Rodrigoo Duteerte: 'Qoosaa hin jiru, maaskii keessan gaaziin qulqulleessaa'

Madda suuraa, EPA
Pirezidantiin Filippiins Rodrigoo Duteerte namoonni maaskii koronaavaayirasii to'achuuf godhatan akka gaaziin qulqulleessan dubbatan. Isumarrattuu, ''qoosaa hin jiru'' jedhan.
Torban darbellee waan walfakkaataa dubbatani. Garuu qondaaltonni kaan dafanii sirrii miti jedhanis Duteerteen qoosaa hin jiru jedhanii deebisanii dubbatan.
Qondaaltonni fayyaa maaskiin uffatarraa tolfame akka miicamu, kan ogeessota fayyaa garuu kaaniin akka bakka buufamu gorsu.
Gaafa Jimaataa garuu, pirezidantiin biyyattii ''kan ani jedhe sirrii ture .... gara buufata boba'aatti deemaa'' jechuun namoonni gaasii akka fayyadaman dhaaman.
Hanga ammaatti gaaziin maaskii takkaa godhatan qulqulleessuuf gargaaruu isaa ragaan hin jiru. Inumaa gaaziin miidhaa qabaachuu mala jedhu ogeeyyiin.
Duteerten maal jedhan?
Duterteen yaadni isaanii sirrii akka ture himun qeeqxota isaanii deebisani qeeqani.
''Isaan [qeeqxonni isaanii] Duteerten maraatera jedhu. Maal? Yoo ani maraadhee jiraadhe ana miti ati pirezidantii ta'u qabda.''
''Kan ani jedhe sirrii ture. Yoo alkooliin hin argamne, keessumaa hiyyeeyyiif buufata boba'aatti deemaa, gaazii fayyadamaati maaskii qulqulleessaa.
''Ani qoosaa hin jiru. Na hubadhaa,'' jechuun dubbatan.
Torban darbe maal dubbatan?
''Maaskii keessan fannisaati, yoo dandeessan 'Lysol' itti biifaa,'' jedhan. 'Lysol' biraandii beekamaa maaskii qulqulleessuuf gargaarudha.
Kanneen kana hin qabneef gaazii keessa kaa'aa jedhan.
Erga kana jedhanii booda dubbii himaan pirezidantichaa Haari Rooku isaan sirreessan.
''Waggaa afurif erga pirezidantii ta'ellee ammallee isa hin barre jechaadha,'' jechuun dubbiin himaa dubbachuu isaanii maddi oduu 'Rappler' gabaase.
''Qoosaadha. Miicuuf [maaskii] maaliif gaazii fayyadamna?'' jechuunis gaafate.
Gaazexessaan BBC Filippinsii gabaasu Howaard Joonsan akka jedhutti yeroo koronaavaayirasiin biyyattii seenu Duteerten 'vaayirasichi hin bada' jedhanii turan.
Boodarra garuu uggura labsuuf dirqaman. Torban torbaniinis ummataaf ibsa kennuu eegalan.
Haa ta'u malee, ibsi kennan halkan keessa ture. Yeroo baay'es dafanii hin eegalani. Takka takka dhimma eegamaniif dhiisanii diina keenya kan jedhaniin qeequutti gad taa'u jedha Joonsan.
Yeroo kaan waliin walbira qabamu hammi namoota biyyattiitti vaayirasichi irratti argame xiqqoodha. Duunis akkasuma. Hammi namoota qoratamanis xiqqaadha.
Yeroo ammaa Filippiins keessatti vaayirasichi namoota 89,374 irratti kan argame yoo ta'u hammi namoota du'anis 2,000 gadidha.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














