Koronaavaayiras: Finfinneetti tamsa'inni Covid-19 to'annoon ala bahaa jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaa Finfinnee keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argamu guyyaa guyyaan haalaan dabalaa deemuusaa ragaan Ministeera Fayyaafi Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa ni agarsiisa.
Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa, Itoophiyaatti namoota Covid-19 irratti argame keessaa %60 ol kan ta'an jiraattota Magaalaa Finfinnee akka ta'an ibsaniiru.
Keessattuu guyyoota sadan darban keessa namoonni dhibeen kun irratti argamu baay'ee dabalaa kan jiru yoo ta'u, isaan keessaa ammoo harki caalaan Finfinnee keessattidha.
Guyyaa Jimaata Caamsaa 22, 2020 vaayirasichi namoota 34 irratti kan argame yoo ta'u, isaan keessaa 18 jiraattota Finfinneeti. Sanbata Caamsaa 23, 2020 namoota 61 koronaavaayirasiin akka irratti argame keessaas 48 kan ta'an jiraattota Finfinneeti.
Akkasumas, Dilbata kaleessaa Caamsaa 24, 2020 ammoo waliigalatti namoota 88 Covid-19 irratti argamuun mirkanaa'e keessaa 73 kan ta'an Finfinnee jiraatu.
Dhimmi caalaa ogeessota yaaddessaa jiru ammoo namoota vaayirasichi irratti argamee keessaa irra caalaan isaanii seenaa imala biyya alaa ykn namoota dhibee kanaan qabaman waliin tuttuqaa beekamu kan hin qabne ta'uu isaati.
"Namoonni vaayirasichi irratti argame hedduun isaanii seenaa imala biyya alaa ykn nanmoota dhibee kanaan qabaniin tuttuqaa beekamu kan hin qabne ta'uun isaanii, weerarri kun hawaasa keessa akka seene kan agarsiisuudha" jedhu muuxannoo waggaa 40 kan qaban ogeessi fayyaa hawaasaa Obbo Hayilee Wuubneeh.
Kanaafis amma booda dabalaa deemuun isaa waan hin oolle jedhu.
Dhibeen tokko hawaasa keessa galeera kan jedhamu maddi muummeen dhukkubichi ittiin darbe biyya keessaa yoo ta'e ykn nama naannoo isaa jiraatu irraa yoo ta'edha, kunis weerarichi hawaasa keessa babal'achusaa kan agariisuudha jedhan.
Yunvarsiitii Niiwu Yoorkitti barsiisaa kan jiruufi ogeessi fayyaa hawaasaa Dr. Abebaayoo Nugusee gama isaatiin: "Weerarri kun hawaasa keessa salphaatti tatamsa'uu carraan uumamuun akka saffisaan babal'atullee ni taasisa," jedha.
Namoonni dhibee kanaan qabaman hanga baramanitti ykn ifatti irra gahamee hanga adda baafamanitti, tuttuqaa baay'een waan jiraatuuf tatamsa'ina dhibee kanaa to'achuudhaaf yaaddessaa taasisa jedha Dr. Ababaaayyoon.
Itoophiyaa keessatti dhibeen kun erga mul'achuun isaa barame booda tarkanfiiwwan mootummaan fudhataa tureen alatti torbeewwan shan duraa keessa tarkaanfiiwwan of eeggannoo hawaasni Finfinnee fedhiisaatiin bakka hundatti taasisaa ture ol aanaa ture jedhu Obbo Hayileen.
Haata'u malee, suuta suutaan of eeggannoowwann sun laaffataa dhufanii, keessumaa tibba Ayyaana Faasikaatti hawaasni of dagachuun isaa ifatti argamaa ture jedhu.
Isaan boodas, dhorkaan geejjibarra ture laaffachuudhaan namoonni akka socho'an hayyamamuu isaa yaadachuun, "tarkaanfiin kaa'amee ture yeroo sana laaffachuu isaatu yeroo ammaa kana gatii nu baasisaa jira," jedhu.
Dr. Ababaayyoon gama isaatiin lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii jalqabarra gadi aanaa ta'ee turuun isaa hawaasa keessatti waa'een dhibee kanaa akka dagatamu taasiseera jedhu.
Dr. Ababaayyoon Magaalaa Niiw Yoorki kan ofii keessa jiraatuuttis vaayirasichi suuta suutaan babal'achuu isaa yaadachuun, "muuxannoo biyyoota biraa irraa akka arginutti torban tokkoof dagachuun gatii guddaa nama baasisa'' jedheera.
Dhukkubni kun hawaasa keessa waan seenee jiruuf lakkoofsi kana caalaa dabalaa akka deemu kan ibsu Dr. Ababaayyoon, namoonni dhibeen kun irra jiru osoo hin beekamiin namoota birootti waan dabarsaniif daran dabaluun hammaachuu danda'a jedhee yaaddoo qabu ibsa.
Kanaaf, "lakkoofsa jalqabarra xiqqaa turee, amma ammoo dabalaa dhufuun isaa, asiin achi kanarra dabalaa akka deemu waan akeekuuf tarkaanfiiwwan barbaachisan ammuma fudhatamuu qabu" jechuun gorsa.

Madda suuraa, Getty Images
Obbo Hayileenis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa deemuu isaa shakkii hin qabu jedhu.
Keessumaa Finfinneetti sochiiwwan hawaasaa waliigalaa torbanoota darban keessa mul'ataa tureen lakkoofsi namoota dhibeen kun irratti argamu dabalaa deemuun isaa kan hin olleedha jedhan.
"Yeroo dhiyoo keessattis ni hir'ata tilmaama jedhus hin qabu."
Namoota 582 koronaavaayirasiin irratti argame keessaa 377 kan ta'an jiraattota magaalaa Finfinnee ta'uu isaanii himuun, keessattuu kutaawwan bulchiinsa Lidataafi Addis Katamaatti tatamsa'inni dhibee kanaa bakkeewwan biroorra hammaataa akka ta'e aanga'oonni ibsaa turan.
Akka Obbo Hayileen jedhanitti, kutaawwan bulchiinsa magaalaa Finfinnee kanneen keessatti vaayirasichi baayyinaan kan argame, sababii namoonni vaayirasichaan qabaman naannoo sanaatti argamaniif xiyyeeffannoodhaan naannoo sana keessatti qorannoon waan taasifamaa jiruufidha.
Kana jechuun ammoo kutaawwan magaalaa Finfinnee biroon bilisa jechuu miti kan jedhan Obbo Hayileen, bakki itti qoratan bal'ataa yeroo deemutti lakkoofsi wal fakkaatu ykn kan caalaa hammaatu argamuu danda'a jechuun yaaddoo qaban dubbatu.
Mootummaan maal gochaa jira?
Mootummaan magaalaa Finfinnee gama isaatiin bakkeewwan weerarri koronaavaayirasii caalaa keessatti hammaataadha jedhame kanneeniitti tarkaanfiiwwan tatamsa'ina isaa to'achuuf dandeessisan fudhachuuf akka karoorfate dubbataa jira.
Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaas bu'aawwaan qorannoo vaayirasichi tatamsa'aa jiraachuu isaa agarsiisaa akka jiru eeruun, sochii daangessuudhaan hojiin adda baasuu hojjetamaa akka jiru ibsuu miidiyaan biyya keessaa gabaasaniiru.
Akka Dr. Liyaan jedhanitti, magaalaa Finfinneen alattis osoo seenaa imala biyya alaa hin qabaatiiniifi nama dhibee kana qabu waliin hariiroo osoo hin qabaatiin lakkoofsi namoota Covid-19 irratti argamuu dabalaa jira.
Weerara kana akka caalaa hin tatamsaaneef kutaa bulchiinsaa caalaa itti hammaateera jedhaman kana addatti sochii dhorkuudhaan to'achuuf yaaluun hin baasu jedha Dr. Ababaayyoon.
"Magaalaa Finfinneettis ta'e kutaa biyyattii biroo keessattis bakka adda baasuu osoo hin barbaachisiin tarkaanfiiwwan weerara kana ittisuudhaaf barbaachisan hatattamaan fudhachuutu wayya," jedha.
Tarkaanfiin sochii dhorkuu rakkoo biraa kan qabu ta'ulleen, "lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii dabalaa yoo kan deemu ta'e warreen kaan eeguudhaaf sochii dhorkuufi tarkaanfiiwwan biro ciccimoo fudhachuu barbaachisa," jechuun gorsa Dr. Ababaayyoon.
"Akka amma mul'achaa jiruun lakkoofsi namoota qabamanii dabaluurraa duubatti waan deebiyu hin fakkaatu. Kanaaf, mootummaan tarkaanfiiwwan of-eegannoo dabalataa ni fudhata jedheen eega," jedhu Obbo Hayileen.
Dhukkubichi gara kutaa magaalaa Finfinneefi naannolee baadiyyaatti akka hin tatamsaaneefis tarkaanfii cimaa fudhachuun barbaachisaadha kan jedhan Obbo Hayileen, "tarkaanfii sochii dhorkuu ilaalchisee tatamsa'ina dhukkubichaa hordofuuniifi qorannoorratti hundaa'uudhaan ta'uu qaba," jedhan.
"Gara filannoo biraa hin argannetti deemaa jirra. Ganda gandatti garee sakatta'an bobbaasuun guyyaa guyyaan rakkoo fayyaa jiru sassaabuudhaan odeeffannoo jiru hordofuudhaan tarkaanfii barbaachisu fudhachuun dirqama."
Akka Dr. Ababaayyoon jedhanittis, dhukkuba kana to'achuudhaaf tarkaanfiiwwan of-eegannoo gama hundaan jalqabarratti fudhatamaa turan ammallee jajjabeeffamanii bal'inaan hojiirra oolfamuu akka qabanidha.
"Namni hunduu jeeqamuu osoo hin taane, of-eegannoo taasisuurratti fuulleffachuun ofii isaaniifi namoota naannoo isaanii jiran dhukkuba kanarraa eeguun irra jiraata. Tarkaanfiiwwan of-eegannoof fudhataman baasii hin gaafanne fudhachuudhaan yaaddoo dhukkuba kanaa hir'isuun ni danda'ama," jedha Dr. Ababaayyoon.
"Carraan dhukkuba kana to'achuu itti dandeenyu nu harkaa ba'aa jira," kan jedhan Obbo Hayileen "ammallee tatamsa'ina dhukkuba kanaa osoo yeroo hin gubiin hundumtuu kan isarraa eegamu ba'ate dhaabuun ni danda'ama," jedhanii amanu.
Kanaaf ammoo tarkaanfiiwwan dhukkuba kana ittisuudhaaf gargaaru jedhaman ogeessota fayyaatiin gorfaman fudhachuu feesisa.
Barsiisuudhaanis ta'e karaa seeraatiinis qajeelfamoonni ittisaa jiran akka hojiirra oolan gochuun rakkoo hamaa gara fuula duraatti dhufuu ma;u salphisuu danda'a jedhu Obbo Hayileen.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras


















