Chaayinaan Covid-19’f qoricha aadaa filachuu eegalte

Madda suuraa, getty images
Yeroo saayintistoonni talaallii Covid 19 argachuuf tattaafatanitti, Chaayinaan dhibee kana wal’aanuuf qoricha aadaa Chaayinaa (TCM) filateetti. Tarii bu'aa qabbeessa ta'aa laataa?
Waraqaan dhiheenya mootummaa Chaayinaatiin gadhiifame akka ibsutti, dhukkobsatoota biyyattii %92 hanga ta'ee qoricha kanaan wal’anamani.
TCM addunyaa keessaatti adeemsa wal’aansaa bara dheeraaf tureefi wal’aansoota biqiltootarraa hojjatamaniifi akkupaankchaar jedhamuufi Tayi Chaayi of keessatti qabata.
Chaayinaa keessatti dhalootaa dhalootatti hedduu bekkamtii qabaatus, takka takka interneeta gubaatti falmii ni kaasa.
Chaayinaan fayyadama TCM biyyaa keessafi alatti babal’isuu barbaadduus, ogeessonni fayyaa garuu bu'aa qabeessuummaa isaa irratti shakkii qabu.
Faayidaa qabaachuun isaa guutummatti hin mirkanoofne-US
Wal’aansa koronaavayirasiif qorichoonni aadaa ja’a beeksifamaniiru, kanneen beekaman lama Liyaan hua Qingwen –kan biqiltoota 13 of keessaa qabu- fi Jinhuwaa Qingan- kan bara 2009 yeroo weerara H1N1'tti uumameefi wantoota 12 ofi keessa qabudha.
Kanneen TCM deeggaran qorichoota kana fayyadamuun miidhaa fidu hin qabu jedhanis ogeessoti garuu miidhaa hin fidu jechuun dura qorannoon gadi fageenyaan taasifamu qaba jedhu.
Dhaabatti Fayyaa Biyyaaleessa US, qorichooti kun mallattolee dhukkubichaa tokko tokko hir’isuuf gargaaranis bu’a qabeessummaan isaa gutummaa gutuutti hin mirkanoofne jedhu
“TCM’f ragaan gaarii hin jiru kanaaf qorichichaa fayyadamuun bu’aa qabaachuu dhisuun alatti rakkoo fiduu danda’a,” jechuun qorataa qorichoota biro kan ture Edzaard Ernest midiyaa Nature journal jedhamutti himeera.
Ta’us garuu gabaan TCM Chaayinaafi biyyootii addunyaa biroorri dabalaa jira. Kawunsiliin Chaayinaa waggaa darbe dhuma 2020tti gabaan TCM gara doolara biiliyoona 420 ta’a jedhanii tilmaamaniiru.
Pireezdaantiin Chaayinaa Shi aadaa qorichaa kana ‘heedduu akka jallatu’ fi kun ‘qabeenya ammayyummaa Chaayinaadha’ jechuun akka leellisu ni himu.
Ta’us garuu hanqinni qorannoo saayinsaawaa gabaafi babal’ina TCM hir’iseera.












