Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 23 gahe - Abiy Ahimad

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali/Facebook

Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 23 gahuu isaa MM Abiy Ahimad himan.

Namoota 800 oliif qorannoon vaayirasichaa akka taasifameefi kanneen keessaa namoonni 23 ta'an vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'ee jira jedhan.

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa lakkoofsi namoota hanga Dilbataatti vaayirasichaan qabamanii 21 jedhee ture.

Namootni dabalataa lama vaayirasichaan qabaman ilaalchisee MM Abiy waan dubbatan hin qaban.

Sadarkaa addunyaatti weerara vaayirasichaa to'achuun rakkisaa ta'ee akka jiru kan himan MM Abiy, biyyoonni weerara vaayirasichaa xiqqeessuu danda'an warra wal tumsanii fi naamusaan hojjetanidha jedhan.

Biyyoonni hawaasa naamusa qabu qabaniifi odeeffannoo itti walitti fufiinsaan kennan lammileen ofis, hawaasaa isaaniis, biyya isaaniis akka eegan taasisan miidhaa isaanirra gahuu malurraa of bararuu danda'aniiru jedhan.

Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jiraachuu gabaasaaleen ni mul'isu jedhan MM Abiy ergaa viidiiyoon karaa fuula 'Facebook' isaanii dabarsaniin.

Magaalota adda addaa keessatti namni walirraa hiiquu dhiisuufi qajeelfamoota kennaman hojiirra oolchuu dhabuun rakkoo ta'ee itti fufuu himaniiru.

Halaa kanaa rakkoon kanaa oli yoo mudate akkamiin to'achuun akka danda'amu gaaffii namoota hedduuti jedhan.

"Karaan vaayirasii kana ittiin injifatan tokkichi naamusaan of injifachuu, fageenya ofii eeggachuu, qulqullina ofii eeguu fi tuttuqaa irraa hanga danda'ame of fageessuu waan ta'eef lammileen hundi kana miira itti gaafatamummaa olaanaan akka hojiirra oolchaniifi Itoophiyaa balaa guddaa ishee mudachuu malurraa eeguu akka dandeenyu garraamummaa guddaanan gaafadha"

Namoota sochii sadarkaa biyyaalessaatti vaayirasicha ittisuuf taasifamaa jiruuf tumsa gochaa jiran galateeffatanii jiru.

Karaan tokkichi ittiin koronaavaayirasii ittisuun danda'amu 'ida'amuufi naamusaan socho'uu' qofadha jedhan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa