Koroonaavaayiras: Doonaald Tiraamp lammiileen Ameerikaa maaskii akka kaawwatan hin ajaju jechuun waadaa seenan

Madda suuraa, EPA
Pirezidantiin US Doonaaldi Tiraampi, tamsa'ina koroonaavaayiras hir'isuuf jecha Ameerikaanotaan maaskii kaawwadhaa jedhee hin ajaju jechuun waadaa seenani.
Namtichi yaada kana kan kennan, ogeessi olaanaa dhukkuboota daddarbanii Dr. Antoonii Foochii hoggantoonni naannoleefi federaalaa lammiileen maaskii akka kaawwataniif akeekkachiisuu qabu erga jedhaniin booda.
Akka Dr. Foochiitti golgaa fuulaa kaawwachuun, ''baay'ee barbaachisaa fi hundi keenyayyuu fayyadamuu kan qabnudha''.
Dhimmi maaskii kaawwachuu kun US keessatti siyaasa cimaa erga ta'ee bubbuleera.
Bulchitoonni kutaalee biyyattii heddumminni maaskii kaawwachuun filannoo osoo hin taane dirqama akka ta'uuf ajaja dabarsanii jiru. Isaan keessaas miseensi Riippabliikaan Keey Aayivii Alaabaamaa irraa ni argamu. Jalqaba mormaa turanus dirqama taasisanii jiru.
Tiraampi ofiifiyyuu maaskii hin kaawwadhu jechaa erga turanii booda Sanbata Xiqqaa darbe ture yeroo jalqabaaf kaawwatanii ummatatti as kan ba'an.
Haasaa 'Fox News' waliin taasisaniin garuu, akka federaalaatti ummanni maaskii akka kaawwatu dirqisiisuu isa jedhuu waliingalu jedhaniiru. Ummanni ''bilisummaa'' qabaachuu qaba jechuun.
Kutaalee biyyattii kamitti vaayirasichi heddumminaan nama qabaa jira?
Kutaaleen bulchiinsaa US hedduun, keessumaa warreen Kibba jiran, namoonni hedduun koroonaavaayirasiin duraa qabamaa jiru.
Hojjattoonni fayyaa dhibbaan lakkaa'aman namoota haaraa qabaman yaaluun anga'oota akka deeggaraniif gara Teeksaas fi Kaalifoorniyaatti ergamanii jiru. Teeksaas fi Ariizoonaatti ammoo konkolaataawwan reeffa diilalleessuuf gargaaran ergamnii jiru.

Madda suuraa, Reuters
Hoospitaalonni Filooriidaatti namootaan dhiphatanis kutaaleen 'ICU' isaanii humnaa ol guutuufi nama haaraa vaayirasichaan qabame akka hin simanne beeksisaa turani.
Naannooleen gariin ammoo fedhii qorannoo vaayirasichaaf qabaniin rakkoo keessa jiru.
Piitarsibargifi Peensilveeniyaan aammoo namoonni mallattoolee arguun of shakkanii qorannoof deeman guyyoota 14'f mana akka turaniifi giddu-galoota qorannoo akka hin rakkisne itti himameera. Haawaayi gama ishiitiin, meeshaaleen qorannoo waan na hanqataniif, namoonni alaa as dhuftan guyyoota 14'f adda of baasaa ajaja jedhu yoo xiqqaate ji'a tokkoof akka turu taasiftee jirti.
Manneen barnootaawoo akkamitti jiru?
Keessumaa naannolee ummanni itti baay'atu lameen Teeksaas fi Kaalifoorniyaatti daa'imman miiliyoonotaan lakkaawwaman, bara barumsaa haarawaaf mana barumsaatti akka hin deebine itti himameera.
Barumsiifi akkaataan manneen barumsaa deebisanii itti banan, dhimma siyaasaa ijoo warreen ta'an keessaa isa tokko dha.
Dambiin haaraa manneen barumsaa deebisanii banuu irratti fuulleffatu Giddu-gala To'annoo Dhukkubootaa 'CDC' Ameerikaatiin torbee kana gadhiifamuuf qophaa'aa jiraatus, miidiyaaleen biyyattii garuu manneen barumsaa akka hin banamne dursanii gabaasaa jiru.
US ammallee weerara vaayirasii kanaaf wiirtuu taatee itti fuftee jirti. Namoonni miiliyoona 3.6 vaayirasichaan akka qabaman yoo mirkanaa'u, kuma 139 kan caalan ammoo lubbuun isaanii dhibee kanaan badeera, kunis lakkoofsa isa olaanaa addunyaati.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras


















