Yugaandaa: Paastariin koronaavaayirasiin Afrikaa keessa hin jiru jedhe himatame

Lammileen Yugaandaa sodaa Covid-19n yeroo dursanii meeshaa bitachuutti jiran

Madda suuraa, Getty Images

Aanga'oonni Yugaandaa paastarii hordoftoota amantaa waldaa isaa ta'anitti koronaavaayirasiin Afrikaa keessa hin jiru jechuun itti himaa ture himatan.

Abbootiin alangaa yaada Agustiin Yigaan Jimaata Waldaa Rivaayivaal Kiristaan jedhamutti dubbataniin himannaa irratti banan. Yaada paastarichi jedhan ammoo karaa TV biyya keessaa tamsa'eera.

Inni garuu himannaa isarratti dhiyaate kana waakkateera.

"Covid-19 Afrikaafi Yugaandaa keessa hin jiru jechuudhaan carraaqqiiwwan mootummaan dhibee hamaa addunyaa weeraraa jiru kana dura dhaabbachaa jiru tuffachuudhaan, uummatni akka qajeelfamoota dhibee kana to'achuufi ittisuuf dhiyaatan hojiirra oolchuutti dhibaa'u gochuun balaa cimaaf saaxilaa jira," jedhan dubbi himaan poolisii Yugaandaa Paatriik Oniyaangoo AFP tiif yaada kennaniin.

Paastarichi balleessaa ittiin himatame kanaan yakkamaa taanaan addabbii hidhaa waggaa torbaatu isa eeggata.

Hanga ammaatti Yugaandaatti namoonni dhibee koronaavaayirasiitiin qabaman 33 gabaafameera.

Pirezidantiin biyyattii Yuweerii Museeveeniin ergaa kaleessa TV biyyattiitiin darbeen, tarkaanfii weerara koronaavaayirasii ittisa jedhan torban lamaaf turu beeksisaniiru.

Tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa konkolaataawwan dhuunfaa akka hin sochoone dhorkamuu, namni wallaansa fayyaa hatattamaa qofa argachuu barbaadu hayyama aanga'ootaan qofa akka socho'u kanneen jedhan kessatti argamu.

Pirezidantichi lammilee biyyattii sababa tarkaanfii Covid-19 ittisuuf fudhatame kanaaf hojii dhaabuun nyaata argachuu hin dandeenyee nyaata akka dhiyeessan waadaa galaniiru.

Itti dabaluunis poolisiin namoota ummataaf nyaatallee osoo kennuu arge akka qabuufi yakka 'yaalii ajjeechaatiin' himatu qajeelfama kennaniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa