Koronaavaayiras: Pireezidant Tiraamp namni maaskii akka uffatu gorsan

Doonald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp biyyattiitti weerarri koroonaavaayiiras ''fooyya'uu isaa dura ni hammaata'' jechuun ibsa ji'oota keessatti yeroo duraatiif dhimma vaayirasii kanaarratti kennaniin himan.

Ofii isaaniis maaskii malee kan socho'an Tiraamp, yeroo dheeraaf namni Maaskii akka uffatu akka labsan gaafatamanii didaa erga turanii booda, ibsa kanaan ''fayidaa waan qabuuf, jaalala biyyaa agarsiisuufis'' namni maaskii akka uffatu gaafataniiru.

Ibsa kana yeroo kennanillee maaskii kan hin uffanne pireezidantichi maaskiin qulqullina hin mul'isu jechuun qeeqaa turan.

US keessatti weerarri vaayirasii kanaa haalan dabalaa waan jiruuf pireezidant Tiraampis dhimma kanarratti ejjenno qaban akka cimsan gorsitoota isaaniirraa dhiibbaan irratti godhamaa tureera.

Ibsi guyyuu dhimma koroonaavayiras irratti Waayit Haawusii kennamu kan adda cite ji'a sadii dura pireezidantichi qorichoota farraa infeekshinii waraannachuun furmaata ta'uu danda'a jechuun erga dubbatanii boodadha.

Ji'ootaan booda ibsa isaanii kan jalqabaa kanaan waan gorsitootni isaanii taaskifoorsii addaa jalatti gurmaa'an jedhaa ittiin jedhan dubbataniiru.

''Vaayirasichi foyyee agarsiisuurra hammaachaa deemuu hin oolu'' jedhan. Kuni waanan dubbachuu jaaladhu ta'uu baatus haalichi akkas ta'eeras jedhaniiru.

''Namni kamuu meetira lama walirraa fagaachuu yeroo hin dandeenye maaskii haa uffatu'' jedhan.

Itti dabaluunis maaskiin jaallattaniis jibbitaniis, fayidaa qaba'' jedhanii waan jiru hundatti fayyadamuu qabna ergaa jedhus dhaaman.

Vaayirasii kanaan ''China Virus'' jedhanii ibsanii kan turan Tiraamp, kutaa miidiyaaleef ibsa itti kennan keessatti maaskii kiisii keessaa baafataniis ofitti osoo hin godhiin ibsicha xumuran.

Tiraamp filannoo ji'oota booda gaggeefamuun Ji'oo Baayidan injifachuun marsaa lammataaf itti fufuuf hojii jabaatu isaan eeggata.

Morkataan isaanii Ji'oo Baayidan qabiinsa weerara kanaarratti Tiraamp lammiilee Ameerikaarrraa hanqiseeraa jechuun qeeqan.