Lammii Taanzaniyaa halkan tokkotti miliyeenara ta’e

Madda suuraa, TANZANIA MINISTRY OF MINERALS
Lammiin Taanzaniyaa albuuda baasuun hojjotu erga albuuda Tanzanaayit jedhamu biyyatitti isa guddaa ta’e argatee booda halkan tokkotti miiliyeenara ta’eera.
Albuuda kiiloo 15 ta’u kan argate Saniniyu Layizer, Ministeera Albuudaa biyyattii irraa doolaara miiliyoona 3.4 argateera.
Abbaa ijjoollee 30 olii kan ta’e Layizer, “Bor kabaja guddaa qabaanna” Jechuun BBCtti himeera.
Albuudi Taanzaanaayit kaaba Taanzaniyaa qofatti kan argamu yoo ta’u faaya hojjeechuuf fayyada.
Addunyaa keessatti albuuda gati jabeessaafi salphaatti hin argamne yoo ta’u, qorataan jiiyoolijiii biyyatti tokko waggaa 20 dhufu keessatti albuudi kun dhumuu danda’a jechuun tilmaama.
Dhakaan gati jabeessi kun bifa magariisa, siddisaafi cuqulisaan argamu mala.
Laayizer albuuda kiiloo 9.2 fi kg 5.8 ta’e kan argate torben darbe ta’us kan gurgurate garuu Roobii darbe qophii daldalaa bulchiinsa Manyaaratti taasifame irratti.
Hanga ammatti albuudi Taanzaanaayit qotamee baafame inni guddaa kiiloo 3.3 kan ta’udha.
Pirezdaantiin biyyatti Joon Magufuuli albuuda kana waan argateef baga gammaddee jechuun Layizeriin bilbilaan dubbisaniiru.
“Kun bu’aa albuudaa baaftonni sadarkaa gadaanaatii, Taanzaaniyaa dureessa ta’uu ishees mul’isa,” jedhanii Pireezdaant Magufuuliin.
Miiliyeenarri haaraan kun maal jedha?
Laayizer, ganna 52, haadha manaa afur kan qabu yoo ta’u , saangootasaa keessa tokko kabaja kanaaf akka qalu dubbata.
Akkasumas bulchiinsa Manyaara keessatti haawaasa isaa Saminjiroo irratti invasti goochuuf karoorfatee jira.
“Mana baruumsaafi gamoo gabaa ijaaruun barbaada. Mana barnoota kana naannoo mana koottin ijaaru fedha.
Naannoo kana namootiin harka qalleeyyii ijoollee isaani mana barnootaatti ergu hin dandeenye jiru.”
“Ani nama barate miti garuu wantoonni beekumsaan akka deemu nan fedha. Kanaaf ijoolleen kun daldala karaa barnootaan akka gaggeessanan barbaada.”
Wanti uumamee kun haala jireenya isaa akka hin geeddarree fi kanaafis loon isaa 2000 ta’un kunuunsu akka itti fufu dubbata. Qabeenyaa haaraa waan argateef eegumsaa adda akka isa hin barbaachisnes hima.
“As eegumsi ga’aan jira. Rakkoon hin jiru. Halkaniyyu akka garaakoo ba’ee deemuu nana danda’a.”
Albuuda baastonni gada’aanoo akka Laayizer albuuda akka Taanzanaayit baasuuf eeyyamni mootummaa isaan barbaachisa. Ta’us garuu nannoolee warshaa albuuda baasan gurguddoon jiranitti namootni karaa seeraan alaan albuuda baasan ni jiru.
Bara 2017tti buufata albuudaa Merelanii, Manyaaratti argamuufi addunyaa keessatti madda Taanzanaayiti tokkicha jedhamee yaadamutti, dallaan km 24 ta’u akka ijaaramuuf Pirezdaant Magufuuliin waraanaa biyyatti ajajanii turani.
Waggaa tokko booda sababa dallaa kanaan galiin buufata albuuda baasaa kana dabaluu isaa mootummaan gabaaseera.













