Lammileen Taanzaniiyaa mormitoota hidhaarraa hiiksisuuf doolaara 100,000 ol walitti qaban

maallaqa

Madda suuraa, Getty Images

Lammileen Taanzaniyaa hoggantoota baartii mormituu wagga lama duraa hiriira seeraan ala ta'e gaggeessuun himatamaniii hidhaa jiran gadhiisisuuf maallaqa walitti qabutti jiru.

Mormitoonni kun addabbii maallaqaa doolara 150,000 akka kaffalaan kan irratti murtaa'ee yoo ta'u, kaffaltii kana gargaaruuf jecha lammileen biyyatti hanga ammaatti doolara 100,000 ol walitti qabaniiru.

Hiriira waggaa lama dura gaggeefame kanaratti yeroo poolisiin uummata bittumsuuf dhukaaasa banetti barattuun tokko rasaasaan ajjeefamteetti.

Erga aangootti ba'ee booda pireesdaantiin biyyattii Joon Magufuulii bara 2015'tti hiriirri siyaasa kamuu dhorkeera.

Dhaddacha Kibxata adeemsfame booda Tiwiitara gubbaa irratti maallaqa walitti qabuuf duulli adeemsifamaa jira.

Paartiin mormituu Chedema saatii 24 keessatti shilingiin Taanzaniyaa miiliyoona 234 (doolaara 102,00) ta'u walitti qabamuu isaaf galata isaani ibsuun Roobii waaree booda Twiittar irratti barreesaniiru.

Dhimmuma kanaratti komiteen seenetiin Ameerikaa partilee mormituu yakkamtoota gochuuf yaalamuun isaa filannoon barana taasifamu dimokratawaa ta'a kan jedhu nama shakkisiisa jedha.

Mootummaan garu qeeqa fi himannaa irratti dhiyaate mara haaleera.