Koronaavaayiras: Tiraamp maaskii godhachuu diduun qondaaltota mufachiise

Pirezedaanti Tiraamp Maaskii qabatanii yeroo dhaabbatan

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp of-eeggannoo koronaavaayirasiif taasifamuun maaskii godhachuu dhiisuun isaa qondaaltota mufachiise.

Pirezidaantichi kaleessa wayita kubbaaniyyaa konkolaataa guddicha biyyattii ,Ford, daawwatanitti wayita ibsa gaazexeessitootaaf kennan maaskii ofirraa baasan.

Jaallan isaan waliin turan maaskii of-eeggannoon uffatanis Tiraamo garuu ,’’An maaskii kanan uffadhuuf of mul’isuuf yookiin ammoo ittiin bohaaruuf miti,’’ jedhan.

Kutaa biyyaa Michigaan keessatti kan argamu kubbaaniyyaa kana akkuma seenaniin silaa kan bakka kanatti of-eeggannoon cimaan barbaachisu isaan garuu maaskii baasanii harkatti osoo baatanii mul’atan.

''An haasawa gochuufan jedha. Kanaaf maaskii hin godhadhu. Yoo suuraaf yookiin viidiyoof barbaaddan kan sila alatti waraabdan fayyadamaa,'' jechuun gaazexeessitootatti himan.

Abbaan Alangaa Walii gala Michigaan pirezidaantichi akka qajeelfama seera fayyaa hordofan gaafatanis, isaan garuu ,’’an guyyuu waanan koronaavaayirasiif qoratamuuf kiyya rakkoo hin qabu’’ jechuun ittiin falman.

Namoota hedduu maaskii godhatanii turan waliin kan turan Tiraamp, wayita namoonni akka godhatan itti himan qoosaadhaan itti deebisaa turan.

‘’Duratti godhadheen ture. Baayyee narraa bareeda. Amma garuu haasaa godhuuf waanan deemuuf hin godhu. Bakka na barbaachisutti godhadheen ture. Bakka kanattimmoo akka nah in barbaachisne natti himameera.

Gochi isinirraa mul’atu kun lammiilee Ameerikaaf fakkeenyummaa akkamii qabaata jechuun gaazexeessituun tokko wayita gaafattu,’’Kallattii lamaanuu fakkeenyummaa qaba. Akkan gorfametti godhadheera. Ammas akkan gorfametti dhiiseera.’’ Jedhan.

Iddoo kanatti namni hundinuu qoratamee jira waan ta’eef maaskiin hin barbaachisu jedhan.

Anis ganama kana qoratameera, waan maaskii uffannuuf hin qabnu jechuun ejjennoodhaan didan.

Kubbaaniyaa oomisha konkolaataa Ford kan meeshaa hargansuuf tumsu(ventilator) Michigaan keessatti hojjechaa jiru wayita daawwatan dubbiisaaniitiin jaallan isaainii dabalatee namoota hedduu kan mufachiisan Tiraamp, weerarri vaayirasichaa marsaa lammataaf deebi’ee ni ka’a yoo ta’e waanti biyya keenya cufnuuf hin jiru jedhan.

‘’Weerarri kun yeroo lammaffaaf deebi’ee ka’uu mala. Garuu inni marsaa jalqabaa Ameerikaatti jabina waan horeef, akka kanaan duraa biyya keenya cufnee hin teenyu. Diinagdee keenyas waan miinuuf hin qabnu’’ jedhan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa