Dubartiin ganna 68 Naayijeeriyaatti lakkuu deesse

Haati mucaa yeroo duraaf lakkuu ulfoofte jedhameera

Madda suuraa, LUTH

Ibsa waa'ee suuraa, Haati mucaa yeroo duraaf lakkuu ulfoofte jedhameera

Dubartiin ganna 68 biya Naayijeeriyaatti yeroo jalqabaaf lakkuu ulfooftee haadha ijoollee lamaa taate.

Hospitaalli Yuunivarsiitii Leegoos jiru dubartiin ganna 68 lakkuu dahuushee Dilbata kaleessaa beeksise.

Dubartiin kuni wal'aansa baqaqsanii hodhuu yookiin oppireeshiniidhaan torbee 37 irratti deesse.

Yeroo ammaatti haatii fi ijoolleenis nagaa isaaniiti jedhameera. Ijooleen dhalataniis dhiiraafi dubartiidha.

Hospitaalichi suuraa haadhaa fi ijoollee fuula Tiwiitaraarratti maxxanseera:

Dubartiin umrii hammanaa sanuu lakkuu yoo deessu akka hispitaalichaati kan jalqabaati jedheera hospitaalichi.

Dahumsa irratti wantootni ajaa’iboo biroo kana dura mudatanii beeku.

Kana dura dubartin umrii 73 takkaa mucaa godhatanii hin beekne biyya Hindiitti lakkuu da’aaniiru.

Gama kaaniin, dubartiin lammii Bangilaadesh ega ilma tokko deessee ji'a tokko booda daa'imman lakkuu dahu ishee kana dura doktoorri ishee BBC'tti himaniiru.

Doktoroonni gadameessa ishee lammaffaa keessatti daa'imman lakkuu biroo jiraachuu baranii yaala baqaqsanii wal'aanuu tasaa godhaniifiti kan ilmoon dhalatan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Haadha deessee guyyaa shan geesseef sirna addaa taasifamu