Afrikaa Kibbaatti namichi jaalallee isaa osoo seeraan ala dabarsuu to'atame

Dubartii Konkolaataa keessa jirtu

Madda suuraa, Tiwiitera MEC Faith Mazibuk

Afrikaa Kibbaa bulchiinsa Guwatengi keessatti yeroo weerara Covid-19 hir'isuuf jecha sochiin ugguramee jirutti namichi jaalallee isaa 'konkolaataa keessa dhokfatee' utuu deemuu to'annoo jala ooleera.

Jimaata darbe ture iddoo keellaatti jaalalleen namichaa dudubbee konkolaataasaa keessatti argamuu ishee qondaalli poolisii Feeyiz Mazibuko Tiwiitara gubbatti bareessiteetti.

Konkolaachisaan eeyyama hin qabne kun gara bulchiinsa bahaa Mipumalangaa imalaa ture jetti.

Dubartiin kunis 'dhoksamuuf walii galuun ' himatamuu ibsiteetti.

Jalalleewwan kun dhimma kanaratti yaada hin kennine.

Afrikaan Kibbaa uggura sochii Bitootessa 24 irratti torban sadiif kan labsite ta'us, boodarra angaa'onni hanga dhuma Eblatti dheereessaniru

Namoota tajaajila barbaachisaa kennu jedhamaniin alatti sochii biyyittii guutummaa dhorkamee jira.

Lakkoofsa namoota koronaavayirasiin qabamnii 3,000 ol qabaachuun biyyittiin Afrikaa keessatti dursaa jirti.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X