Koronaavaayirasiin Afriikaa keessatti to’atameeti moo dhokfameeti?

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) lammiileen Afriikaa miiliyoona 250 ta’an waggaa jalqabaa weerara koronaavaayirasii keessatti vaayirasichaan qabamuu malu jechuun akeekkachiiseera.
Kanneen keessaa ammoo 150,000-190,000 kan ta’an lubbuu dhabuu malu jedheera dhaabbati kun.
Afriikaa keessatti hanga ammaatti vaayirasichaan kan qabaman 100,000 gadi.
Ogeeyyiin WHOn garuu vaayirasichi yeroo dheeraaf Ardii Afriikaa keessa akka turuu malu akeekan.
Akkasumas biyyoonni Afriikaa irra jireessaan ittisa vaayirasichaarratti xiyyeeffachuun dhimmoonni fayyaan walqabatan biroon akka irraanfataman godheera.
Ofii baay’inni namoota qabamanii kan xiqqaateef biyyoonni Afriikaa vaayirasicha to’ataniiti moo namoota qabaman osoo hin galmeessin hafaniiti?
Biyyoota Afriikaa shan keessatti haala deemaa jiru akkanaan qixeessineerra.
Itoophiyaa keessatti namoonni qabaman muraasa
Itoophiyaa keessatti dhibeewwan da’umsaan walqabatanii fi garaa kaasaatti aanee dhibeen du’aaf lammiilee saaxile dhibee sirna hargansuu ta’uu qorannoon ni mul’isa.
Biyya keessatti dhibeen sirna hargansuun walqabatu hammaataa ta’us, vaayirasii sirna hargansuu miidhu, koronaavaayirasiif, garuu lammiilee hedduun hanga yoonaa hin saaxilamne.
Ogeeyyii fayyaa biyyattii dabalatee lammiilee hedduun osoo sirnaan qoratamee galmaa’ee lakkoofsi namoota qabamanii kan amma jiru ni caala shakkii jedhu qabu.
Inumaa duraan Itoophiyaan lakkoofsa dijiitii tokko qofaa guyyaatti gabaasaa turte, amma sun gara dijiitii lamaatti guddateera.
Hanga yoonaa namoonni Itoophiyaa keessatti qabaman 400 gadi.

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan wayita biyyoonni tarkaanfiiwwan akka uggura sochii uummataa fudhatan, isheen hojiirra hin oolchine.
Kunimmoo lakkoofsi namoota qabamanii kan gabaafameen ol ta’uu mala shakkii jedhu uumeera.
Keeniyaan dhukkubsattoota muraasa qabdi garuu kan du’an hedduudha
Doktaroonni Hospitaala Magaalaa Naayiroobii keessa hojjetan akka himanitti Ji’oota Muddee hanga Bitootessa gara jalqabaa lakkoofsi namoota dhibeewwan akka TB, daranyoo sombaa fi dhibeewwan sirna hargansuu biraan qabamanii hospitaala seenanii dhibbeentaa 40n dabaleera.
Giddu galeessa ji’a Bitootessaarraa garuu dhibeewwan kunneen akkaan hir’ataniiru.
Sababni isaas jedhu doktaroonni akka maqaansaanii eeramu hin feene, mootummaan weerara koronaavaayirasii to’achuuf jecha yeroo uummanni ala turuu qabu waan murteesseefi.
Keeniyaa keessatti namoonni soda koronaavaayirasiif jecha gara hospitaalaa deemuu irraa of qusataniiru.
Sababni isaas mootummaan namni shakkame baasii ofiisaatiin iddoo adda of baasan tura jedhee waan labseef.
Biyyattii keessatti koronaavaayirasiidhaan qabamuun akka yakkaatti ilaalamaa ture.
Namni waan shakkamee adda ba’eef qofa qoollifatamaa fi haleelamaa tureera.

Madda suuraa, Getty Images
Dabalataan bakki itti adda of baasan kan mootummaan qopheesses inumaa balaa biraaf kan nama saaxilu waan ta’eef uummanni garas deemuurraa of qusata.
Kanaafuu yeroo ammaa biyyattii keessatti erga weerarri vaayirasichaa eegalee lakkoofsi namoota du’aa jiranii akkaan dabaleera, garuu kanneen vaayiraichaan qabaman hanga ammaatti qofa.
Naayijeeriyaa gara kaabaatti namoonni qabamanis, kanneen du’anis hedduudha.
Naayijeeriyaa keessatti koronaavaayirasiin ji’a sadi dura mul’ate.
Ergasii Kaaba biyyattii naannoo Kaanoo jedhamu keessatti lakkoofsi namoota qabamaniis ta’ee du’anii akkaan dabaleera.
Ogeeyyiin fayyaa biyyattii erga weerarri vaayirasichaa eegalee lakkoofsi namoota dhibeewwan sirna hargansuun walqabatuun dhibamanii akkaan dabaleera jedhu.
Erga waggaa 60 dura weerarri koleeraa ka’ee namoonni hedduun dhumaniiti kun isa hammaataadha jedhan.
Namoonni dhibee sirna hargansuun qabamanii hospitaala seenan hedduunsaanii Covid-19 qabaachuunsaanii mirkanaa’eera kan jedhan doktaroonni biyyattii osoo qorannoon cimee lakkoofsi namoota qabamanii kana caala jedhan.
Naayijeeriyaan baay’ina uummataa miiliyoona 200 caalu qabaachuun Afriikaa keessaa jalqabarra jirti.
Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoota 6000tu vaayirasichaan qabaman.

Madda suuraa, Getty Images
Koongoo keessatti vaayirasichi osoo hin beekin mul’ataa jira
Mootummaan Dimokiraatik Rippaablik Oof Koongoo koronaavaayirasiin Bitootessa keessa yeroo jalqabaaf biyyattii keessatti mul’achuu ibsa.
Doktaroonni magaalaa Kinshaasaa garuu vaayirasichi sana dura argame jedhu.
Ifatti adda baasnee beekuu baannus Muddee fi Amajjii keessa namoonni mallattoon vaayirasichaa irratti argame hospitaala dhufaa turan jedha doktarri hospitaala magaalaa Kinshaasaa keessaa hojjetu tokko.
Itti dabalees,’’nuti ogeeyyiin fayyaallee osoo hin beekin hedduun keenya waan vaayirasichaan qabamne natti fakkaata.’’ Jedhe.
Biyyi kun hanqina meeshaalee fayyaa irraan kan ka’e namoota muraasa koronaavaayirasiif qoratte.
Hanga ammaatti namoonni 1,600 ta’an vaayirasichaan qabamuu kan gabaaste Dimokraatik Rippaablik Oof Koongoon erga bara 2018 as dhibee Iboolaatiin namoota 2,000 caalan dhabdeetti.
Yugaandaan mala ittiin sababa du’aa adda baasan ‘Verbal Autopsy’ fayyadamtiKoronaavaayirasiin Afriikaa keessatti to’atameeti moo dhokfameeti?
Yugaandaan biyyoota Baha Afriikaa keessaa lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii muraasa gad-aanaa kan qabdu ta’us sochii uummataa ugguruu fi tarkaanfiiwwan biroo ittisa vaayirasichaaf oolan irratti garuu kan ittiin gitu hin jiru.
Biyyattii keessatti hanga ammaa vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa’e 260, kan du’e hin jiru.
Yugaandaan konkolaachistoota konkolaataa fe’umsaa gurguddaa oofan, kanneen daangaa qaxxaamuranii biyyoota olaatii gara biyyashee seenan irratti xiyyeeffattee qoratti.
Pirezidaantiin Waldaa Haakimootaa Yugaandaa Dr Richaard Idroo akka jedhanitti ogeeyyiin fayyaa biyyasaanii uggura sochii kaa’amerraa kan ka’e hospitaala deemaa waan hin jirreef namoota mallattoo vaayirasichaa qaban qixa sirrii ta’een gabaasaa hin jiran.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni mallattoo vaayirasichaa sasalphaan irratti argame akka mana turan waan ajajamaniif, lakkoofsi namoota qabamanii otoo hin galmaa’in hafe hedduu ta’uu mala jedhu.
Tibbana Pirezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Museveeniin namni sababa Covid-19’n du’uusaa adda baasuuf mala ittiin sababa du’aa adda baasuuf nama gargaaru, ‘Verbal Autopsy’ akka fayyadaman ibsanii turan.
Pirezidaantichi uggura sochii uummataa kaa’an laaffisuudhaan dura nama waggaa ja’aa olii hundaaf maaskii hiruufis waadaa galaniiru.
Ergasiis iji lammiilee biyyattii hundaa maaskii argachuuf jecha isaanirra buufateera.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















