Koronaavaayirasi: Weerara Covid-19n walqabate waan hamaatuu dhufaaf jira jechuun akeekkachisee hogganaan WHO

Dr. Tedros Adihaanoom

Madda suuraa, Getty Images

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) weerara Covid-19n walqabatee ''ganaa waan hamtuu dhuufuf jira'' jechuun addunyaa akeekkachisaniiru.

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teedroos Adhaanoom Gabrayesuus, motummoonni imaammatawwan sirrii hojiirra oolchan malee vaayirasichi ganaa namoota hedduu qabuuf jira jedhaniiru.

Ergaa isaanitis, ''qoradhaa, duukaa bu'aa, adda baasaa fi bakka turmaataa keessa tursiisaa'' kan yaadachiisuudha jedhaniiru.

Erga koronaavaayirasiin dhuma bara darbee biyya Chaayinaa keessatti mullachunsaa himamee kaasee amma namoota miliyoona 10 ol qabeera. Lakkoofsi namoota vaayirasicha kanaatiin du'anis wallakkaa miliyoonaa darbeera.

Wallakkaan lakkoofsa namoota vaayirasii kanaan qabamanis US fi Awuroppaa keessatti kan argamau yoo ta'u, ammalee Covid-19 Ameerikaa keessatti saffiisaan dabalaa jira.

Akkasumas vaayirasichi biyyoota Ashiyaa Kibbaafi Afriikaas bakka keessatti dhuma Adooleessaatiin dura keessatti hinbabalatu jedhemee ture keessatti osoo hinhafne baayyataa jira.

Presentational grey line

Dr Tedroos ibsa karaa viidiyootiin Wiixata kaleessaa taasisanii, ''Kun akka darbu hundi keenyaa ni barbaadna. Hundi keenyaa jireenya keenya jiraachuu eegaluu barbaadna. Garuu dhugaan jiruu garuu ganaa gara dhumaatti hindhiyaannee'' jechuun haala dhufaa jiru ilaalchisuun akeekkachisaniiru.

''Biyyoonni baayyeen sochii muraasa taasisan illeen, weerarichi garuu sadarkaa addunyaatti dabalaa jira.''

An Italian student in Ohio watched her country reel from the coronavirus pandemic.

Akkasumas motummoonni kaanis akka fakkeenya Jarmanii, Koriyaa Kibbaa fi Jaappaan kan weerara isaanii imammaatawwan qorannoofi hordoofifii cimaadhaan to'atanii akka hordofaniif gaafataniiru.

Biyyoon baayyee miidhaaman kamiifa'ii?

US hanga ammaatti namoota Codid-19n qabama miliyoona 2.5 oliifi du'aa galmeessuun biyya addunyaa kamu dursuun argamti.

Bulchiinsoonni Ameerikaa kanneen dhiheenya keessa uggura jalaa bahan, keessatti kanneen kibba biyyattiitti argama keessatti namoonni vaayirasichaan qabamaa jiran garmaalee dabalaa jiraachuu torbanoota dhihoo keessa gabaafameera.

Weerarichii garmalee dabaluusaatiin walqabatees aanga'oonni bulchinsoota Teeksaas, Filoriidaafi kanneen biraa keessatti daldala irratti deebiisanii uggura cimaa akka kaa'an taasiseera.

Biyyi lammaffaan namoonni hedduun keessatti vaayirasii kanaan qabamaa jiru Biraazil. Biyya kana keessatti waliigalatti namoonni miliyoona 1.3 ta'u Covid-19n kan qabame yoo ta'u, kanneen kuma 57 ta'an ammoo lubbusaanii dhabanaiiru.

Haaluma ciminsa weerarichaa kanaan walqabatees Wiixata kaleessaa magaalaa guddoo biyyattii Biraasiliyaa keessatti labsiin yeroo mudamaa labsameera.

Akkuma bulchiinsootaafi kantiibaawwan Biraaziil kan biraa, aanga'oonni magaalaa Biraasiliyaa baatii kana ture kan uggura fageenya eeggachuu laaffisuun suuqiiwwanis deebiifamanii akka saaqan kan taasisan.

UKn biyyoota Awurooppaa du'aatii hedduun keessatti galmaa'ee keessa tokko.Sababiidhuma kanaan kantiibaan Leesisitar manneen dhugaatiifi ristotaantiin ammalleen torban lamaan dhufaniif akkuma cufamaniitti akka turan jedheera.

Bakkeewwan Ingilaandii kan biraa keessatti ammoo manneen dhugaatii, restooraantii, manneen riifeensaafi hoteeloonni deebiisanii akka banamaniif sanbattan irra uggurri kaa'amee ture laaffiisame.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa