Koronaavaayiras: Maaskii banaa uuruu mul'isuuf fayyadamuun barbaachisaa ta'aa jira

Amma amma lafa hojiittis ta’e gabaatti namni maaskii uffatu yeroo haasa’u waan jedhu adda baasuuf kan rakkachaa jiru nama hedduudha.
Namoota rakkoo dhagettii qaban ykn dhaga’uu hin dandeenye ammoo maaskiin waan jedhamu tasumaa akka isaan hin hubanne taasisee jira.
Namootni dhagahuu hin dandeenye hedduun afaanii fi miira fuula namaarra jiru ilaalaa waan namni sun dubbatu hubatu.
“Yeroo namni maaskii fulatti godhatee jiru odeessu, dandeettiin ani itti afaanifi miira fuula isaanirra waan jedhan ittin dubbisuu danda’u na jalaa bada,” jetti oggeettin fayyaa daa’immanni UK Fiiz Izagaren kan umurii ganna lamaa egaltee dhageetti ishee dhabde.
Rakkoon ishee qunnamuu kun kan namoota addunyaa gara miiliyoona 466 ta’an kan qunnamudha, kunneen akka WHOtti namoota dhageetti hin qabnedha.
Weerara koronaavayirasii hir’isuuf maaskiin biyyootti hedduu biratti fayyadamamaa jiru, afaan waan haguuganiif waan namni dubbatu adda baasuun akka cimu taasisu.
Amma garuu dhabbileen tola ooltummaa fi omishtoonni hedduu kanaaf furmaata fidaa jiru.
Dhabatti ‘Main dans la Main’ jedhamu Firaans magaalaa Chevriyeer keessati kan namoota dhageetti hin qabnu gargaarudha. Dhaabbilee addunyaa maaskii afaan mul’isu uuman keessa isa tokkodha.
Hundeessituun dhaaba kanaa Keelii Moreloon harmee ishee Silvii waliin ta’u maaskii funyaan haguugee afaan garuu akka mul’atu godhuufi bishaan ho’aan miiccamuu danda’u uumu irratti hojjataniiru.

“Karoorri maaskii kanaa inni guddaan namootni dhaggeetti hin qabne afaan nama waliin dubbatanii ilaalanii akka waan haasa’amu hubbachuu danda’an gochuudha,” jechuun Keeliin BBCtti himteetti.
“Garuu namoota dhageetti hin qabne dabalatee, namoota otistikii ta’aniifi daa’imman nama maaskii uffate soddaachuu danda’anii ykn miira fuula isaania arguu fedhan bayyee gargaaru danda’a.
Waan hundaafu maaskiin kun kofa ykn seequu nama akka agartuuf si gargaara. Yeroon kun yeroo gaddisiisaa waan ta’eefa ammo kun wanta barbaachisaadha.
Fakkeenyaaf, biyyooti akka US, Iskootilaandifi Indooneeshiyaa keessatti akka dhaabbata addunyaa birootti godhanitti Keeliifi harmeenshee maaskii kana oomishanii gabaaf dhiyeessu hin dandeenye.
Kanaaf, malli isaan uumaan namootni akkamiin maaskii kana ofiif hojjatachuu akka danda’an goorsuudha, isaafis qajeelfama hedduu intarneeta gubbaa kaa’aniitu.
Garuu bakka maaskiin manatti hojjatame itti hin fayyadamneefi garuu mirri fulaafi hasaan barbaachisaa ta’e- hospitaaladha.

US keessatti dhaabbatti FDS (Bulchiinsa Nyaatafi Qorichaa) irraa raga argatee maaskii afaan mul’isu hojii kilinikaaf oomishu tokko qofadha.
Maaskiiwwan akkanaa 500 amma hospitaalaa Dubartootaafi Biringihaam, magaalaa Boston US jiru keessatti fayyadamamaa jiru. Ammatti maaskii kun kan fayyadamamu ogeessoti fayyaa yeroo namoota dhageetti hin qabne waliin hasa’anidha.
“Yeroo weerarri Covid-19 eegale… fayyadamni meeshalee of eeggannoo akka dabaluufi innimoo hariroo dubbii irratti rakkoo akka uumu dafnee hubbanne,” jedhu Birigihaamitti garee miidhama qaama dursan Dr Cheerii Bilaweet.
“Dhukkubasoottonni nu bira dhufan maaskii kanaratti gammadoo ta’uu nuuf ibsaniiru. Hospitaalota biraa kessummaa kan daa’immanii irraa ammo maaskii kana fayyadamuuf nu gaafachaa jiru.”
UK keessatti oomishtoonni maaskii afaan mul’isu kanaa hospitaalotaaf omishuuf ragaasifaman hin jirani.
Hojjattuun Hospitaala Firimlii Paark, Sarrii, UK, Fiiz Izagaren, ofiis kan dhageetti hin qabne, sababa maaskii barameen hojiisheef dhukkubastoota waliin hasa’uu akka hin dandenyeefi waayiloota ishee waliinis hasa’uu waan hin dandeeyyef qofummaan akka itti dhaga’amu dubbatti.
“Maaskiin afaan mul’isan bakkaa eegumsaa fayyaa keessatti wanta baramaa ta’uu qaba,” jetti.
Ammaa omishtoota waliin ta’uun maskii dhaabbileen fayyaa NHS fayyadamuu danda’an irratti hojjachaa jirti. Garuu omishtooti jiraatanis hojiirra oolchuuf yeroo dheeraa fudhachuu danda’a.
Maaskii barame fayyadamuun hojjatoonni fayyaa dhukubsatoota irraa eeyyama wal’aansaf barbachisuu argachuu irratti rakkoo uumaa jira kan jedhu yaaddoon jira.
Landanitti narsiin kutaa wal’aansa oolaanaa fi ofiin dhageetti kan hin qabne tokko akka BBC’tti himteetti “ maaskiin afaan mul’isan hojiikoo naaf salphisu,” jetti.
“Hojiikoo seeraafi of eeggannoon hojjachuu nan danda’a. Namoota biraa irratti hirkachuurra of danda’ee akkan hojadhuuf na gargaara.”
UKtti dhabbileen tola ooltummaa saddeet maaskiin afaan mul’isu kun hojirraa akka olaaniif anga’ota NHS’f xalayaa barreessaniiru. Xalayaa kanaafis ta’e gaafii BBC irraa dhiyaateef NHS Ingilaand ammatti deebii hin kennine.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















