Pirezidaantiin Taanzaaniyaa barattoonni akka reebaman deeggaran

Joon Maagufaalii

Madda suuraa, AFP

Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Joon Maagufuliin aanga'oota barattoota mana bulmaata isaaniitti abidda qabsiisan uleedhaan reeban leellisan.

Aaanga'aan motummaa Albart Chaalaamiilaa jedhaman kunis qondaala olaanaa bulchiinsa naannoo tokkoti. Aanga'aan kuni dhaabatanii barattoonni lapheen lafa cisanii dugdi isaanii hanga luqa'uutti yoo reebaman viidiyoon agarsiisu midiyaalee hawaasaaarratti balinaan qoodamaa tureera.

Kana duras ministirri Taanzaaniyaa kun kan duras adabbii dureewwan manneen barnootaa qofti akka raawwatan taasisu jedhamuun qeeqamanii ture. kun

Pirezidaantiin biyyattii Maagufuuliin barattoonni qimiidamu yoo barbaachisees reebamu qabu ejjannoo jedhun kan beekaman yoo ta'u, yoo kan caalu dhuufees akkanaan seerri geedaramuun tokkoon tokkoo barsiisaa barattoota balleessaa raawwatan 'hanga ofi wallaalaniitti' akka reebaniif heeyyamni akka kennamuuf yaada dhiyeessaniiru.

Pirezidaantichi barataan tokko yoom adabamu qaba kan jedhurratti qajeelfamni akka hin jiraanne barbaadu.

Wayita ammaattis daarektaroota mana barnootaa yoo ta'anis barattoota adabuun hin hayyamamuuf. Barattoonni kan adabaman yoo ta'ees sababii cimaa dhiyeessu kan barbaachisu yoo ta'u, isaafi yoo baayyate yeroo afur qofaa ' salphisanii qixaaxuutu heyyamama.

Pirezidaanti Maagufuuliin barattoota reebuun mirga namoomaa sarbuudha kan jedhaniin hojiirraa hari'ataniiru.

''Komishinara Chaalaamiilaan dubbiseera. Isaan boodas gocha raawwataniif gaarii gootee jechuun dinqisiifannaan isaaf qabu ibseefiira,'' jedhaniiru.

''Sirriiyuu hanga ofi wallaalaniitti reebamu qabu ture. Kanneen gocha kanaan sarbama mirga namoomaati jedhan mana bulmaata barattootaa gubateef kanfalu qabaatu. Gamoowwan kunneenis kan ijaaraman qabeenyaa maatii hiyyeeyyiitiin,'' jechun dubbataniiru.