Koronaavaayiras: Ruwaandaatti loltoonni manaa bahuun yeroo dhorkamee jirutti dubartoota gudeeduun himataman

Ruwaandaatti weerara koronaavaayirasii ittisuuf jecha loltoonni manaa bahuun yeroo dhorkamee jirutti seera kabachiisuutti jiran dubartoota gudeeduun himataman
Biyya Ruwaandaa magaalaa Kigaalii keessatti loltoonni qajeelfama sochii dhorkuu hojiirra oolchuuf bobba'anii jiran dhiirota reebuufi manaa ar'iuun, akkasumas dubartoota dirqiin gudeeduun himataman.
Jiraattonni magaalattii naannoo Niyaarutaramaa jedhamtuufi bakka namoonni harka-qalleeyyiin baayyinaa jiraatanidha loltoota kana kan himatan.
Ruwaandaan weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf guutuummatti erga lammileesheetti mana cuftee torban lama guuteera.
Himannaa jiraattonni magaalaa Kigaalii dhiyeessan kana irratti guyyaa har'aa qorannoon gaggeeffamuu jalqabameera.
Qondaaltonni waraanaa jiraattota naannoo itti himannaan kun dhiyate deemuun mana barumsaa dhiyeenya sana jirutti jiraattota waamuun yaada himata isaanii fuudhaa jiru jedha rippoorterri BBC Kigaalii jiru.
Dubartiin tokko BBCtti akka himtetti loltoonni qawwee qabatanii Bitootessa 26 halkan walakkaa dhufanii karra isaanii rurukkutuun, abbaa warraa ishee gadi baasuun erga reebanii booda yeroo isheen maaliif akkas gootu jettee gaafattutti, ija abbaa warraa ishee duratti gudeedan.
Dhiironni biroon naannoo sana jiran akkam akka malee akka reebaman bakkawwan reebaman ammayyu mul'atu agarsiifataniiru.
Akka namoonni kun jedhanitti loltoota dabareen hojii seera kabachiisuuf bahan sanaan qabeenyi isaanii jalaa samameera.
Dubbi Himaan Humna Ittisa Ruwaandaa miidiyaalee biyya keessaatti akka himanitti himannaa jiraattonni dhiyeeffatan kanaan walqabatee qondaaltonni waraanaa shan to'atamaniiru.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'

Har'a, namoonni hangi tokko hacuuccaa loltoonni qaqqabsiisan jedhan dhiyaachuun dhugaa bahaa akka turan Rippoorterri BBC Kigaaliirraa gabaaseera.
Naannoo sanattis qondaaltonni waraanaa ni argamu.
Ruwaandaa keessatti miidhaan loltoota hojii halkan akka naannoo eeganiif bobba'aniin kanaan dura qaqqabuun isaa gabaafamaa ture.
Bara 2017 keessa, loltoonni Ruwandaa lama jiraata Kigaalii tokkotti dhukaasuun ajjeesuun himatamanii hidhaan umurii guutuu itti murtaa'eera.












