Afrikaan Kibbaa xiyyaara Tanzaaniyaa 'Air' jedhamu Johaanisbargitti uggurte

Madda suuraa, IKULU
Qondaaltotni Afrikaa Kibbaa xiyyaara Tanzaaniyaa ugguruu isaa mootummaan Tanzaaniyaa beeksise.
Xiyyaarri modelli isaa Airbus 220-300 tahe Jimaata darbe Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargi irraa gara Daaresalaamitti balali'uuf ture.
Akka hin sochoone wayita dhorkame qondaaltotni Afrikaa Kibbaa sababa isaa waan hin himneef maaliif akka tahe waanti barame hin ture.
Qonnaan bulaan soorama baheeru tokko mootummaan Tanzaaniyaa beenyaa naaf kaffaluu qabu dolaara miliyoona 33 waan naaf hin kaffalleef xiyyarichi uggurame jechuun gara boodaa dubbatte.
Abbaan seeraa Rooger Wakefiildi maallaqichi mootummaan Tanzaaniyaa lafa qonnaan bulaa kanaa waan fudhateef akka beenyaatti akka kaffalamuuf kan murtaa'e ture jedhe.
Dubbii himaan mootummaa Tanzaaniyaa BBCtti akka himetti abbootiin seeraa Tanzaaniyaa dhimmicha qorachuuf Afrikaa Kibbaa galaniiru jedhe.
Daarikterri buufata xiyyaara Tanzaaniyaa Ladislaas Matiindii imaltootaaf haalli mijatee xiyyaara biraan akka imalan taheera jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Tarkaanfiin kun kan fudhatame daandiin xiyyaarichaa imala isaa gara Johaanisbargitti taasisu eegalee ji'a lama boodadha.
Pirezidaantiin Tanzaaniyaa Joon Magufuliin daandiin xiyyaaraa mootummaa kun akka fooyya'uuf fi biyyattii gidduugala gochuuf yaalaa turaniiru.
Guddina Turizimii biyyattiif gaarii taha jedhanii akka hojjechaa turanis ibsaniiru.
Haa tahu malee daandiin xiyyaarichaa sababa kaffaltii baasii garaagaraan kanaan duras himatamaa tureera.














