Koronaavaayiras: Tibbana namni Covid-19 qabame daran dabaluun miira akkamii uume?

Magaalaa Adaamaa, namoota beeksisa hojii dubbisaa jiran

Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argame kan guyyoota muraasa darban Ministeerri Fayyaa gabaasee daran dabalaa jiraachuun wal qabatee iddoo hedduutti rifaatuun uumameera.

Haata'u malee, magaalota hedduu keessatti namni ammallee sochii idilee dur barame keessaa hin baane.

Rippoortarri BBC Adaamaatti argamu magaalicha keessa naanna'uun ilaale, Adaamaan sochii idilee irraa garaagarummaa hin qabdu jedha.

Namoota lafoo magaalicha keessa socho'an keessaayis walakkaa kan tahan maaskii (haguuggii afaaniifi funyaanii) kan godhatan miti.

Kanneen maaskii godhatan hedduunis bifa dhukkubicha ittiisuu danda'uun osoo hin taane kaan afaan qofatti, kaan ammoo gara mormaatti gadi buusanii hidhatanii deemu.

Sochiiwwan daldalaa fi hiriirrii dhaabbilee tajaajila kennan duratti taasifamus akkuma duriitti jira jedhe.

"Namni inuma dide"

Tibbana namni vaayirasichaan qabame tokko kan keessatti argame magaalaa Amboorraa kan dubbisne jiraataan magaalattii tokko namni hedduun rifaatuu keessa akka jiru dubbata.

Haata'u malee, gama sochii xiqqeessuufi tarkaanfii of eeggannoo fudhachuutiin garuu wanti haaraa mul'atu hin jiru jedha.

"Gabaanis, sochiin namootaas akkuma durii jira" jedha.

''Oduun kun erga dhagahamee as [lakkoofsi daran dabaluu erga eegalee] namuu naasuu keessa jira" kan jedhan lubni waldaa Kiristaanaa, magaalaa Holataa tokko, "namni garuu inuma dide," jedhu.

"Gorsa mootummaafi ogeeyyiin fayyaa jedhan hin dhagawu - walirraa fagaachuun hin jiru. Nutis abbootiin amantaa akkuma amantaa keenyaatti, dabaree godhachuun, hawaasa keessa naanna'uun hubannoo umuuf sochii eegalleerra,'' jedhu.

Yeroo hammi nama qabamee haalan dabalaa jiru kanatti of eeggannoon yeroo jalqaba dhukkubichi argame hawaasa biratti mul'atee ture maalif bade kan jedhu gaaffii nama hundaati.

Bitootessa 13, guyyaa namni jalqabaa vaayirasichaan qabamuun gabaafamuu hordofuun namni hedduun rifaatuu keessa galee tarkaanfiiwwan of eeggannoo dhuunfaas ta'e kan mootummaan dabarse hojiirra oolchaa ture.

Sochiin hubannoo uumuufi duulawwan tola ooltummaa adda addaas taasifamaa turan.

Haata'u malee, torbanoota muraasa itti aanan keessati namuu gara sochii idileetti deebi'uu eegale. Of eeggannoon taasifamus laaffataa dhufe.

Ministeera Fayyaa Itoophiyaatti gorsaa sagantaalee tajaajila fayyaa kan ta'an Dr Silashii Gaaromaa, vaayirasichi biyya keessatti argamee torbanoota jalqaba of eeggannoon cimaan taasifamaa akka turee BBC'tti himaniiru.

Booda garuu namni guyyuu qabamu tokko lama qofa ta'uu isaan wal qabatee namni of eeggannoo laaffisee suuta gara sochii idileetti deebi'e jedhu.

Namni hedduun galii guyyuu argatuun waan jiraatuuf sochii hir'isuu akka hin dandeenyes himu Dr Silashiin.

Ogeeyyiin fayyaa BBC'n dubbise mootummaan dhorka jalqaba geejjiba uummataarra kaa'ee ture kaasuun namni akka sodaa hir'isu gumaacheera jedhu.

"Siyaasaaf jedhaniiti..."

Guyyoota muraasa darban erga lakkoofsi namoota haaraa guyyuu vaayirasichaan qabamanii daran dabaluu eegalee as tarkaanfiin dabalataa sadarkaa biyyaatti mootummaan fudhate hin jiru.

Namni hedduun mootummaan tarkaanfii ittisaa gahaa fudhachuu dhabuu komata.

"Uummatni gadhiisii socha'awoo maaf hin babal'atu?, Mootummaan uummata gadi dhiisee jira," jedha jiraataan magaalaa Naqamtee tokko.

Mootummaan weerara vaayirasichaa ittisuuf labsii yeroo muddamaa kan nama afurii ol walitti qabamuu dhorku labsus sirnaan raawwachiisuu dhabuun qeeqama.

Sochii magaalaa adaamaa
Ibsa waa'ee suuraa, "Adaamaan sochii idilee irraa garaagarummaa hin qabdu"

Gama biraan lakkoofsi namoota qabamanii daran dabaluun, wayita sababa weerara kanaaf filannoo dheeressuufi dhiisuu irratti falmiin godhamaa jirutti ta'uun namoota hedduu biratti shakkii uumeera.

Namni hedduun 'akka waan mootummaan siyaasaaf jecha lakkoofsa ol kaasee himaa jiruutti' fudhataa jira jedha rippoortarri BBC Adaamaa jiru.

Jiraataan magaalaa Amboo BBC'n dubbises wanti kun dhugaa ta'uu hima.

"Namni baay'een siyaasa isaaniif jedhaniiti" jedha. Mootummaan TV irratti lakkoofsa qofa hima waan ta'eef namni dhugaatti hin fudhanne jira," jedha.

Ilaalchota dogoggoraa akkasii fi of dagannaadhaan magaalonni balaa hamaa dhufuu malutti qophaahaa hin jirani.

Ministeerri Fayyaa garuu vaayirasichi hawaasa keessa faca'ee jiraachuu himuun hawaasni of eeggannoo akka cimsu akeekkachiisaa jira.

Yaaddoo ogeeyyii fayyaa

Miilana lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii daran dabaluu qofa osoo hin taane, namoota vaayirasichi irratti argamee keessaa irra caalaan isaanii seenaa imala biyya alaa ykn namoota dhibee kanaan qabaman waliin tuttuqaa beekamu kan hin qabne ta'uun ogeeyyii yaaddesseera.

"Kun vaayirasichi hawaasa keessa akka seene kan agarsiisuudha" jedhu ogeessi fayyaa hawaasaa Obbo Hayilee Wuubneeh.

Kanaafis amma booda dabalaa deemuun isaa waan hin oolle jedhu.

Kanarratti of dagannaan uummataa haala amma jiruun kan itti fufu yoo ta'eefi mootummaan tarkaanfii dabalataa hin fudhatu yoo ta'e gaaga'ama hamaa uumuu akka malus dubbatu.

Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa bu'aawwaan qorannoo vaayirasichi tatamsa'aa jiraachuu isaa akka agarsiisu eeruun, tarkaanfiiwwan uggura sochii dabalataa fudhatamuu akka malan akeekanii turan.

Kanuma bu'uura godhachuun magaalaa Finfinnee, kutaa magaalaa Lidataa ollaa vaayirasichi itti hammaate 'Warada Sost' jedhamutti namni akka manaa hin baane dhorkamuu qondaalli waajjira fayyaa kutaa magaalichaa BBC'tti himaniiru.

Jiraattonni akka manaa hin baane dhorkamanii nyaataafi dhugaatiin dhiyaataafi jira jedhan.

Dhukkubichi gara kutaa magaalaa Finfinnee kaaniifi naannolee baadiyyaatti akka hin tatamsaaneef, "tarkaanfiin sochii dhorkuu qorannoorratti hundaa'e fudhatamuu qaba" jedhu ogeessi fayyaa hawaasaa Obboo Hayileen.

Uummannis tarkaanfiiwwan dhukkuba kana ittisuudhaaf gargaaru jedhamanii ogeessota fayyaatiin gorfaman jala bu'ee raawwachuu feesisa jedhu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa