduus qabuu himan.
Namoonni ijaan argan akka raga bahanitti, namoonni Waldaa Qulqulluu amantoota Wangeelaa Idil-addunyaa jedhamu irratti waraana banan kunneenis qaama garee warra qiyyeeffatanii haleellaa raawwataniiti.
Waldittiin erga hogganaan ishee bara 2016tti du’anii as irra deddeebiin waldhabdee cimaa keessa jirti.
Kana duras erga bara 2018 miseesnsoota jidduutti walitti dhukaasni taasifamee tureen booda poolisiin waamamee kan ture ta’uu midiyaan biyya keessaa tokko gabaaseera.
Waggaan dura ammoo maallaqni waldittii gara doolaaraa miliyoona 6.5 bakka buuteensaa dhabameera akka gabaasa gaazeexaa Soweeroon jedhamuutti.
Buraayyuutti lolaan namoota sagal ajjeesee, manneen 180 ol mancaase
Ameerikaatti reeffi dhalataa Itoophiyaa mukarratti fannifamee argame gaaffii kaasee
Talaalliin Covid-19 jalqaba bara dhufaatti UK’tti eegaluuf

Madda suuraa, Getty Images
Piroofeesar Roobiin Shaatok kan Koolleejjii Impeeriyaal Landaniitti garee talaallii kan hogganan akka jedhaniitti, talaaliichi walakkeessa bara dhufaatti guutuu UK’tti ni kennama.
‘‘Dhugaatti wanti hundi haala gaariidhaan nuuf kan deemu yoo ta’e talaalliin Covid-19 kennamu eegala.’’
Innis Soofiyaa Riijeer kan ‘Sky News’ guyyaa Dilbataa akka himeetti, hanga ammaattis namoonni fedhii qaban 15 talaalicha fudhataniiru.
Akkasumas namoonni 200-300 ta’an kan biraa ammoo torbee dhufaa keessa talalamuuf jiru.
"Yoo wanti hundi haala gaariidhaan nuuf deemee, jalqaba bara dhufaatti hojjachuusaatiif deebii ni arganna. Talaalichi akka guutuu UK gahuuf haalduree qopheessaa jirra.’’
"Kanaafuu, talaalicha bituudhaaf bajannii ni jiraata jennee yaaduudhaanis, jalqaba bara dhufaatti guutuu uk'tti talaalicha eegaluuf yaadaa jirra,’’ jedhan.
Doonaald Tiraamp dhumarratti ummata fuulduratti maaskii godhatan
Aartiistiin beekamaan Indiyaa Amitaabh Bachchan Covid-19 qabame

Madda suuraa, Reuters
Taatuun kunis fuula Tiwiitaraa isaarratti Covid-19n qabamuusaa bareesseera.
Ilmisaa Abhishek Bachchan fi isa waliin Covid-19 qabamuusaa ibseera.
Bachchan ammatti gaheessa ganna 77 yoo ta’u, waggoota 10 dura eega taatuu beekamaa ta’ee as fiilmota 200 irratti hirmaateera.
Bachchanii fi ilmisaa kan ganna 44 Muumbaayi keessatti gara Hospitaalaa Naanaavaatiitti geeffamaniiru. Ilmisaa mallattoo jiddu galeessa akka qaban ibseera.
Eega bara 1970taa as Badhaasawwan fiilmii biyyaalessaa afurii fi badhaasawwan fiilmfare' 15 fudhateera.
Kana malee gumaachaasaa gama siinimaatiin jiruuf Faransayii irraa badhaasa kabajaa isa guddicha badhaafteenii jirti.
Taatumaan alattis Bachchan siyaasa keessatti hirmaatuun bara 1984 miseensa paarlaamaa ta’ee filatamee ture.
Ta’us garuu sababa maalanmaltummaatiin waggoota sadi booda hojiisaa dhaabe.
Akkasumas bara 1995 piroodaakshinii fiilmii maqaasaatiin hundeessee ture.
Ji’oota dhihoo as qabsoo biyyattii koronaavaayiras irratti jalqabe mootummaa waliin hojjataa ture.
Indiyaatti namoota haaraa guyyaa kaleessaa qabaman dabalatee, namoonni 821,000 Covid-19 qabamaniiru.
Kunis biyyattiin lakkoofsa ol’aanaa Covid-19 qabaachuun addunyaarratti sadarkaa sadaffaarratti argamti.
Koroonaavaayiras: Dhukkubni qilleensaan akkamiin daddarba?
Lammiileen Israa’eel haala mootummaan itti Covid-19 to'ataa jiru mormuun hiriira bahan

Madda suuraa, Getty Images
Lammiilee Israa'ee kumaatamaan lakkaa'amanis haalli mootummaan ittiin Covid-19 to'atu rakkina diinagdeetiif sababa ta'eera jechuun mormiif addabaabaayii Teel Aviiviitti bahaniiru.
Magaalattiinis mormiitoota dargaggeeyyiin kan guutamte yoo ta’u, beenyaan mootummaan kaffalu yeroodhaan nu dhaqabaa hin jiru jedhan.
Mormitoonnis maaskii haa hufatan malee fageenya isaanii eegataa hin turree.
Mormii kunis namoota daldala xixiqqoo keessatti hirmaataniin, namoota hojii mataasaanii hojjatanii fi garee taatota aartiin kan qophaa’eedha.
Namoonni hedduun hojii dhabdoota ta’uusaaniitiif maallaqni nuu kaffalamu saffisaa nu hin dhaqabu jechuun komiisaanii ibsataniiru.
Ministirri Mummee Beenjaamiin Neetaaniyaahuun guyyaa Jimaataa haala jiru mari’achuuf xiinxaltoota waliin wal arganii turan.
“Waan waadaa galle kaffaltii dabalatee ni raawwanna,” jedhaniiru jechuun waajjirri isaanii ibseera.
Israa’eel wallakkeessa Bitootessaarraa jalqabee uggura kan labsite yoo ta’u, dhuma ji’a Caamsaa irratti garuu haala ta'ee ugguricha laaffisaa dhufteetti.
Biyyattii keessatti hojii dhabdummaan %21’tti ol guddateera.
Guyyaa Jimaataa namoonni haaraa 1,500 Covid-19 qabamaniiru.
Biyyattiitti namoonni 354 ta’an koronaavaayirasiin du’aniiru jedha ragaan Yuunivarsiitii Joons Hoopkiinsi.
Lafti walakkaa kutaa biyyaa tokko saboota duriif akka deebi’u murtaa’e
Tamsaasa keenyaa kallattii eegaleerra
Kabajamtoota hordoftoota BBC Afaan Oromoo attam jirtu!
Kunoo tamsaasa keenya kallattii kan ittiin odeesaalee gaggabaaboo biyya keessaafi alaa irraa isin biraan geenyu amma eegaleera.
Oolmaa keesaniin ammoo koronaavaayirasiirra ofii keessaniifi maatii keessan ittisuu hin dagatiinaa.
Oomlaa nagaa isiniif hawwiina.

Kan har'aa kanuma!
Gabaasa kallattii keenya kan har'aa asumarratti dhaabna.
Boru walitti dachaana marsariitii keenya BBC Afaan Oromo akkasumas fuula Facebook keenya mil'achuu hin dagatinaa!Boru walitti deebina, Nagaatti!
'Ololaaf' jedhanii namoonni hidhamuu odeessu jedhan Obbo Taayyee Danda'a

Tibbana ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaarratti raawwate hordofee namoonni garaa garaa to'atamaa jiru.
Kana keessaa gaazexeessituun LTV Beetaliheem Taaffasellee akka hidhamte odeeffamaa ture.
Hidhamuu ishee kan gaafanne qondaalli paartii badhaadhinaa Obbo Taayyee Danda'aa, ''Lakki soba. Maal balleessite hidhamti?'' jechuun BBC'tti himan.
Obbo Tayyeen kanneen kana raawwatan ololanii ummata karaa hin taanetti warra oofu barbaadanidha jechuun himataniiru.
Gaazexessaan biraa Betaliheemittid dhihaatus akka isheen hin hidhamne BBC'tti mirkanesseera.
''Nama silaa ija ummataa keessa jiru, nama ummanni jaalala qabaaf jedhame yaadamu hundumaa kuun hidhame kuun akkana ta'e jedhani ololumaaf oofan,'' jedhan Obbo Taayyeen.
''Namni aaree xiiqii keessa gale hiriira akka bahu Gofundme's yoo taate akka kanfaluudhaaf malee namuma nagahaa nama akkanuman hojii ofii hojjetu mootummaan waan hidhuuf hin qabu,'' jechuun himan.
Dabalata: Gaazexeessitoonni hidhaman eenyu?
Covid-19 nama murtiin du'aa itti murameef umurii dabale

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaatti manni murtii kutaa biyyaa Indiyaanaa murtiin du'aa nama nama ajjeese irratti raawwatamuuf ajaje akka turu murteesse.
Kuni kan ta'eef kanneen namichi kun nama jalaa ajjeese wayita inni du'u ilaaluuf jecha imaluu waan rakkataniifi.
Imala kan isaan rakkise ammoo Covid-19.
Daani'eel Lii silaa Wiixata dhufu du'aan adabama ture. Nama qawwee gurguru tokko, haadha warraa nama sanaafi intala isaanii ganna saddeetii ajjeesuun murtiin kun itti murtaa'e.
Akkawoon daa'ima ajjeefamtee wayita Dani'eel Lii du'aan adabamu bakkatti argamuun vaayirasiif of saaxiluuf hin feene.
Manguddoon ganna 81 Erliin Piitarsan murtee du'aa nama mormaa turan. Seerri murtoo du'aa akka haqamus gaafataa turan.
