Koronaavaayiras: Kanneen daldala saal-quunnamtii keessa jiran akkamiin Covid-19 dandamatu?

Dhaabbati tola-ooltummaa ‘Safer Wales’ jedhamu erga weerara koronaavaayirasiitii warreen daldala saal-qunnamtiitiin jiraataniif akkaataa mana keessaa osoo hin bahiiniifi bifa dhibee kanaaf hin saaxilamneen akka ta'utti jijjiiruun deggersa taasisaa jira.
Dhaabbati kun bara 2005 irraa kaasee dubartoota hojii sal-quunnamtiitiin jireenyasaanii gaggeessan deggeraa jira.
Hoogganaan dhaabbata kanaa Bernie Bowen-Thomson sababa weerara koronaavaayirasiitiin pirojektii namoota kunneen deggeruuf eegalle gufachuu hin qabu jedhan.
Kanaafuu karaa interneetii walarguun deggersa isaanii akka itti fufan ibsan.
Akka dhaabbati tola-ooltummaa kun jedhutti, erga uggurri sochii uummataa labsamee as maamilootas ta’e dubartoonni hojii saal-quunnamtiin jireenyasaanii gaggeessan hojii kanarratti qaamaan hirmaachuurraa of qusataniiru.
Hoogganaan dhaabbatichaa Bowen-Thomson akka jedhanitti, haalli kun dubartoota kunneeniif qormaata cimaadha, kanaafuu bakka isaan mana turuuf dirqamanitti deggeruun dirqama jedhan.
Uggurri kaa’amee torbeewwan afran jalqabaa keessatti dhaabbati tola-ooltummaa kun nyaataa qixaa’ee qophaa’e 60 fi bilbila mobaayilaa 10 biteera, bilbila 13 ammoo ajajee jira.
Hojiin kun dubartoonni kunneen akka deggeramaniifi odeeffannoo akka argatan, akkasumas kophummaan akka itti hin dhagahamneef ni gargaara jedha dhaabbati kun.
Dubartoonni kunneen qaamaan namarraa fagaatanii jiraatanis akka hin mukoofneef bilbila bituufiis hima.
‘’Battalittiima sanattillee vaayirasicha sitti dabarsuu danda’u’’
Dubartiin Mistress Pearll Kibba Wales kan jiraattu yoo ta’u, hojii kana waggaa tokkoof hojjetaa turte. Maddi galii ishee kana qofa.
Yeroo ammaa karaa interneetii qofa tajaajila kennaa jirti. Garuu dhiironni ammallee qaamaan ishee arguuf dirqamsiisaa akka jiran dubbatti.
‘’Ammallee akka wal-quunnamnu na gaafatu. Yoon didu ammoo na kadhatu. Battala tokko qofa naan jedhu. Garuu battaluma sanatti vaayirasicha sitti dabarsuu danda’u,’’ jechuun sodaa qabdu ibsiti.

Dubartiin kun erga hojii saal-quunnamtiitiin maallaqa argachuu eegaltee guyyaatti dhiirota lama kan quunnamaa turte yoo ta’u, amma garuu haala rifaasisaa akkasii kana keessatti namoonni hojii akkanaarraa akka of qusatan gorsiti.
Yeroo ammaa marsariitii suuraafi viidiyoon irratti beeksifamuufi gurguramutti dhimmi ba’aa jirti.
Marsariitiin kun wayita uggurri labsamee jiru kanatti maamiloota hedduudhaan dhiphachaa jiraachuu ibseera.
Yeroo kanatti dubartoonni saal-quunnamtii akka madda galiitti fayyadamaa turan hedduun hojii kanarraa of qusatanii beelaaf saaxilamaniiru, kaan ammoo jiruunsaanii akka hojiisaaniitti deebi’an dirqamsiiseera.
Jiraataan Kaardiif kan gaa’elasaatiin alatti quunnamtii saalaaf dubartii biraa quunnamuu barbaade tokko, ’’yeroo uggura sochii ummataa keessa jiraannus yeroo dheeraaf ergan dubartiin quunnamuu barbaade waliin dubbadhee booda yeroo gabaabduuf nan quunnama,’’ jedhe.
Mootummaan Wales gamasaatiin dubartoota hojii kanaan jiraatan deggeruun cimee itti fufuu qaba jedheera.
















