Koronaavaayiras: Hamilee waliif ta'uu hanga qajeelummaatti, sababiiwwan shan abdii namatti horan

Harka dhahuun toofattaa hojjetoota fayyaa adda-durummaan weerara kana dura dhaabbataa jiraniif halee ta'uu baramaa ta'edha

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Harka dhahuun toofattaa hojjetoota fayyaa adda-durummaan weerara kana dura dhaabbataa jiraniif halee ta'uu baramaa ta'edha

Guutummaa addunyaatti yeroo lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dabalaa jiru kanatti wanta gaariifi namatti tolu dhaga'uun hedduu hin jiru.

Sababa dhibee fayyaa amma addunyaa mudate kanaan yaaddoo ji'oota ta'uu baatanillee torbeewwan baayyee turaniif wal'aansoo jabduu keessa jirra.

Akkasuma ta'ee garuu ammoo wantoonni akka gammadan nama taasisan hedduutu jiru.

Koronaavaayirasiin itti fufee tatamsa'uutti jira. Dhibeen baayyee hamaan mudate kun wanta baayyee gaaridha jedhamu dhalli namaa qabu akka gadi bahee mullatu ammoo taaasiseera.

1. Hojjetoonni kunuunsa fayyaa guutuu addunyaatti jajamaa jiru

Duula koronaavaayirasii kana dura dhaabbachuu kana keessatti doktoroonni, narsoonniifi hojjetoonni kunuunsa fayyaa biroo fuuldura hiriiranii jiru.

Namoota guutummaa addunyaa irratti 720,000 ol ta'an vaayirasii kanaan qabaman keessaa 151,901'tti kan siqan bayyanataniiru akka ragaan Yunivarsiitiin Joons Hopkiinsi walitti qabu agarsiisutti.

Namoota bayyanatan kanaaf gar tokkoon kan galateeffamuu qabu hojii gootummaa hojjetoonni kunuunsa fayyaa taasisan kanaati.

Gocha of-kennuun kunuunsitoonni fayyaa hojjechaa jiran kanaaf beekamtii kennuufi hamilee ta'uufiif addunyaarratti Xaaliyaan, Ispeen, Firaansiifi Indiyaatti dabalatee biyyoota gara garaa keessatti namoonni dhiyaatanii jajjabeessuufi jajachuutti jiru.

Fakkeenyi hamilee hojjetoota kunuunsa fayyaaf kennuu dhiyeenya kanaa kan UK keessatti ta'edha. Namoonni gara karra Kamisa darbe bakka hojjetoonni fayyaa wallaansa taasisaa jiraniitti dhiyaachuudhaan sagaleefi harka rukutuun jajachaa turan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, UK hojjettoota fayyaa koronaavaayirasii waliin wal'aansoo qabaa jiraniif hamilee kennite

Hojjetoota kunuunsa fayyaatiif hamilee kennuun jajjabeessuun akkas baratame kun walakkaa baatii Amajjii Chaayinaa magaalaa Wuhaan, bakka koronaavaayirasiin jalqaba itti mul'atetti ture.

Kiliippiin viidiyoo miidiyaalee hawaasummaa Chaayinaa keessatti waliif qoqqoodamaa ture akka agarsiisutti jiraattonni sagalee ol-fudhachuun faaruufi sirbaan gamoo bakka jiraatan keessaa halkanillee hojjettoota fayyaatiif hamilee kennaa turan.

Akkuma koronaavaayirasiin magaalaa Wuhaan keessaa bahee tatamsa'een shaakalli hojjetoota fayyaa jajachuufi jajjabeeffachuun kunis babal'achaadhuma dhufe. Hamilee hakiimotaaf harka walitti rukkutuun amma waan addunyaa irratti barame ta'eera.

2. Chaayinaan dhorkaawwan jajjaboo keessee turte laaffisaa jirti

Yoo xiqqaate yeroodhaafis ta'u, Chaayinaan muddama koronaavaayirasiin uumame kana waan to'atte fakkaatti.

Guyyoota dhiyoo asitti namoonni biyyattii keessatti vaayirasichaan akka haaraatti qabaman baay'ee muraasa.

Namoonni haaraan qabaman garri caalan kan biyya alaarraa itti seenanidha.

Kana jechuun ammoo mootummaan Chaayinaa dhorkaawwan tatamsa'ina vaayirasichaa dhaabuuf kaa'ee ture laaffisuu jalqabeera jechuudha.

Dhirkaan Chaayinaa keessatti bakka tokkoo bakka biraatti ture ka'eera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhorkaan Chaayinaa keessatti bakka tokkoo bakka biraatti ture ka'eera

Bitootessa 25, Chaayinaatti kutaan bulchiinsa Huubee dhorkaa imalaa namoota naannicha keessaa bahanirraa kaaste.

Magaalaan Wuhaan akka hin sochooneef Amajjii keessa jalqabame, gaafa Ebla 8 gadi dhiifama.

Akka gaazexeessaan BBC Chaayinaa Stephen McDonell gabaasetti, namoonni magaalaa guddittii Chaayinaa, Beejiing, keessa jiraatan qilleensa qulqulluu hafuura baafachuu danda'aniiru. Kun ammoo haara galfii dabalataadha.

Yeroo dhorkaan ka'utti garuu Chaayinaa keessatti weerarri dhibee kanaa marsaan lamaffaa dhufuu mala kan jedhus sodaan ni jira.

Ammaaf garuu, Chaayinaan jiruu ummataa bakka sirriitti deebisuudhaaf tarkaanfiiwwan yeroodhaaf jedhame suduudaan fudhachaa deemaa jirti.

3. Xaaliyaan tarii raafama kana garagalchuu dandeessi

Jalqaba torban darbee Ejensiin Eegumsa Lammilee Xaaliyaan (Italy's Civil Protection Agency) akka jedhetti biyyattiin dhibee daddarbaa kanarraa "ifatti sadarkaa tasgabbaa'uu" keessa jirti.

Guyyoota walitti aanan afuriif biyyattii keessatti lakkofsi namoota haaraa qabamanii hir'achaa dhufeera.

Roobii darbe, lakkoofsi namoota haaraa qabamanii 3,612 ture. Kun ammoo kan guyyoota afran isaan dura tureerra xiqqaadha.

Jimaata lakkoofsi namoota qabamanii kan Kamisaarra gadi bu'aa ta'us lakkoofsi namoota du'anii garuu kan hanga ammaatti jiru hunda caalee galmaa'ee jira.

Guyyoota afuriif hir'achuun isaa yeroo gababaaf ta'ullee, Xaaliyaan biyyoota Awurooppaa kamiyuu caalaa dhibee kanaan hunda caalaa baayyee miidhamte keessatti akka ifa abdiitti ilaalameera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) hir'achaa dhufuu isaa kanas jajjabeessaadha jedheera.

Dursaan dhimma fayyaa naannoo Xaaliyaan keessatti akka malee dhibee kanaan miidhamtee Lombaardii "ifa hallayyaa gamaan mul'atu" jedhaniiru.

4. Qorannoon saayinsii cimee itti fufeera

Namoonni dhukkuba vaayirasii kanaan dhufuuf akka hin saaxilamneef talaallii qopheessuuf addunyaan saayinstistoota irratti hirkatti.

Talaaliiwwan baay'een hojjetamuutti jiru. Kana keessaa kan yaaliin isaa dhala namaa irratti gaggeeffame ni jira.

Qabatamaatti, ogeessonni akka jedhanitti talaalliin yoo xiqqaate waggaa tokkoo hanga ji'oota 18 keessatti hin qaqqabu.

Haata'u malee, fiigicha saayintistoonni argachuudhaaf taasisaa jiraniin, waa'ee vaayirasichaa wanti baay'een qoratamaa jira.

Fakkeenyaaf torban darbe keessa, waa'ee jenetik koodii vaayirasichaa ilaalchisee gabaasaaleen abdachiisoo ta'an turan.

Vaayirasiiwwanii nama gara garaa ykn lubbu qabeessa vaayirasicha baatu (host) keessatti seelii isaa caasaa haaraan baay'ifachuun beekamu.

Haata'u malee, koronaavaayirasiin (SARS-CoV-2) kun garuu akka vaayirasoota warra kaanii adeemsi caasaa haaraa baay'ifachuu isaa xiqqaadha jedhu saayintistoonni.

Kun akkuma jedhame taanaan ammoo, talaalliin tokkittiin yeroo dheeraadhaaf dandeettii dhukkuba ittisuu namaaf uumti jechuudha.

"Vaayirasiin qaccee sanyii tasgabbaa'aa ta'e qabu talaallii qopheessuudhaaf oduu gammachuudha," jedhan Vaayirooloojistiin vaayirasii irratti qoratan Piroofeesar Istefaanoo Menzoo.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

5. Miirriifi hamileen wal-gargaarsaafi qajeelummaan dabalaa jira

Koronaavaayirasiin namoota garaa gara fageessellee, uummattoonni yeroo waliif barbaachisoo ta'an kana keessatti waliif jiraachuu mul'isaa jiru.

Guutummaa addunyaa irratti, gochawwan qajeelummaafi wal-bira dhaabbachuu dabaleera.

UK keessatti, namoonni kumaatamaan lakkaa'aman fedhii isaaniin Tajaajila Fayyaa Biyyaalessaa (NHS)'tti makamuuf mallatteessan.

Kun ammoo hanga mootummaan nan galmeessa jedhee karoorfate dachaa baayyee caalee argameera.

Ispeen keessatti, doktorri tokko akka namoonni koronaavaayirasiitiin qabamanii hospitaala galaniif xalayaa jajjabinaa karaa toora interneetaan akka barreessaniif gaafateen deebii hedduun warra fayyina hawanirraa irra galagaleera.

Xalayaan hawwii gaarii warra wallaansaaf hospitaala jiraniif kuma hedduun lakkaa'aman ergamuu isaanii El Pais kan gabaase.

Akkasumallee wal-quba qabaachuufi namoonni fakkiiwwan sabbata-waaqayyoo foddaafi balbala mana isaaniirra halluu gaariin abdii qaban agarsiisuuf ni kakaawwatu.

Daa'imman biyya Jarman yeroo sabbata-waaqaa foddaa irra ol-kaa'uun abdii qaban agarsiisanitti

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imman biyya Jarman yeroo sabbata-waaqaa foddaa irra ol-kaa'uun abdii qaban agarsiisanitti