Paastariin koronaavaayirasiin 'soba' jedhe hojiirraa dhorkame

Madda suuraa, AFP
Paastariin Keeniyaa weerarri koronaavaayirasii 'soba' jedheefi harka dhiqachuu balaaleffate waldaa tajaajiluun hojiirraa dhorkame.
Dhukkubni koronaavaayirasii addunyaa yaaddesse maloota ofirraa ittisan keessaa tokko harka dhiqachuu akka ta'e ogeessonni fayyaa ni gorsu.
Paastar Naataan Kiriimii jedhaman giddugala Keeniyaa waldaa 'Jesus Winner Ministry' jedhamu keessa tajaajilan waldaalee sodaa tatamsa'ina dhukkuba kanaaf balbala cufatan qeeqaniiru.
Vaayirasichi ''jette jettee'' kiristaanota qoruuf jalqabamedha jechuun waldaa dhufuurra akka hin hafne dhaamaniiru.

- Dhuguma dargaggoonni koronaavaayirasiin hin hubamanii?
- Ameerikaatti haati ijoollee ishee sadii waliin Covid - 19'n duute
- Balalii dhorkuun alatti COVID19 to'achuuf Itoophiyaan maal murteessite?
- 'Koronaavaayirasiin Itoophiyaatti hammaachuu mala'
- Mala aadaatiin koronaavaayirasii ofirraa ittisuun ni danda'amaa?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
Hoggantoonni waldichaa garuu yaada paastarii kanaa balaaleeffachuun weerarri dhukkuba kanaa dhugaa akka ta'eefi waldaa dhaquu akka dhaaban ibsa baasen ibseera.
Paastar Ediwaard Miwaayi akka jedhanitti wanti Paastar Kirimiin dubbatan hoggantoota waldichaa waliigalaa bakka hin bu'u.
Dabalanis, ajaja mootummaan tatamsa'ina dhukkuba koronaavaayirasii ittisuuf murteesse kabajuun hojiirra akka oolchan dhaaman.
Waldaaleen hedduu Keeniyaatti walitti dhufanii tajaajiluu kan dhaaban yoo ta'u tajaajilas karaa televijinii dabarsuuf yaada qabu.
Biyyi Baha Afrikaa Keeniyaan hanga ammaatti namoonni 7 dhukkuba kanaan qabamuu mirkaneessiteetti.
Akka waliigalaatti namoonni 11,000 kan du'an yoo ta'u 250,000 ol kan ta'an immoo dhukkuba koronaavaayirasii kanaan qabamaniiru.














