Tanzaaniyaa: Dhiirootni miseensa paarlaamaa tahan dhaqna qabachuu qabu

Dhaqna qabaan dhiirotaa daddarbuu HIV xiqqeessa

Madda suuraa, AFP

Dubartiin miseensa paarlaamaa Tanzaaniyaa taate tokko dhiirota miseensa paarlaamaa tahanii dhaqna hin qabatiin adda baasuuf qorannoo gaggeessuf akka jedhan himan.

Daddarbuu HIV hir'isuuf jecha tarkaanfichi akka fudhatamu ibsuun namni dhaqna hin qabanne hundinuu akka dhaqna qabatu taasifama jetteetti jechuun miidiyaan biyyattii Afaan Swaahiilii Mwanachi gabaaseera.

Dubartiin Jaaklaayin Nigonyaanii jedhamtuu fi miseensa paarlaamaa taate har'a akka jettetti, kanaaf miseensotni paarlaamaa warri dhiiraa hundi qophaa'uu qabu jettetti.

Dhaabbatni Fayyaa Adunyaa [WHO] dhaqna qabachuun carraa namni tokko wal-qunnamtii yeroo gaggeessu HIV'n qabamuuf qabu 60%'n hir'isa jedha.

Miseensi paarlaamaa biraan Jooseef Seelaasiinii jedhamu yaada ishee kana deeggaruun biyyi ollaa keenyaa Keeniyaan illee adeemsa akkasii keessa darbuun namootni dhaqna hin qabatiin akka dhaqna qabatan gootetti jedhan.

Garuu dubbiin waa'ee Keeniyaa dubbate dhugaa miti jedhama. Sababni isaas Keeniyaan miseensota paarlaamaa irratti gochaa akkasii waan hin raawwatiiniif.

Miseensi paarlaamaa Tanzaaniyaa biraan Jooseef Kaasheekuu jedhamu ammoo kun sababa facaatii HIV miti jechuun tarkaanficha mormeera.

Dubartootni kittaanamanis akkasuma HIV dabarsuu danda'u waan taheef, yoo kan dhiirota dhaqna hin qabatiin sakattaanu tahe dubartoota hin kittaanamiinis akkasuma sakatta'uu qabna jedhe.

Haa tahu malee dhaqna qabaan dubartootaa fayyaa isaanii waan miidhuuf gama oogummaa fayyaan barbaachisummaa hin qabu jedha Dhaabbatni Fayyaa Adunyaa.