Firaans umurii ijoolleen baruumsa itti eegalan jaha irraa sadiitti gadi buusuufi

Ijoollee taphatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jijjirraan kun daa'imman muraasa qofa irratti dhiibbaa qaba

Firaansitti ijoolleen ganna sadiitti gara mana baruumsaa akka deeman jedha fooyyeffamni seeraa haaraa pireezidantii biyyattii Imaanu'eel Maakrooniin ifa ta'e.

Kunis Firaans biyyoota Awurooppaa keessaa kan umurii xiqqaan ijoollee baruumsa eegalchiiftu ishee jalqabaa taasisa.

Maatiin hedduun ijoollee isaanii dursanii ganna sadiitti mana baruumsaa galchuu waan eegalaniif, jijjiiramni kun ijoollee muraasa qofarratti dhiibbaa qabaata jedhameera.

Ijoolleen umurii mootummaan jedhu kanatti nama baruumsaa hin galle dhibbeentaa 2.4 qofa.

Pireezidant Maakiroon akka jedhanitti lammiileen biyyattii hiyyeeyyii ta'aniifi daangaa biyyattiin ala jiraatan ijoollee isaanii dursanii mana baruumsaatti erguu waan rakkataniif, jijjiiramichi walqixxummaa dhabuu barnoota keessa jiru hir'isuuf kaayyeffate.

Akka gaazexaan 'Le Monde' jedhutti magaalaa Paaris keessatti ijoolleen dhibbeentaa 93 ganna sadiitti mana baruumsaa galu, haa ta'u malee lakkoofsichi bakka kaanitti baay'ee gadi aanaadha.

"Bara barnootaa 2019 irraa kaasee yoo hojiirra oolu garaa garummaa fudhatama hin qabne kana ni fura jedheen abdadha," jedhu Maakiroon.

Jijjiiramicha "sirna barnootaa biyyattii keessatti bu'uura guddaadha" jechuunis leellisanii jiru.

line
Kids shoes

Madda suuraa, Thinkstock

Biyyootni Awurooppaa kaan daa'imma ganna meeqatti baruumsa eegalchiisu?

Afur: Ayerlaand Kaabaa

Shan: Saayipiras, Ingilaand, Maaltaa, Iskootlaand, Weels

Jaha: Oostiriyaa, Beljiyeem, Kirooshiyaa, Cheek Riipabliik, Deenmaark, Germany, Giriis, Haangarii, Ayislaand, Ripabliika Ayerlaand, Italii, Liichtenisten, Lugzemberg, Nezarlaands, Norweey, Poorchugaal, Romaaniyaa, Islovaakiyaa, Isloveeniyaa, Ispeen, Siwiizarlaand, Tarkii

Torba: Bulgaariyaa, Istooniyaa, Fiinlaand, Laativiyaa, Lutaaniyaa, Polaand, Sarbiyaa, Siwiidin

Madda: 'National Foundation for Educational Research'

line

Ijoolleen ganna meeqatti mana baruumsaa deemuu akka qaban mormii guddaatu jira.

Qorannoon bara 2015 maxxanfame tokko akka jedhutti ijoolleen barfatanii mana barumsaa galan haalan baruumsa hordofuu fi dammaqoo ta'uun itti cima.

Awurooppaa keessatti barumsaan milkaa'ina guddaa galmeessaniiru kan jedhaman biyyootni sadi, Fiinlaand, Poolaand fi Istooniyaan sadanuu ijoollee ganna torbatti baruumsa eegalchiisu.

Haa ta'u malee sanaan dura daa'imman oolmaa daa'imman taphoota gara garaa taphataa itti baratan oolu. Hangi daree keessatti barataniis xixiqqaadha.