Waa'ee Wal'aansa fayyaa Masirii durii kana beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Bara durii wayita daangaan saayinsii fi amantaa ifatti gargar baasu hin turetti, Masirii keessatti wal'aansa fayyaa fi falfala (magic) gargar baasuun rakkisaa ture.
Lammileen biyyattii dhukkubni hojii badaa namni tokko raawwateef dheekkamsa waaqolii isaanii irraa itti dhufu ykn akka hafuura hamaa qaama isaanii keessaa sirnoota amantaa gara garaatiin bahuutti yaadu.
Haa ta'u malee ilaalchoonni kun barmaatilee fi gochoota wal-aansa fayyaa gara garaa hanga har'aatti tajaajila kennaniin deegaramaa turan.
Barmaatilee wal'aansa fayyaa waggoota 3000 dura warri masirii itti fayyadamaa turan keessaa muraasni kan armaan gadiiti.
Baqaqsanii wal-aanuu

Madda suuraa, Getty Images
Masiriin durii reeffa nama du'ee mala ittiin gogsanii yeroo dheeraaf tursiisan "Mummification" jedhamu qabu turan. Kunis caasaa qaama namaa sirritti hubatanii akka beekan isaan gargaaree jira.
Kanumaa irraa ka'uun sammuu nama dabalatee qaamota namaa gara garaa baqaqsanii wal'aanaa turan warri Masirii.
Wal'aansa ilkaanii

Madda suuraa, Getty Images
Midhaan nyaataa qopheessuuf fayyadaman haga fedhan haa qulqulleessan iyyuu malee yeroo heddu dhakaa caccabaa xixiqqoo fi cirrachi gammoojii nyaata lammilee Masirii durii keessaa hin dhabamu.
Kun ammoo ilkaan lammiilee biyyattii durii akka nyaatamuu fi caccabuuf isaan saaxilaa ture.
Kana irra ka'uun qoricha bifa nyaataatiin fudhatamu kan ilkaan nyaatamee fi caccabe ittiin guutan gara garaa qabu turan.
Qaama nam-tolchee

Madda suuraa, JON BODSWORTH
Masiroonni durii qaama nam-tolchee nama lubbuun jiruufis nama du'eefis ni hojjetu turan.
Keessattuu nama du'eef qaama nam-tolchee hojjechuun baramaa dha. Kunis jireenya du'a booda jiruuf, namni du'e qaama guutuun awwaalamuu qaba jedhanii waan yaadaniif.
Haa ta'u malee, namoota lubbuun jiran qaama hir'uu ta'aniifis qaama nam-tolchee ni hojjetu. Qaamni nam-tolchee heddumminaan hojjetamu quba harkaa fi miilaati.
Qubni miilaa armaan olitti mul'atu kunis quba nam-tolchee kan umurii dheeraa qaba jedhamu dha.
Dhaqna qabaa

Madda suuraa, Getty Images
Seenaa Masirii durii keessatti dhaqna qabaan akka wal'aansaa fi barmaatiilee amantaatti raawwatamaa ture.
Lammilee biyyatti biratti baayyee baratamaa waan ta'eef namni dhaqna hin qabanne akka raajiitti ilaalama.
Barreeffamoonni tokko tokko lammileen Masirii durii booji'amtoota humna waraanaa Libiyaa warra dhaqna hin qabatiinitti akka bohaaraa turan mul'isan jiru.
Namoota akkasii maatiin isaanii akka ittiin bohaaraniif booji'anii gara manaa akka ittiin galanis ni himama.
Sirna wal'aansaa fi to'annoo mootummaa

Madda suuraa, Getty Images
Sirni wal'aansaa Masirii durii to'annoo cimaa mootummaa jala ture.
Inistiitiyuutotni mootummaa ogeeyyii fayyaa leenjisanii fi dhukkubsattoota simatanii yaalan Masirii durii keessa turaniiru. Qajeelfamoonni fayyaa gara garaas akka turan himama.
Nannoo ijaarsawwan gurguddoo jiran maratti daannoon fayyaa namoonni balaa tasaatiin miidhaman itti yaalaman jira ture.
Namoonni sababa balaa akkasiitiin miidhamanii yaaliirra jiran miindaan isaanii akka kaffalamuuf qajeelfamni ajaju akka tures seenaan ni eera.












